Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

John Moore/Getty Images

Yaalii Fayyaa—Mootummaan Waaqayyoo Maal Raawwata?

Yaalii Fayyaa—Mootummaan Waaqayyoo Maal Raawwata?

 “Addunyaa maratti KOOVIID-19 waan dhaabbateef qofa, dhibeen fayyaa namoota addunyaa maratti argamanii balaadhaaf saaxilu hin dhufu jennee yaaduu hin qabnu.. . . Gara fuulduraattis weerarri kan biraan dhufuun isaa waan hin oolleef qophaaʼuu qabna.”—Dr. Teediros Adihaanom Gabrayesuus, geggeessaa daarikteera Dhaabbata Fayyaa Addunyaa, Caamsaa 22, 2023.

 Namoonni hedduun amma iyyuu miidhaa qaamaa fi sammuu weerarri dhibeen KOOVIID-19 geessisee wajjin qabsoo gochaa jiru. Mootummoonnii fi dhaabbileen yaalii fayyaa weerara dhibee itti aanee kaʼuuf qophaaʼuun isaanii qofti, dhibee fayyaa yeroo ammaatti nu mudatuuf furmaata argamsiisuu dandaʼaa?

 Kitaabni Qulqulluun waaʼee mootummaa yaalii fayyaa nuyi barbaannu nuu kennuu dandaʼuu ni ibsa. ‘Waaqni samii mootummaa matumaa hin balleeffamne tokko akka hundeessu’ dubbata. (Daaniʼel 2:44) Bulchiinsa sana jalatti, “Jiraattota biyyattii keessaa tokko illee, ‘Na dhukkuba’ hin jedhu.” (Isaayyaas 33:24) Namni hundi fayya buleessa taʼa, jabina bara dargaggummaa isaas ni qabaata.—Iyyoob 33:25.