Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Fedhiidhaan Of Dhiheessaniiru—Taayiwaan

Fedhiidhaan Of Dhiheessaniiru—Taayiwaan

GARA waggaa shanii dura, hiriyoonni gaaʼelaa umrii walakkaa waggoota 30mmanii keessatti argaman Chuung Kiyooniifi Juuliin, biyya Awustiraaliyaa magaalaa Siidnii keessatti qajeelchaa yeroo hundaa taʼanii tajaajilaa turan. Chuung Kiyoon akkas jedheera: “Yeroo boqonnaa keenyatti ni hojjenna; akkasumas jireenya gaarii ni jiraanna turre. Naannoon keessa jiraachaa turre qilleensisaa gaarii, jireenyis mijataa ture. Maatiifi hiriyoota keenyatti dhihaannee jiraachuun keenya nu gammachiisa ture.” Taʼuyyuu, Chuung Kiyooniifi Juuliin keessisaanii isaan ceephaʼa ture. Maaliif? Haallisaanii tajaajila Yihowaarratti caalaatti hirmaachuuf kan isaan dandeessisu akka taʼe kan beekan taʼus, jijjiirama barbaachisu gochuun itti ulfaatee ture.

Walgaʼii guddaa bara 2009⁠tti godhamerratti haasaan dhagaʼan tokko garaasaanii tuqe. Obboleessi haasicha dhiheessaa ture obboloota tajaajilasaanii guddisuu dandaʼanirratti xiyyeeffate. Akkas jedhe: “Mee haala kana yaadaa: Konkolaachisaan tokko konkolaataasaa gara bitaatti ykn gara mirgaatti naannessuu kan dandaʼu, konkolaatichi kan sochoʼu yoo taʼe qofadha. Haaluma wal fakkaatuun, Yesus tajaajila keenya guddisuurratti kan nu qajeelchu, kan sochoonu, jechuunis galma keenyarra gaʼuuf carraaqqii kan goonu yoo taʼe qofadha.” * Hiriyoonni gaaʼelaa kun, obboleessi haasicha dhiheesse kallattiidhaan akkuma isaanitti dubbachaa jirutti itti dhagaʼamee ture. Hiriyoota gaaʼelaa misiyoonota taʼaniif walgaʼii sanarratti gaafannoon godhamee ture. Misiyoononni kun, tajaajilasaaniirraa gammachuu akka argataniifi ammayyuu gargaarsi guddaan akka barbaachisu dubbatan. Yeroo kanattis, Chuung Kiyooniifi Juuliin yaanni kun kallattiidhaan akka isaanitti dubbatame itti dhagaʼame.

Juuliin, “Walgaʼii sana booda, gara Taayiwaan dhaquuf ija jabina akka nuu kennu Yihowaa kadhanne” jetteetti. Itti dabaluudhaanis, “Baayʼee sodaannee turre. Akkuma waan yeroo jalqabaatiif bishaan gadi fagoo taʼe utaallee seennutti nutti dhagaʼamee ture” jetteetti. Caqasni tarkaanfii akka fudhatan isaan gargaare, Lallaba 11:4 isa akkas jedhudha: “Namni yeroo hundumaa qilleensa gaarii eeggatu sanyii facaasuu hin dandaʼu; namni yeroo hundumaa gara duumessaa ilaalus midhaan isaa makarachuu hin dandaʼu.” Chuung Kiyoon, “‘eeggachuufi ilaaluu’ dhiisnee ‘facaasuufi makarachuu’ jalqabuu akka qabnu of amansiisne” jedheera. Obboloonni kun irra deddeebiʼanii kadhannaa kan dhiheessan, muuxannoo misiyoonotaa kan dubbisan, obboloota Taayiwaan dhaqanii tajaajilaa jiranii wajjin ergaa baayʼee kan walii barreessan, akkasumas konkolaattotaafi miʼasaanii kan gurguran siʼa taʼu, jiʼa sadii booda gara Taayiwaan dhaqan.

GAMMACHUU LALLABUUDHAAN ARGAMU DHANDHAMUU

Obboloonni 100 ol taʼaniifi biyya biraatii dhufan, Taayiwaan keessatti naannoowwan babalʼistoonni Mootummichaa caalaatti barbaachisanitti tajaajilaa jiru. Obboloonni kun Awustiraaliyaa, Biritaaniyaa, Kaanaadaa, Faransaay, Jaappaan, Kooriyaa, Ispeeniifi Yunaayitid Isteetisii kan dhufan yommuu taʼu, umriinsaanii waggaa 21 hanga 73 gidduutti kan argamudha. Isaan keessaa 50 ol kan taʼan obboleettotadha. Obboloota hinaaffaa qaban kana biyya kan biraatti akka tajaajilan kan gargaare maalidha? Mee haa ilaallu.

Looraa

Obboleettii qeenteen Looraa jedhamtuufi Kaanaadaadhaa dhufte, dhiha Taayiwaanitti qajeelchituu taatee tajaajilaa jirti. Gara waggoota kudhanii dura garuu, hojii lallabaatti hin gammaddu turte. “Tajaajilarratti saʼaatii dheeraa hin dabarsun ture; kunimmoo dandeettiikoo akkan hin guddifanne waan na godheef tajaajilatti hin gammadun ture” jetteetti. Yeroo booda, hiriyoonnishee Kaanaadaa jiran isaanii wajjin gara Meeksikoo dhaqxee jiʼa tokkoof akka tajaajiltu ishee gaafatan. “Yeroo jalqabaatiif tajaajilarratti saʼaatii dheeraa kanan dabarse siʼa taʼu, haalan hin eegneen yeroo gammachiisaan dabarse!” jetteetti.

Muuxannoo gammachiisaan Looraan argatte, Kaanaadaa keessatti gumii afaan biyya alaatiin geggeeffamu dhaqxee tajaajiluuf akka yaaddu ishee kakaase. Afaan Chaayinaa barachuu jalqabde; achii tuuta afaan kanaan geggeeffamu keessatti tajaajiluu kan jalqabde siʼa taʼu, gara Taayiwaan dhaquuf galma baafatte. Fulbaana 2008⁠ttis gara Taayiwaan dhaqxe. Looraan, “Naannoo jireenyaakoo isa haaraa baruun gara waggaa tokkoo natti fudhatee ture; amma garuu matumaa gara Kaanaadaatti deebiʼuu hin yaadu” jetteetti. Waaʼee hojii lallabaahoo maaltu isheetti dhagaʼama? Akkas jetteetti: “Baayʼee nama gammachiisa. Barattoonni Macaafa Qulqulluu Yihowaa beekuudhaan jireenyasaanii yeroo jijjiiran arguu caalaa wanti nama gammachiisu hin jiru. Taayiwaan keessatti tajaajiluunkoo, gammachuu akkasii irra deddeebiʼee akkan dhandhamu na godheera.”

RAKKINA AFAAN HAARAA BARACHUU WAJJIN WAL QABATE MOʼUU

Biraayaniifi Miishel

Hiriyoonni gaaʼelaa umrii walakkaa waggoota 30mmanii keessatti argaman Biraayaniifi Miishel, gara waggaa saddeetii dura gara Taayiwaan kan dhaqan siʼa taʼu, jalqabarratti tajaajilarratti gumaacha guddaa gochaa akka hin jirre isaanitti dhagaʼamee ture. Haataʼu malee, misiyooniin muuxannoo qabu tokko akkas isaaniin jedhe: “Nama tokkoof kan kennitan tiraaktii qofa yoo taʼellee, namni sun ergaa waaʼee Yihowaa dubbatu kan argate yeroo jalqabaatiif taʼuu akka dandaʼu yaadachuu qabdu. Kanaaf, tajaajilarratti gumaacha guddaa gochaa jirtu jechuudha!” Yaanni nama jajjabeessu kun, Biraayaniifi Miishel abdii akka hin kutanne isaan gargaareera. Obboleessi biraanimmoo, “Abdii akka hin kutanneef, jijjiirama afaan Chaayinaa barachuurratti qabdan guyyuma guyyaatti utuu hin taʼin, walgaʼii guddaa tokkorraa hamma isa kaaniitti jijjiirama qabdaniin of madaalaa” jedheera. Hiriyoonni gaaʼelaa kun guddina kan argisiisan siʼa taʼu, qajeelchitoota milkaaʼina qaban taʼuu dandaʼaniiru.

Afaan biyya alaa barachuuf maaltu si kakaasuu dandaʼa? Biyya itti tajaajiluu barbaaddu dhaqxee daawwachuuf yaali. Walgaʼii gumiirratti argami; obboloota achi jiranii wajjin yeroo dabarsi, akkasumas isaanii wajjin tajaajili. Biraayan akkas jedheera: “Namoonni hedduun ergaa Mootummichaa akka fudhataniifi jaalala obboloonni isinitti argisiisan yeroo argitan, haalli rakkisaan isin mudachuu kan dandaʼu taʼus biyya kan biraatti tajaajiluuf ni kakaatu.”

WANTA ITTIIN JIRAATAN ARGACHUUF MAAL HOJJETU?

Kiristiiniifi Miishel

Qajeelchitoonni bakka babalʼistoonni caalaatti barbaachisanitti tajaajiluuf gara Taayiwaan dhaqan hedduun, afaan Ingiliffaa barsiisuudhaan gama qarshiitiin of deggeru. Kiristiiniifi Miishel qurxummii gurguru. Kiristiin, “Kanaan dura hojii akkasii hojjedhee hin beeku; haataʼu malee hojiin kun biyyicha keessa turuuf na gargaareera” jedheera. Yeroo booda Kiristiin maamiltoota dhaabbataa taʼan tokko tokko argateera. Hojiin yeroo boqonnaasaatti hojjetu kun gama qarshiitiin ofiisaafi haadha manaasaa gargaaruuf isa dandeessiseera; akkasumas tajaajilasaaniirratti jechuunis hojiisaanii isa guddaa namoota akka walitti qaban isaaniif kennamerratti yeroo gaʼaa dabarsuuf isaan dandeessiseera.

‘ADEEMSA BAKKA SANA GAʼUUF GOOTUTTI GAMMADI’

Hiriyoonni gaaʼelaa Wiiliyaamiifi Jeniifar jedhaman, Yunaayitid Isteetisii gara Taayiwaan kan dhaqan gara waggaa torbaa dura ture. Wiiliyaam akkas jedheera: “Afaanicha barachuun, qajeelchaa taʼanii tajaajiluun, gumii gargaaruun, akkasumas qarshii ittiin jiraannu argachuuf asiif achi jechuun al tokko tokko nama dadhabsiisa.” Milkaaʼina akka argataniifi gammachuusaanii akka hin dhabneef maaltu isaan gargaareree? Galma bira gaʼuu dandaʼan baafachuuf yaalu. Fakkeenyaaf yeroo afaan Chaayinaa baratan baayʼee ofirraa eeguu dhiisuunsaanii, afaanicha barachuurratti jijjiiramni isaan argisiisan xinnoo yeroo taʼutti garmalee akka abdii hin kutanne isaan gargaareera.

Wiiliyaamiifi Jeniifar

Wiiliyaam daawwataan olaanaa tokko, “Bakka barbaaddu gaʼuukeetti qofa utuu hin taʼin adeemsa bakka sana gaʼuuf gootuttis gammadi” isaan jechuusaa yaadata. Kana jechuun, galma hafuuraa tokko erga baafannee booda, tarkaanfiiwwan galma sanarra gaʼuuf nu dandeessisanitti gammaduu qabna jechuudha. Wiiliyaam, inniifi haati manaasaa gorsa kana hojiirra oolchuunsaanii, akka haalasaatti jijjiirama gochuuf, gorsa obboloonni gumiisaanii isaaniif kennan dhagaʼuuf, karaa wanta tokko itti raawwatanirratti sirreeffama gochuuf akka isaan dandeessise, kunis biyya itti ramadamanitti tajaajilasaaniirratti milkaaʼina argachuuf akka isaan gargaare ibseera. Itti dabalees, “Gorsi kun, bareedina uumamaa odoola itti ramadamne sanaa daawwachuufis yeroo ramaduu akka qabnu nu yaadachiiseera” jedheera.

Qajeelchituu qeenteen Meegan jedhamtuufi Yunaayitid Isteetisii dhuftes akkuma Wiiliyaamiifi Jeniifar, afaan Chaayinaa akka gaariitti dubbachuuf galma baafatterra gaʼuuf utuma yaaltuu tajaajilasheettis gammadaa jirti. Dhuma torbanii hundumaatti qarqara galaanaa Kaaʼuushiyuung jedhamuufi Taayiwaan keessatti buufata doonii isa guddaa taʼetti babalʼistoota kaanii wajjin tajaajilti; bakki kun naannoo tajaajilaa baayʼee gaarii taʼedha. Meegan, doonii tokkorraa gara isa kaaniitti deemtee, akkasumas namoota qurxummii qabuuf Baangilaadeesh, Hindi, Indooneeshiyaa, Fiilippiins, Taayilaandiifi Vaanuwaatuudhaa dhufaniif misiraachicha lallabuu dandeesseetti. Akkas jetteetti: “Namoonni qurxummii qaban qarqara galaanaa sana kan turan yeroo muraasaaf waan taʼeef, achumatti dafnee qayyabannaa Macaafa Qulqulluu isaan jalqabsiisna. Hundasaanii waliin gaʼuu akkan dandaʼutti, yeroo baayʼee nama afur ykn shan wal duukaan qayyabsiisa.” Afaan Chaayinaa barachuunoo salphaa isheedhaaf taʼeeraa? Akkas jetteetti: “Afaanicha dafee utuun baree natti tola ture; haataʼu malee wanta obboleessi tokko naan jedhe yeroo hundan yaadadha; ‘Ati hamma dandeessu goota, isa hafe Yihowaan itti guuta’ jedhee ture.”

Meegan

BALAA KAN HIN QABNE, SALPHAAFI KAN NAMA GAMMACHIISU

Keetiin Biritaaniyaadhaa gara biyya biraa deemuushee dura, obboleettii qeentee taateef biyyi balaa hin qabne kam akka taʼe qorattee turte. Wanta ishee yaaddessu kadhannaadhaan Yihowaatti himte; akkasumas balaa obboleettota qeentee taʼan mudachuu dandaʼu gaafachuuf waajjiroota damee hedduutti xalayaa barreessite. Achii deebii isheedhaaf kenname sirriitti erga gamaaggamtee booda, Taayiwaanitti tajaajiluu filatte.

Keetiin bara 2004⁠tti umriishee waggaa 31⁠tti gara Taayiwaan kan dhaqxe siʼa taʼu, achitti jireenya salphaa jiraachaa jirti. “Kuduraafi muduraa rakasaan eessaa bituu akkan dandaʼu obbolootan gaafadhe. Gorsi gaariin isaan naa kennan qarshiikootti yeroo dheeraadhaaf akkan fayyadamu na gargaareera” jetteetti. Jireenya salphaa jiraachuushee akka itti fuftu kan ishee gargaare maalidha? Keetiin akkas jetteetti: “Nyaatan nyaadhuttiifi uffatan uffadhutti akkan gammadu akka na gargaaru yeroo hundan Yihowaa kadhadha. Yihowaan wanta na barbaachisu na hubachiisuudhaan, akkasumas wantan barbaade hunda argachuu baadhus, wantan qabutti akkan gammadu na gargaaruudhaan kadhannaakootiif deebii akka naa kenne natti dhagaʼama.” Itti dabaluudhaanis, “Dhimmawwan hafuuraarratti akkan xiyyeeffadhu waan na gargaaruuf, haalli jireenyaakoo salphaa taʼuusaatti nan gammada” jetteetti.

Keetii

Jireenyi Keetii salphaa qofa utuu hin taʼin gammachuus kan qabudha. Maaliif akka taʼe yeroo ibsitu, “Bakka namoonni baayʼeen misiraachicha fudhatanitti lallabuu dandaʼeera. Kun baayʼee na gammachiisa!” jetteetti. Yeroo gara Taayiwaan dhaqxe magaalaa isheen qajeelchituu taatee itti tajaajiluu jalqabde keessa gumiin afaan Chaayinaa lama qofatu ture; amma garuu gumii torbatu jira. Keetiin: “Guddina nama dinqisiisu kana ijakootiin arguunkoofi hojii makara sassaabuurratti hirmaachuunkoo, jireenyikoo gammachuudhaan akka guutamu godheera!” jetteetti.

‘ANUMTILLEE ISAAN BARBAACHISEEN TURE!’

Chuung Kiyooniifi Juuliin warri seensarratti caqasaman haallisaanii kan jijjiirame akkamitti? Chuung Kiyoon jalqabarratti afaan Chaayinaa sirriitti kan hin dubbanne taʼuunsaa gumii keessatti gumaacha guddaa gochuu akka hin dandeenye akka isatti dhagaʼamu godhee ture. Obboloonni gumii sanaa garuu waaʼeesaa akkas isaanitti hin dhagaʼamu ture. Chuung Kiyoon akkas jedheera, “Yeroo gumiin keenya bakka lamatti hirametti, tajaajilaa gumii waanan tureef itti gaafatamummaa dabalataa hedduutu naa kenname. Yeroo sanatti dhuguma bakka babalʼistoonni caalaatti barbaachisanitti tajaajilaa akkan jiru natti dhagaʼame” jedheera. Itti dabaluudhaanis, “Kun baayʼee nama gammachiisa; anumtillee isaan barbaachiseen ture!” jechuudhaan seeqaa dubbate. Chuung Kiyoon yeroo ammaatti jaarsa taʼee tajaajilaa jira. Juuliinimmoo akkas jetteetti: “Milkaaʼinaafi gammachuu kanaan dura argannee hin beekne akka arganne nutti dhagaʼama. As kan dhufne gargaaruuf taʼuyyuu, muuxannoo gammachiisaan arganne nu gargaareera. Asitti akka tajaajillu nuu heyyamuusaatiif Yihowaa ni galateeffanna!”

Biyyoota hedduutti hojii makaraatiif ammas hojjettoonni dabalataa ni barbaachisu. Barumsa xumuruuf waan jettuuf jireenyakeetti akkamitti itti fayyadamuu akka qabdu yaadaa jirtaa? Qeentee yoo taate, karaa jaarmiyaa Yihowaa keessatti caalaatti fayyaduu itti dandeessu yaadaa jirtaa? Maatiinkee tajaajila Yihowaarratti muuxannoo gaarii akka argatan ni barbaaddaa? Soorama kan baate yoo taate, muuxannoo jireenyakee guutuu horatteefi gatii guddaa qabu namoota kaaniif hiruu dandeessaa? Bakka babalʼistoonni Mootummichaa caalaatti barbaachisan deemuudhaan tajaajilakee balʼifachuuf yoo murteessite eebba akka argattu mirkanaaʼaa taʼuu dandeessa.

^ key. 3 Masaraa Eegumsaa Amajjii 15, 2012, fuula 9, keeyyata 4-8 ilaali.