Dhimma ijoo ta'etti seeni

KITAABNI QULQULLUUN JIREENYA NAMOOTAA NI JIJJIIRA

Amma Namoota Kaan Gargaaruu Akkan Dandaʼu Natti Dhagaʼama

Amma Namoota Kaan Gargaaruu Akkan Dandaʼu Natti Dhagaʼama
  • BARA DHALOOTAA: 1981

  • BIYYA DHALOOTAA: GUWAATIMAALAA

  • SEENAA: NAMA IJOOLLUMMAATTI MIIDHAA GUDDAAN ISA IRRA GAʼE

JIREENYA KOO DURAA:

Kanan dhaladhe magaalaa Akuul ishii fagaattee argamtuu fi naannoo baddaa dhiha Guwaatimaalaatti argamtu keessatti dha. Maatiin koo sanyii Maayaa keessaa gosa Asiil keessaa kan dhufani dha. Afaan Ispaanish dabalatee afaan naannoo keenyatti dubbatamu dubbachaan guddadhe. Umurii ijoollummaa koo kanan dabarse, waraanni suukanneessaa waliinii Guwaatimaalaa keessatti waggoota 36f yeroo geggeeffamee ture keessatti dha. Yeroo waraanni sun geggeeffametti gosa Asiil keessaa namoonni hedduun dhumaniiru.

Yeroo umuriin koo waggaa afur turetti, obboleessi koo hangafaa inni umuriin isaa waggaa torba ture boombii harkaatiin utuu taphatuu akka tasaa boombichi ni dhoʼe. Balaa kanaan kan kaʼe ani qaroo koon dhabe, kan nama gaddisiisu immoo obboleessi koo lubbuu isaa dhabe. Sana booda ijoollummaa koo dhaabbata Guwaatimaalaa Siitii keessatti ijoollee qaro dhabeeyyii taʼan kunuunsu keessattan dabarse; Bireelii kanan baradhes achitti. Achittis sababii ani guutummaatti hin beekneen, namoonni achi keessaa hojjetan ijoollee kaanii wajjin akka hin haasofne na dhowwan; ijoolleen anaa wajjin baratanis ana irraa fagaatan. Yeroo hundumaa kophummaan waan natti dhagaʼamuuf, waggaa waggaatti jiʼa lamaaf yeroo haadha koo wajjin dabarsu hawwiidhaanan eega ture; ishiin yeroo hundumaa gaarummaa fi gara laafina natti argisiisti. Kan nama gaddisiisu garuu, yeroo umuriin koo waggaa kudhan turetti haati tiyya duʼaan boqotte. Addunyaa irratti namni na jaallatu ishii qofa akka taʼe waan natti dhagaʼamuuf, ishii dhabuun koo baayʼee na gaddisiise.

Yeroo umuriin koo waggaa 11 taʼutti, garan magaalaa itti dhaladhetti deebiʼeen mucaa abbaa koo fi maatii isaa wajjin jiraachuu jalqabe. Wanta karaa qaamaa na barbaachisu kan naaf guutan taʼus, namni karaa miiraa na gargaaruu dandaʼu garuu hin jiru ture. Yeroo tokko tokko “Haati tiyya kan duute maaliifi? Anoo qaroo koo kanan dhabe maaliifi?” jedheen gara Waaqayyootti iyya ture. Namoonni haalawwan gaddisiisoon kan na irra gaʼan fedha Waaqayyoo waan taʼeefi naan jedhu turan. Kanaan kan kaʼes, Waaqayyo miira namootaatiif dantaa kan hin qabnee fi haqa kan jalʼisu dha jedheen yaade. Of ajjeesuu kanan dhiise karaan itti of ajjeesu waanan dhabeef qofa dha.

Qaro dhabeessa taʼuun koo karaa qaamaa fi karaa miira balaadhaaf na saaxileera. Yeroon ijoollee turetti yeroo baayʼee gudeedameera. Namni waaʼeen koo isa yaaddessu akka jiru waan natti hin dhagaʼameef, waaʼee kanaa nama kamitti iyyuu hin himne. Namni na haasofsiisu hin jiru jechuun ni dandaʼama; anis nama kam iyyuu wajjin dubbadhee hin beeku. Kophummaa fi dhiphinni natti dhagaʼama; akkasumas nama kam iyyuu hin amanun ture.

KITAABNI QULQULLUUN KAN NA JIJJIIRE AKKAMITTI?

Yeroo umuriin koo waggaa 13 turetti hiriyoonni gaaʼelaa Dhugaa Baatota Yihowaa taʼan tokko yeroo boqonnaa mana barumsaatti na haasofsiisan. Akka na haasofsiisan kan itti himte barsiistuu mana barumsaa koo keessa jirtuu fi haallin keessa jiru baayʼee ishii gaddisiise tokko turte. Isaanis abdii Kitaaba Qulqulluu namoonni duʼan duʼaa akka kaʼanii fi namoonni qaro dhabeeyyiin deebiʼanii akka argan ibsu natti himan. (Isaayyaas 35:5; Yohaannis 5:28, 29) Wanta isaan na barsiisan kanan jaalladhe taʼus, yeroo dheeraadhaaf namootaa wajjin dubbadhee waanan hin beekneef, isaanii wajjin dubbachuun natti ulfaatee ture. Nama irraa kanan of fageessu taʼus, isaan garuu waaʼee Kitaaba Qulqulluu na barsiisuuf gaarummaa fi obsaan irra deddeebiʼanii na gaafatu turan. Hiriyoonni gaaʼelaa kun na bira gaʼuuf naannoo gaarreen itti baayʼatu keessa qaxxaamuranii kiilomeetira 10 ol deemuu isaan gaafata ture.

Mucaan abbaa koo kun hiriyoonni gaaʼelaa sun galii xinnoo kan qaban kan fakkaatan taʼus, uffata qulqulluu akka uffatan natti hime. Haa taʼu malee kennaawwan xixinnoo naaf fiduudhaan, yeroo hundumaa akka naaf yaadan argisiisu turan. Haala kanaan fedhii isaanii aarsaa kan godhan Kiristiyaanota dhugaa qofa akka taʼanin hubadhe.

Kitaaba Qulqulluu kanan qoʼadhe barreeffamoota Bireeliidhaan qophaaʼanitti fayyadamuudhaani. Wantan baradhe kanan hubachaa ture taʼus, wantoota tokko tokko fudhachuun natti ulfaatee ture. Fakkeenyaaf, ‘Waaqayyo dhugumaan dhuunfaatti akka naaf yaaduu fi ilaalcha Waaqayyo naaf qabu qabaachuu ni dandaʼuu laata?’ kan jedhu amanuun natti ulfaatee ture. Yihowaan yeroodhaaf rakkina kan heyyame maaliif akka taʼe hubadhus, akka Abbaa jaalala qabeessa taʼetti isa ilaaluun natti ulfaatee ture. *

Haa taʼu malee, wantin Kitaaba Qulqulluu irraa baradhe suutuma suuta ilaalcha koo akkan jijjiiru na gargaareera. Fakkeenyaaf, Waaqayyo namoota rakkataniif garaadhaa akka yaadu hubadheera. Waaqayyo tajaajiltoota isaa cunqurfamaa turan ilaalchisee, “Ani dhugumaan rakkina saba koo . . . argeera; . . . miidhaa isaan irra gaʼaa jirus akka gaariitti nan beeka” jedheera. (Baʼuu 3:7) Amalawwan Yihowaa warra jaallatamoo hubachaa dhufuun koo isaaf of murteessuuf na kakaaseera. Kanaaf, bara 1998⁠tti cuuphamuudhaan Dhugaa Baatuu Yihowaan taʼe.

Obboleessa maatiin isaa gara mana isaatti na simatee wajjin

Ergan cuuphamee gara waggaa tokkoo booda, leenjii namoota qaro dhabeeyyii taʼaniif magaalaa Eskuwiintilaa keessatti kennamun fudhadhe. Jaarsi gumii, gumii keenya keessa jiru tokko magaalaa dhalootaa koo keessa jiraachaa gumii irratti argamuun akka natti ulfaate hubate. Gumiin natti dhihoo jiru naannoo gaarreen itti baayʼatuu fi bakka hiriyoonni gaaʼelaa sun jiraatan ture; bakka sana deemuun immoo baayʼee natti ulfaata ture. Jaarsi gumii sun na gargaaruuf maatii Dhugaa Baatotaa Eskuwiintilaa keessa jiraatanii fi mana isaaniitti na simachuu fi walgaʼii gumii irratti akkan argamu na gargaaruuf fedhii qabanii wajjin wal na barsiise. Maatiin kun hanga guyyaa harʼaatti akka miseensa maatii isaanii tokkootti na kunuunsaa jiru.

Miseensonni gumii wantoota jaalala dhugaa akka naaf qaban argisiisan hedduu naaf godhaniiru. Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼuudhaan wantin arge hundi, Kiristiyaanota dhugaa gidduu akkan jiru na amansiiseera.—Yohaannis 13:34, 35.

FAAYIDAA ANI ARGADHE:

Amma nama gatii hin qabnee fi abdii hin qabne akkan taʼe natti hin dhagaʼamu. Jireenya kaayyoo qabu jiraachaan jira. Hojii Kitaaba Qulqulluu Dhugaa Baatonni Yihowaa raawwatan irratti tajaajilaa yeroo guutuu taʼee waanan tajaajiluuf, qaro dhabeessa taʼuu koo irratti utuu hin taʼin, dhugaa Kitaaba Qulqulluu isa gati jabeessa taʼe warra kaan barsiisuu irrattin xiyyeeffadha. Kana malees, jaarsa gumii taʼee tajaajiluu fi gumii irratti haasaa Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼe kennuuf mirga argadheera. Walgaʼii naannoo namoonni kumaan lakkaaʼaman irratti argaman irrattis haasaawwan Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼan kennuuf mirga argadheera.

Kitaaba Qulqulluu koo isa Bireeliidhaan qophaaʼetti fayyadamee haasaa yommuun dhiheessu

Bara 2010⁠tti Mana Barumsaa Leenjii Tajaajiltootaa (yeroo ammaatti Mana Barumsaa Labsitoota Wangeela Mootummichaa jedhamaa) Eel Saalvaadoritti geggeeffamee ture irraan eebbifame. Manni barumsaa kun itti gaafatamummaawwan gumii keessatti qabu caalaatti akkan raawwadhu na gargaareera. Leenjii kana fudhachuun Yihowaan inni namni kam iyyuu hojii isaatiif gaʼumsa akka qabaatu gochuu dandaʼu, bakka guddaa akka naaf kennuu fi akka na jaallatu akka natti dhagaʼamu godheera.

Yesuus “Fudhachuu irra kennuutu caalaatti nama gammachiisa” jedheera. (Hojii Ergamootaa 20:35) Amma gammachuu akkan qabu mirkanaaʼaa taʼee dubbachuu nan dandaʼa; akkasumas kana dura akkas gochuu akkan dandaʼu natti dhagaʼamuu baatus, amma garuu warra kaan gargaaruu akkan dandaʼu natti dhagaʼama.

^ key. 13 Waaqayyo rakkinni akka jiraatu kan heyyame maaliif akka taʼe ilaalchisee odeeffannoo dabalataa argachuuf, kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhuu fi Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaaʼe boqonnaa 11 ilaali.