Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

 MAATIIDHAAF | IJOOLLEE GUDDISUU

Yeroo Mucaan Keessan Sobu

Yeroo Mucaan Keessan Sobu

HAALA RAKKISAA

Mucaan keessan inni waggaa shanii, kutaa itti aanu keessatti taphachaa jira. * Wanti tokko kufee yeroo caccabu dhageessan. Gara mucaa keessanii fiigdanii yeroo dhaqxan, qodaa abaaboo caccabe bira dhaabatee isa argitan. Mucaan keessan waa akka balleesse fuula isaa irraa hubachuu ni dandeessu.

“Qodaa abaaboo sana ni cabsitee?” jettanii jabeessitanii isa gaafattu.

Innis dafee, “Lakki Harme, ani hin cabsine” jedhee deebisa.

Mucaan keessan inni waggaa shanii soba ija baase yeroo sobu kan isa qabattan yeroo jalqabaatiif miti. Kun isin yaaddessuu qabaa?

WANTA BEEKUU QABDAN

Sobni hundumtuu gadhee dha. Macaafni Qulqulluun, Yihowaan “arraba sobu” akka hin jaallanne dubbata. (Fakkeenya 6:16, 17) Seerri Israaʼelootaaf kenname, eenyu iyyuu akka nama hin gowwoomsine ajaja cimaa kenna ture.—Lewwoota 19:11, 12.

Taʼus sobni hundumtuu qixxee miti. Sobni tokko tokko, nama kan biraa miidhuuf hammeenyaan kan dubbatamu dha. Sobni kaan immoo, tarii qaanii ykn adaba jalaa ooluuf jecha dhiibbaa haalli yeroo sanaa geessisuun kan dubbatamu dha. (Uumama 18:12-15) Sobni hundumtuu dogoggora taʼus, sobni tokko tokko isa kaan irra cimaa dha. Mucaan keessan yoo sobe, umurii isaa fi sababii itti sobe tilmaama keessa galchaa.

Mucaa keessan ijoollummaa isaatti gargaaruuf yaalaa. Doktoor Deeviid Woolshi, “Ijoolleen keessumaa yeroo rakkisaatti dhugaa dubbachuu barachuun isaanii baayʼee barbaachisaa dha. Walitti dhufeenyi wal amanuu irratti hundaaʼa; sobni immoo wal amanuun akka hin jiraanne godha” jedhaniiru. *

Mucaan keessan amala akkasii yoo qabaates hin dhiphatinaa. Mucaan keessan sobe jechuun, yeroo gabaabaa keessatti amalli isaa ni mancaʼa jechuu miti. Macaafni Qulqulluun, “Wallaalumni yaada mucaatti qabamee jira” akka jedhu yaadadhaa. (Fakkeenya 22:15) Ijoolleen tokko tokko tarii karaa salphaa adaba jalaa itti oolan akka taʼetti yaaduudhaan yeroo soban wallaalummaa akkasii argisiisu. Wanti isin yeroo kanatti gootan murteessaa dha.

 WANTA GOCHUU DANDEESSAN

Mucaan keessan maaliif akka sobe hubachuuf yaalaa. Adabamuu sodaatee tii? Akka isin hin aarre barbaadee tii? Mucaan keessan xiyyeeffannaa hiriyoota isaa harkisuuf jedhee wanta tokko uumee kan dubbatu, garaa garummaa dhugaa fi hawwii gidduu jiru beekuuf umuriin isaa waan hin geenyeefii? Mucaan keessan maaliif akka sobe yoo beektan, caalaatti isa gargaaruu dandeessu.—Seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluu: 1 Qorontos 13:11.

Yeroo tokko tokko gaaffii isa gaafachuu mannaa yaaduma keessan itti himaa. Haala jalqaba mata duree kanaa irratti ibsame irratti, haati mucichaa wanta raawwatame utuu beektuu, “Qodaa abaaboo sana ni cabsitee?” jettee jabeessitee isa gaafatte. Mucichi immoo tarii dheekkamsa ishee waan sodaateef ni sobe. Haa taʼu malee, gaaffii isa ceephaʼu gaafachuu mannaa, “Wayyoo, qodaa abaaboo sana cabsite mitii!” utuu jettee maaltu akka taʼu yaadaa. Haati isaa gaaffii isa gaafachuu mannaa yaaduma ishee dubbachuun ishee, mucichi sobuuf akka hin qoramne godha; akkasumas amanamummaa akka guddifatu isa gargaara.—Seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluu: Qolosaayis 3:9.

Yeroo dhugaa dubbatu isa jajaa. Ijoolleen uumamumaan warra isaanii gammachiisuu ni barbaadu; kanaaf, isaan gargaaruudhaaf amala isaanii kanatti fayyadamaa. Mucaan keessan amanamummaan amala maatii keessatti barbaachisu akka taʼee fi kanaan kan kaʼes dhugaa akka dubbatu akka isa irraa eegdan akka beeku godhaa.—Seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluu: Tiitoos 2:10.

Sobni wal amanuun akka hin jiraanne akka godhuu fi amantii takkaa bade deebisuun immoo yeroo dheeraa fudhachuu akka dandaʼu mucaa keessanitti himaa. Yeroo dhugaa dubbatu isa jajuudhaan, amala gaarii qabu akka guddifatu godhaa. Fakkeenyaaf, “Dhugaa dubbachuun kee na gammachiisa” jechuunii dandeessu.

Fakkeenya taʼaa. Isin bilbilaan nama tokko haasofsiisuu waan hin barbaadneef “Mana hin jirtu jedhiin” kan jettan ykn mana ooluu waan barbaaddaniif qofa “Waan na dhukkubeef manaa hin baʼu” kan jettan yoo taʼe, mucaan keessan dhugaa akka dubbatu irraa eeguu hin dandeessan.—Seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluu: Yaaqoob 3:17, Hiikkaa Waltaʼaa Haaraya.

Macaafa Qulqulluutti fayyadamaa. Seerri buʼuuraa Macaafa Qulqulluu fi seenaan dhugaan isa keessa jiru amanamummaa jajjabeessa. Kitaabni Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaaʼee fi Barsiisaa Guddicharraa Baradhu jedhamu, ijoollee keessan seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluu barsiisuuf isin gargaaruu dandaʼa. Boqonnaa 22ffaan, “Sobuu Kan Hin Qabne Maaliifi?” jedha. (Yaada boqonnaa kana keessaa fudhatame, saanduqa “ Kitaaba Ijoollee Keessan Gargaaru” jedhu irraa ilaali.) .

^ KEY. 4 Mata duree kana keessatti saala dhiiraatiin kan fayyadamne taʼus, barumsichi saala lamaaniifuu ni hojjeta.

^ KEY. 11 Kitaaba, Karaa Warri Hin Taʼu Jechuu Itti Dandaʼanii Fi Sababii Ijoolleen Hundi Jecha Kana Dhagaʼuu Itti Qaban (Ingiliffa) jedhamu irraa kan fudhatame.