Dhimma ijoo ta'etti seeni

KITAABNI QULQULLUUN JIREENYA NAMOOTAA NI JIJJIIRA

“Boollan Itti Awwaalamu Qotaan Ture”

“Boollan Itti Awwaalamu Qotaan Ture”
  • Bara Dhalootaa: 1978

  • Biyya Dhalootaa: Eel Saalvadoor

  • Seenaa: Miseensa Tuuta Badii Uumtotaa Kan Ture

JIREENYA KOO DURAA

 “Waaʼee Waaqayyoo beekuu yoo barbaadde Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin michummaa uumi.” Yaada akkanaa dhagaʼuun koo baayʼee na dinqisiise. Yeroo sanatti, Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin yeroo muraasaaf qoʼadheen ture. Haa taʼuu malee, yaadni kun maaliif akka na dinqisiise hubachuu akka dandeessaniif mee jalqaba waaʼee seenaa koo isinittan hima.

 Kanan dhaladhe magaalaa Eel Saalvadoor Keesooltepekee keessatti dha. Maatiin keenya ijoollee 15 kan qaban siʼa taʼu ani isa 6ffaa dha. Maatiin koo amanamaa fi seeraaf akkan ajajamuu godhanii na guddisuuf carraaqqii godhaniiru. Kana malees, Liyoonardoo fi Dhugaa Baatonni kan biroon waaʼee Kitaaba Qulqulluu nu barsiisuuf darbe darbee ni dhufu turan. Haa taʼuu malee wantan barachaa tureef dantaa dhabuudhaan irra deddeebiʼee murtoo sirrii hin taane godheera. Yommuu umuriin koo waggaa 14 taʼu, dhugaatii alkoolii dhuguu fi hiriyoota koo mana barumsaa wajjin qoricha sammuu namaa hadoochuu fudhachuun jalqabe. Hundi isaanii tokko tokkoon barumsa dhiisuudhaan miseensa tuuta badii kan taʼan siʼa taʼu, anis fakkeenya isaaniin hordofe. Yeroo keenya kan dabarsinu daandii irratti qarshii kadhachuudhaan akkasumas araada keenya guuttachuuf qarshii hatuudhaan ture.

 Tuutni badii kun maatii koo naaf taʼee ture. Isaaniif amanamuu akkan qabu natti dhagaʼama ture. Fakkeenyaaf, guyyaa tokko michuun koo miseensa tuuta kanaa taʼe tokko, qoricha sammuu namaa hadoochu fudhatee nama ollaa koo taʼe tokko lolaa ture. Lola isaanii irrattis ollaan koo sun michuu koo qabuudhaan poolisii waame. Anis aariidhaan kakaʼee michuu koo akka gadhiisuuf ulee sibiilaatiin konkolaataa namicha ollaa koo sanaa caccabsuun jalqabe. Namichi ollaa koo sunis foddaa konkolaatichaa tokkoo tokkoon yommuun caccabsuu fi qaama konkolaatichaa kan biraa yommuun miidhu akka ani dhiisu na kadhatus ani garuu nan dide.

 Yommuu umuriin koo waggaa 18 taʼutti, tuutni ani keessa jiru poolisii wajjin wal lole. Boombii mana keessatti tolfame darbachuuf yommuun jedhu akkamitti akka taʼe beekuu baadhus harka koo irratti dhoʼe. Wantin yaadadhu harki koo murmuramuu isaa arguu koo qofa siʼa taʼu, achiis ofin wallaale. Hospitaala keessatti yommuun of baru harka koo mirgaa akkan dhabee fi gurri koo mirgaa akka duude, akkasumas iji koo mirgaa garmalee akka miidhame nan hubadhe.

 Miidhaan kan narra gaʼe taʼus, hospitaalaa ergan baʼee booda gara tuuta sanaattin deebiʼe. Taʼus, sana booda utuu baayʼee hin turin poolisiin kan na qabe siʼa taʼu, mana hidhaan gale. Achittis hariiroon miseensota tuuta badii uuman wajjin qabu ni cime. Guyyaa guutuu saʼaatii ciree yeroo itti maariwaanaa xuuxuu jalqabnuu kaasee hamma saʼaatii hirribaatti walii wajjin yeroo dabarsina turre.

KITAABNI QULQULLUUN KAN NA JIJJIIRE AKKAMITTI?

 Mana hidhaa keessa utuun jiruu Liyoonaardoon dhufee na gaafate. Innis utuu waliin haasofnuu tumaa harka koo mirgaa irra jirutti quba qabe. “Milikkinni tumaa sadan harka kee irra jiran kanaa hiika maalii akka qaban beektaa?” jedhee na gaafate. Anis “eeyyee,” “walqunnamtii saalaa, qoricha sammuu namaa hadoochuu fi muuziqaa rookii fi rool jedhamu” argisiisu jedheen deebiseef. Liyoonaardoon garuu deebisee, “Ani garuu hospitaala, mana hidhaa fi duʼa argisiisun jedha. Hospitaala galtee turte, amma mana hidhaa jirta. Kan itti aanuu maal akka taʼe beekta” jedhe.

 Wanti Liyoonaardoon dubbate baayʼee na rifachiise. Inni sirrii ture. Akkaataa jireenya kootiin boollan itti awwaalamu qotachaan ture. Liyoonaardoon Kitaaba Qulqulluu akkan isaa wajjin qoʼadhu kan na afeere siʼa taʼu anis tolen jedhe. Wantin Kitaaba Qulqulluu irraa baradhe jireenya koo irratti jijjiirama akkan godhu na kakaase. Fakkeenyaaf, Kitaabni Qulqulluun “hiriyummaa gadheen amala gaarii mancaasa” jedha. (1 Qorontos 15:33) Kanaafuu, wanti ani gochuu qabu inni jalqabaa hiriyoota haaraa barbaaddachuu ture. Kana gochuuf jecha walgaʼii tuuta badii uumanii irratti argamuu nan dhiise, kanaa mannaa walgaʼii Dhugaa Baatonni Yihowaa mana hidhaa keessatti gaggeessan irratti argamuun jalqabe. Walgaʼii sana irrattis nama Andiree jedhamuu fi mana hidhaa keessatti cuuphamee Dhugaa Baatuu taʼee wajjinan wal bare. Innis ciree akka isa waliin nyaannu na afeere. Yeroo sanaa kaasee ganamaan maariwaanaa xuuxuu nan dhiisee. Kanaa mannaa, ganama yeroo hunda caqasa Kitaaba Qulqulluu tokko irratti mariʼanna turre.

 Miseensonni tuuta badii uumanii sun jijjiirama gochaa akkan jiru dafanii hubatan. Kanaan kan kaʼes, hogganaa tuuta sanaa keessaa tokko na haasofsiisuu akka barbaadu natti hime. Anis baayʼeen sodaadhe. Tuuta sana keessaa baʼuun waan hin dandaʼamneef ilaalcha ani qabu yommuu hubatu maal akka na godhu hin beekuun ture. Innis akkas jedhe: “Walgaʼii keenya irratti argamuu mannaa walgaʼii Dhugaa Baatotaa Yihowaa irratti argamaa akka jirtu hubanneera. Maal gochuuf yaadde?” Anis Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu koo akkan itti fufuu fi jireenya koo jijjiiruu akkan barbaadun itti hime. Baayʼee kan nama dinqisiisu dhugumaan Dhugaa Baatota Yihowaa keessaa tokko taʼuu kanan barbaadu yoo taʼe tuutichi ilaalcha koo akka naaf kabaju natti hime. Achiis akkana nan jedhe: “Dhugumaan waaʼee Waaqayyo beekuu yoo barbaadde Dhugaa Baatota Yihowaatti maxxani. Wanta hamaa raawwachuu kee akka dhiistu ni eegna. Baga gammadde siin jechuun barbaada. Daandii sirrii taʼe irra deemaa jirta. Dhugaa Baatonni dhugumaan si gargaaruu dandaʼu. Yunaayitid Isteetis keessa yeroon turetti isaan wajjin qoʼadheera, maatii koo keessaas muraasni isaanii Dhugaa Baatota Yihowaa ti. Hin sodaatin. Jabaadhu.” Amma iyyuu naasuun koo kan na hin dhiisne taʼus, gammachuu guddaan natti dhagaʼame. Garaa kootti Yihowaa baayʼeen galateeffadhe. Baʼaan guddaan tokko akka narra buʼetti kan natti dhagaʼame siʼa taʼu, yaada Yesuus, “Dhugaas ni beektu, dhugaanis bilisa isin baasa” jechuudhaan dubbate nan hubadhe.—Yohaannis 8:32.

 Taʼus, hiriyoonni koo duraanii tokko tokko qoricha sammuu namaa hadoochu akkan fudhadhu gochuuf yaaluudhaan na qoru turan. Yeroo tokko tokko moʼamee akkan ture hin haalu. Haa taʼu malee yeroo booda, yeroo hedduu kadhanna garaadhaa madde ergan dhiheesse booda araada kana injifachuu dandaʼeera.—Faarfannaa 51:10, 11.

 Ergan mana hidhaatii gadhiifamee booda namoonni hedduun jireenya koo isa duraaniitti akkan deebiʼu yaadanii kan turan taʼus, ani garuu akkas hin goone. Kanaa mannaa, yeroo baayʼee gara mana hidhaatti kanan deddeebiʼu wantan Kitaaba Qulqulluu irraa baradhe warra mana hidhaa jiranitti himuuf ture. Dhuma irrattis hiriyoonni koo durii dhugumaan akkan jijjiirame amananiiru. Kan nama gaddisiisu garuu diinonni koo duraanii kana hin beekan turan.

 Guyyaa tokko utuu tajaajilaa jirruu anii fi hiriyaan tajaajilaa koo miseensota tuuta badii meeshaa waraanaa hidhatanii fi na ajjeesuu barbaadaniin marfamne. Hiriyaan tajaajilaa koo kabajaan garuu immoo ija jabinaan kana booda miseensa tuuta badii uumanii akkan hin taane isaaniif ibse. Yeroo kanatti tasgabbaaʼuuf yaaliin godhe. Erga na reebanii fi naannoo sanatti lammata akkan hin deebine na akeekkachiisanii booda meeshaa harkaa qaban gadi buusuudhaan akka deemnu nuuf heyyaman. Kitaabni Qulqulluun dhugumaan jireenya koo jijjiireera. Sana dura utuu taʼee haaloo baʼuuf nan yaalan ture. Yeroo kanatti garuu gorsa Kitaaba Qulqulluu 1 Tasalonqee 5:15 irra jiruu fi “Yeroo hunda walii keessaniifis taʼe warra kaan hundumaaf wanta gaarii gochuuf carraaqaa malee, eenyuuf iyyuu hamaa hamaadhaan akka hin deebisne of eeggadhaa” jedhu hordofuuf carraaqaan ture.

 Dhugaa Baatota Yihowaa keessaa tokko ergan taʼee eegalee nama amanamaa taʼuuf carraaqqii gochaan jira. Kana gochuun salphaa hin turre. Haa taʼu malee, gargaarsa Yihowaa, gorsa Kitaaba Qulqulluu fi deggersa michoonni koo warri haaraan naaf godhaniin milkaaʼuu dandaʼeera. Matumaa gocha koo isa duriitti deebiʼuu hin barbaadu.—2 Pheexiros 2:22.

FAAYIDAAN ARGADHE

 Kanaan dura nama dafee aarun ture. Amala koo isa duriitiin utuun itti fufeera taʼee harʼa jiraachuu akkan hin dandeenye nan amana. Wanti Kitaaba Qulqulluu irraa baradhe na jijjiireera. Araada koo dhiiseera. Diinoota koo duraanii wajjin nagaa uumuu akkan qabu baradheera. (Luqaas 6:27) Kana malees, yeroo ammaa michoota amala gaarii horachuu akkan dandaʼu na gargaaran qaba. (Fakkeenya 13:20) Jireenya gammachiisaa fi kaayyoo qabu jiraachaan jira, akkasumas Waaqa wanta hamaa ani raawwadhe hunda naaf dhiisuuf qophaaʼaa taʼe tajaajilaan jira.—Isaayyaas 1:18.

 Bara 2006tti, Mana barumsaa labsitoota wangeelaa qeenxee taʼanii irratti hirmaadheera. Waggoota muraasa booda haadha manaa koo ishii jaallatamtuu wajjin gaaʼelaa kan godhanne siʼa taʼu waliin taanee intala keenya guddisaa jirra. Ammaa yeroo koo gara caalaa isaa qajeelfama Kitaaba Qulqulluu isa na gargaare warra kaan barsiisuu irrattan dabarsa. Kana malees, gumii keessatti jaarsa gumii taʼee tajaajilaa kanan jiru siʼa taʼu dargaggoonni umurii dargaggummaa isaanitti dogoggora ani raawwadhe akka hin raawwanne isaan gargaaruuf yaalii gochaan jira. Yeroo ammaatti ofii kootiif boollan itti awwaalamu qotachuu mannaa, jireenya bara baraa isa Waaqayyo abdachiise argachuuf carraaqaan jira.