Dhimma ijoo ta'etti seeni

CAQASOOTA KITAABA QULQULLUU IBSI IRRATTI KENNAME

1 Qorontos 10:13—‘Waaqayyo Amanamaadha’

1 Qorontos 10:13—‘Waaqayyo Amanamaadha’

 “Qorumsi isa namoota kaan irra gaʼu irraa adda taʼe isin irra hin geenye. Haa taʼu malee, Waaqayyo amanamaa waan taʼeef, hamma baachuu dandeessan caalaa akka qoramtan hin heyyamu; kanaa mannaa, jabaattanii dhaabbachuu akka dandeessaniif, yeroo qoramtanitti karaa ittiin keessaa baatan isiniif qopheessa.”—1 Qorontos 10:13, Hiika Addunyaa Haaraa.

 “Qoramni namatti dhufee hin beekne isinitti hin dhufne. Waaqayyo amanamaa waan taʼeefis, humna keessan gararraatti akka isin qoramtaniif isin hin dhiisu, garuu qorama sana keessatti akka isin dandeessan in godha, karaa isin keessaa baatanis isiniif in kenna.”—1 Qorontos 10:13, hiika bara 1997.

Hiika 1 Qorontos 10:13

 Caqasni kun amala Waaqayyoo baayʼee jaallatamaa taʼe jechuunis waaʼee amanamummaa isaa ibsa. Tajaajiltoonni isaa amanamoo taʼan keessumaa qorumsawwan yommuu isaan mudatan Waaqayyo akka isaan gargaaru isatti amanamuu dandaʼu.

 “Qorumsi isa namoota kaan irra gaʼu irraa adda taʼe isin irra hin geenye.” Tajaajiltoonni Waaqayyoo wanta isa gaddisiisu raawwachuuf qoramuu dandaʼu. Qorumsawwan akkasii ulfaatoo taʼanis baramoo fi namoota hedduu irra gaʼee kan beekudha. a Kanaafuu, tajaajiltoonni Waaqayyoos kun akka isaanirra gaʼu hubachuu qabu.

 ‘Waaqayyo Amanamaadha.’ Yihowaan b Waaqa amanamaadha. Yihowaan namoota isa jaallatan, amanamoo taʼanii fi ajajaman akka hin dhiisne waadaa gale yoomiyyuu ni eega. (Keessa Deebii 7:9; Faarfannaa 9:10; 37:28) Kanaafuu, namoonni isa waaqeffatan, waadaa nama jajjabeessan lamaan caqasicharratti itti aansee Waaqayyo kennerratti amanannaa qabaachuu dandaʼu.

 “Hamma baachuu dandeessan caalaa akka qoramtan hin heyyamu.” Waaqayyo namni tokko qorumsa moʼuu hin dandeenyeen akka qoramu hin heyyamu; kana gochuudhaan amanamaa akka taʼe argisiiseera. Humna waaqeffattoota isaa akka gaariitti beeka.—Faarfannaa 94:14.

 “Jabaattanii dhaabbachuu akka dandeessaniif, yeroo qoramtanitti karaa ittiin keessaa baatan isiniif qopheessa.” Waaqayyo qorumsa tokko ni hambisa ykn humna waaqeffattoonni isaa qorama sana jala darbuuf barbaachisu kenna. Fakkeenyaaf, karaa hafuura qulqulluu, Kitaaba Qulqulluu irraa jajjabina ykn obbolootaa fi obboleettota irraa gargaarsa barbaachisu akka argatan godha.—Yohaannis 14:26; 2 Qorontos 1:3, 4; Qolosaayis 4:11.

Yaada naannoo 1  Qorontos 10:13​tti argamu

 Caqasni kun xalayaa Phaawulos ergamaan Kiristiyaanota Qorontositti argamaniif barreesse keessatti kan argamudha. Phaawulos xalayaa kanarratti fakkeenya seenaa Israaʼeloota duriitti fayyadamuudhaan Kiristiyaanota Qorontos akeekkachiiseera. (1 Qorontos 10:11) Waaqolii tolfamoo fi halalummaa dabalatee qorumsawwan Israaʼeloota mudatanii turan tarreesseera. (1 Qorontos 10:6-10) Israaʼeloonni tokko tokko qorumsawwan kanaan moʼamaniiru. Fakkeenya isaanii kanarratti hundaaʼuudhaan Phaawulos Kiristiyaanonni qorumsaan matumaa kufuu akka hin dandeenye yaaduudhaan garmalee akka ofitti hin amanamne isaan yaadachiiseera. (1 Qorontos 10:12) Haa taʼu malee, yaada 1 Qorontos 10:13 irra jiru dubbachuudhaan isaan jajjabeesseera. Tajaajiltoonni Waaqayyoo amanamoo taʼan qorumsa akkamiiyyuu moʼuu ni dandaʼu.

 Viidiyoo qabiyyee kitaaba 1 Qorontos gabaabsee ibsu kana daawwadhu1.

a Jechi Girikiffa qoramuu jedhu qormaata ykn dhiibba argisiisa

b Yihowaan maqaa Waaqayyo qofti ittiin waamamudha. (Faarfannaa 83:18) Mata duree, “Yihowaan Eenyu?” jedhu ilaali