Dhimma ijoo ta'etti seeni

CAQASOOTA KITAABA QULQULLUU IBSI IRRATTI KENNAME

Isaayyaas 40:31—“Warri Yihowaa abdatan garuu, humni isaanii ni haareffama”

Isaayyaas 40:31—“Warri Yihowaa abdatan garuu, humni isaanii ni haareffama”

 “Warri Yihowaa abdatan garuu, humni isaanii ni haareffama. Isaan akkuma risaatti qoochoodhaan ol ni baʼu. Ni fiigu, hin bututan; Ni deemu, hin dadhaban.”—Isaayyaas 40:31, Hiika Addunyaa Haaraa.

 “Warri GOOFTAA eeggatan garuu humna isaanii ni haareffatu: Akkuma risaa qoochoodhaan ol baʼu, ni fiigu hin dadhaban, ni deemuu hin bututan.”—Isaayyaas 40:31, Kiingi Jamsi Hiika Haaraa.

Hiika Isaayyaas 40:31

 Waaqni keenya Yihoowaan a namoota isa waaqeffataniif, humna rakkina isaan mudatu kamiyyuu moʼuu fi dandamachuuf isaan gargaaru akka isaaniif kennu mirkaneesseera.

 “Warri Yihowaa abdatan garuu, humni isaanii ni haareffama.” Namoonni dandeettii Waaqayyo saba isaa gargaaruuf qabutti amanaman ykn abdatan gargaarsa isaa ni argatu. (Fakkeenya 3:5, 6) Karaa Waaqayyo namoota isa waaqeffataniif humna itti kennu keessaa tokko, hafuura qulqulluu isaa isa hojii irra jiru isaaniif kennuudhaani.—Luqaas 11:13.

 “Isaan akkuma risaatti qoochoodhaan ol ni baʼu.” Fakkeenyi kun humni Waaqayyoo nama tokko irratti dhiibbaa akkamii gochuu akka dandaʼu kan ibsudha. Risaan, rakkoo tokko malee balaliʼuu fi qilleensa keessa suuta adeemuuf qilleensa hoʼaa termaal jedhamutti fayyadama. Qilleensa hoʼaa termaal jedhamu kana takkaa erga argatee booda, qoochoo isaa balʼisuudhaan qilleensicha keessaa utuu hin baʼin, asiif achi naannaʼaa suutuma suuta ol kaʼaa deema. Risaan termaalii tokko irraa gara termaalii kan biraatti asiif achi adeemuudhaan qilleensa keessa saʼaatii hedduudhaaf turuu dandaʼa. Naannoo qilleensa hoʼaa kanaa keessa yeroo balaliʼutti humna xiqqoo qofa fayyadama.

 “Ni fiigu, hin bututan.” Rakkinni jireenya keessatti nu mudatu karaa qaamaas taʼe karaa miiraa nu dadhabsiisuu dandaʼa; haataʼu malee, humna Waaqayyo nuuf kennutti fayyadamuudhaan adeemsa keenya itti fufuu dandeenya. Wanti baayʼee rakkisaa taʼe yoo nu mudateyyuu, humna wanta sirrii gochuuf nu dandeessisu nuuf kenna. Phaawulos ergamaa inni rakkoowwan ciccimaa dabarse, “Karaa isa humna naaf kennu sanaatiin jabina waan hundumaatiif na barbaachisu qaba” jechuudhaan barreesseera.—Filiphisiyus 4:13.

Yaada naannoo Isaayyaas 40:31 jiru

 Waaqayyo Isaayyaas raajichi hafuura isaan geggeeffamee yaada kana akka barreessu kan godhe Dh.K.D. jaarraa saddeettaffaatti. Caqasni kun tajaajiltoota Waaqayyoo amanamoo taʼan hundaaf waan hojjetuuf, Yihowaan jechoota kanatti kan fayyadame Yihudoota waggaa 70f boojuu jala turan jajjabeessuuf ture. Yihudoonni boojuu jalaa baʼuudhaan gara biyya dhalootaa isaaniitti yeroo deebiʼanitti, jechoonni Waaqayyo dubbate kun, raawwii isaanii yeroo argatan arganiiru. (Isaayyaas 40:1-3) Dh.K.D. bara 537⁠tti Baabiloonii kaʼanii daandii dheeraa fi rakkisaa taʼe irra miillaan b imaluudhaan hanga Yerusaalem gaʼanitti Waaqayyo humna isaaniif kennuudhaan daandii sana akka xumuran godheera.—Isaayyaas 40:29.

a Yihowaan maqaa dhuunfaa Waaqayyo ittiin waamamudha.—Faarfannaa 83:18.

b Boojiʼamtoonni kun tilmaamaan daandii gara kilo meetira 1,600 dheeratu adeemaniiru.