Dhimma ijoo ta'etti seeni

KITAABNI QULQULLUUN JIREENYA NAMOOTAA NI JIJJIIRA

Jireenya Koo Keessatti Badhaasa Hunda Irra Caalu

Jireenya Koo Keessatti Badhaasa Hunda Irra Caalu
  • BARA DHALOOTAA 1967

  • BIYYA DHALOOTAA FIINLAANDI

  • SEENAA TAPHATAA TEENISII BEEKAMAA

JIREENYA KOO DURAA

 Kanan guddadhe naannoo magariisa magaalaa Taampeer ishii Fiinlaandi keessatti argamtutti dhihoo jirtuu fi tasgabbii qabdutti dha. Maatiin koo amantiitti cimoo taʼuu baatanis, barumsaa fi amala gaariidhaaf iddoo guddaa kennu. Haati tiyya lammii Jarman yommuu taatu, xinnummaa kootti darbee darbee akkoo fi akaakayyuu kiyyaa wajjin yeroo dabarsuuf gara Jarman Lixaa nan deema ture.

 Ijoollummaa kootii kaasee ispoortii nan jaalladha ture. Gosa ispoortii hunda kanan jaalladhu taʼus yommuu umuriin koo waggaa 14 taʼu teenisii taphachuu irrattin xiyyeeffachuu jalqabe. Umurii koo waggaa 16tti guyyaatti siʼa lama ykn siʼa sadi, jechuunis leenjisaa koo wajjin siʼa lama, achiis gara galgalaa kophaa koon shaakala ture. Bifti gara garaa tapha kanaa kan na hawwatu siʼa taʼu, teenisii taphachuun dandeettii sammuu fi qaama kootii cimsuuf na dandeessisa ture. Michoota koo wajjin taʼuu fi darbee darbee biiraa dhuguun kan na gammachiisu taʼus, sababa qorichaatiin ykn dhugaatii alkooliitiin balaa irra buʼee hin beeku. Jireenyi koo teenisii taphachuu irratti kan xiyyeeffate siʼa taʼu, jireenya koo keessatti dursan kennaaf ture.

 Yommuu umuriin koo waggaa 17 taʼu dorgommii ATPn qopheessu irratti hirmaachuun jalqabe. a Dorgommiiwwan muraasa ergan injifadhee booda biyya keessatti beekamtiin argadhe. Umurii waggaa 22tti taphattoota teenisii addunyaa irratti beekamoo taʼan 50 keessaa tokkon taʼe.

 Waggoota hedduudhaaf, tapha teenisii irratti hirmaachuuf biyyoota hedduu deemeera. Iddoowwan nama hawwatan muraasa kanan arge taʼus, yakka, qoricha gar malee fayyadamuu fi haala naannoo dabalatee rakkinoota addunyaa hedduu hubachuu dandaʼeera. Fakkeenyaaf, Yunaayitid Isteetis keessa yommuu turretti, naannoowwan magaalaa yakki itti baayʼatu tokko tokko dhaqnee akka hin daawwanne nutti himamee ture. Wantoonni kun hundi baayʼee na dhiphisan. Kana malees, wantan jaalladhu hojjechaa kanan jiru taʼus, dhuma guyyichaa irratti gammachuu akkan hin qabne natti dhagaʼama.

KITAABNI QULQULLUUN KAN NA JIJJIIRE AKKAMITTI?

 Hiriyaan durbaa tiyya Saanaan Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu jalqabdee turte. Nama amantii taʼuun ishii xinnoo kan na ajaaʼibsiise taʼus, qoʼachuu ishii hin mormine. Bara 1990tti gaaʼela kan godhanne yommuu taʼu, ishiinis waggaa itti aanutti Dhugaa Baatuu Yihowaa taatee cuuphamte. Nama amantii akkan taʼe natti dhagaʼamuu baatus Waaqayyo akka jiru nan amana. Akkoon tiyya ishiin lammii Jarmanii taate Kitaaba Qulqulluu baayʼee akka dubbistuu fi akkamitti akkan kadhadhu illee akka na barsiiste nan yaadadha.

 Gaaf tokko Saanaa fi ani hiriyoota gaaʼelaa Dhugaa Baatota taʼan gaafachuu yommuu deemnu Keeriin “guyyoota dhumaa” ilaalchisee raajii Kitaaba Qulqulluu natti argisiise. (2 Ximotewos 3:1-5) Haalli addunyaa gar malee kan hammaate maaliif akka taʼe yommuun hubadhu baayʼeen ajaaʼibsiifame. Gaafa sana waaʼee amantii baayʼee hin mariʼanne. Haa taʼu malee, yeroo sanaa kaasee Keerii wajjin waaʼee Kitaaba Qulqulluu mariʼachuu kanan jalqabe siʼa taʼu, wantin baradhe hundinuus amansiisaa ture. Hojiin kan natti baayʼatuu fi yeroo baayʼee kanan deemu taʼuun koo, Keerii wajjin haala dhaabbataa taʼeen wal arguun ulfaataa akka nutti taʼu taasiseera; inni garuu abdii hin kutanne. Gaaffiiwwan ani yeroo qoʼannaa keenyaatti kaasuuf xalayaadhaan deebii naaf kenna ture. Gaaffiiwwan jireenya ilaalchisee kaʼan hundi haala amansiisaa taʼeen Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsamaniiru. Anis suutuma suuta dhaamsa Kitaaba Qulqulluu, jechuunis Mootummmaan Waaqayyoo kaayyoo Waaqayyoo akka galmaan gaʼu hubachuun jalqabe. Maqaan Waaqayyoo Yihowaa taʼuu isaa beekuun koo fi wanta inni nuuf godhe arguun koo baayʼee na tuqe. (Roomaa 10:13) Wanti hunda caalaa na tuqe qophii furichaa ti. Qophiin kun qophii maqaadhumaaf ykn seera tokko raawwachuuf taasifame utuu hin taʼin, jaalala Waaqayyoo kan argisiisu dha. (Yohaannis 3:16) Michuu Waaqayyoo taʼuu fi jannata nagaa qabu keessa bara baraaf jiraachuuf carraa akkan qabus baradheera. (Yaaqoob 4:8) Achiis, “Dinqisiifannaa koo argisiisuu kanan dandaʼu akkamitti?” jedheen of gaafachuu jalqabe.

 Waaʼee jireenya koo kanaan duraa yaaduun jalqabe. Gammachuu guddaan kan argamu kennuudhaan akka taʼe Kitaaba Qulqulluu irraa kanan baradhe siʼa taʼu, anis waaʼee amantii kootii warra kaanitti himuu akkan qabu natti dhagaʼame. (Hojii Ergamootaa 20:35) Taphataa beekamaa waanan taʼeef dorgommiiwwan irratti hirmaachuuf waggaatti gara guyyoota 200 mana irraa fagaadheen tura. Guutummaan jireenya maatii kootii ana irratti, jechuunis leenjii koo, sochii guyyaa guyyaa koo fi hojii koo irratti kan xiyyeeffate dha. Anis jijjiirrama gochuu akkan qabun hubadhe.

 Sababii amantiitiif hojii ispoortii iddoo guddaa qabu dhiisuun, murtoo namoonni hedduun hubachuu hin dandeenye akka taʼe beeka. Taʼus, carraan waaʼee Yihowaa caalaatti barachuu fi jireenya bara baraa argachuun, badhaasa tapha teenisii injifachuudhaan argadhu kam iyyuu caalaa gatii guddaa qaba; kanaaf wantan gochuu qabu murteessuun salphaa ture. Wanta namoonni kaan jedhaniif xiyyeeffannaa kennuu dhiisuufan murteesse. Kun murtoo koo ti. Keessumaa yaadni Kitaaba Qulqulluu dhiibbaa akkasii akkan dandamadhu na jajjabeesse Faarfannaa 118:6 isa, “Waaqayyo gara koo erga taʼee ani hin sodaadhu, namni maal na gochuu dandaʼa?” jedhu dha.

 Yeroo kanatti ispoonsaroonni tokko tokko walii galtee mindaa gaarii naaf argamsiisuu fi waggoota hedduudhaaf dhiphina tokko malee teenisii taphachuuf na dandeessisu akkan mallatteessu na affeeran. Haa taʼu malee, dursee murteessee waanan tureef affeerraa kana hin fudhanne, yeroo boodas dorgommiiwwan ATP irratti hirmaachuu nan dhaabe. Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu kanan itti fufe yommuu taʼu, Adoolessa 2, 1994, Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼeen cuuphame.

FAAYIDAAN ARGADHE

 Haalli gaddisiisaan waaʼee Waaqayyoo akkan yaadu na taasise na hin mudanne. Nama dhugaa barbaadaa ture akkan taʼettis of hin ilaalu. Jireenya gaarii jiraachaa akkan jiruu fi wanti dabalataas akka na hin barbaachisne natti dhagaʼama ture. Haa taʼu malee, utuu yaadamin dhugaan Kitaaba Qulqulluu akkuma waan na eegaa turee jireenyi hiika guddaa akka qabun arge; jireenyi koos hamman yaade caalaa fooyyaʼaa dhufe! Maatiin keenya yeroo kam iyyuu caalaa cimaa fi tokkummaa kan qabu taʼeera. Ijoolleen dhiiraa kiyya sadan gama ispoortiitiin utuu hin taʼin, Kiristiyaanota taʼuudhaan fakkeenya koo hordofaa jiraachuun isaanii baayʼee na gammachiisa.

 Ammas teenisii taphachuu nan jaalladha. Waggoota hedduudhaaf hojiiwwan teenisii wajjin wal qabatan, fakkeenyaaf leenjisaa fi itti gaafatamaa giddu gala teenisii taʼee hojjechuudhaan ittiin jiraachaa tureera. Taʼus, jireenyi koo ispoortii irratti kan xiyyeeffate miti. Kanaan dura, taphataa teenisii beekamaa taʼuudhaaf torban torbaniin saʼaatii hedduudhaaf nan shaakalan ture. Amma garuu lallabaa yeroo guutuu waanan taʼeef, yeroo koo namoonni kaan dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu isa jireenya koo jijjiiran akka baratanii fi hojii irra akka oolchan gargaaruuf itti fayyadamuun koo na gammachiisa. Hariiroon Yihowaa wajjin qabuuf dursa kennuudhaan, akkasumas waaʼee abdii koo gara fulduraa namoota kaaniif hiruudhaan gammachuu guddaa argadheera.—1 Ximotewos 6:19.

a ATPn (Association of Tennis Professionals) Waldaa Taphattoota Teenisii bakka buʼa. Waldaan kun qaama ol aanaa taphattoota teenisii dhiiraa ti. ATPn dorgommiiwwan hedduu kan qopheessu yommuu taʼu, namoota injifataniif qabxii fi badhaasa qarshii kenna. Qabxiin walii galaa dorgommiiwwan kan irratti galmaaʼu, sadarkaa taphataan tokko addunyaa irratti qabu murteessa.