Dhimma ijoo ta'etti seeni

KITAABNI QULQULLUUN JIREENYA NAMOOTAA NI JIJJIIRA

Shugguxiin Koo Yoom Iyyuu Na Harkaa hin Dhabamu Ture

Shugguxiin Koo Yoom Iyyuu Na Harkaa hin Dhabamu Ture
  • BARA DHALOOTAA: 1958

  • BIYYA DHALOOTAA: XAALIYAANII

  • SEENAA: MISEENSA GAREE KASHALABBOOTAA KAN TURE

JIREENYA KOO DURAA:

Dhaladhee kanan guddadhe naannoo qarqara magaalaa Roomaatti argamuu fi namoonni galii gad aanaa qaban keessa jiraatanitti ture. Jireenyi baayʼee ulfaataa ture. Haadha koo hin beeku, abbaa koo wajjinis walitti dhufeenya gaarii hin qabun ture. Naannoo rakkisaa taʼe keessatti waanan guddadheef ijoollummaa kootii kaasee kashalabbeen ture.

Umuriin koo waggaa kudhan yommuu taʼu hatuun jalqabe. Umuriin koo yommuu waggaa 12 taʼu immoo yeroo jalqabaatiif manaa baʼeen bade. Yeroo baayʼee abbaan koo gara waajjira poolisii dhufee na hiiksisee gara manaatti na deebisa ture. Nama gara jabeessaa fi garmalee dheekkamu waanan tureef yeroo hundumaan namootaa wajjin wal lola ture. Yommuu umuriin koo waggaa 14 taʼu immoo, guutummaattin mana gadhiisee baʼe. Achiis qoricha sammuu namaa hadoochu fudhachuu fi daandii irra jiraachuun jalqabe. Bakkan bulu waanan hin qabneef konkolaataa namaa baneen hamma bariʼutti achi keessa ciisa ture. Sana booda bakka fincaaʼaan bishaanii jiru dhaqeen dhaqna koo dhiqadha.

Hanna irratti dandeettii guddaa horadhee waanan tureef, boorsaa nama harkaa butuu irraa kaasee hamma halkaniin manneen guguddaa saamutti gaʼeen ture. Gama kanaan beekamtii argachuu waanan jalqabeef, utuma baayʼee hin turin garee kashalabbootaa tokkotti akkan makamun affeerame. Kunis baankii saamuuf carraa naa bane. Nama baayʼee aaru waanan tureef, utuma baayʼee hin turin garee kashalabbootaa sana keessatti sodaatamuun jalqabe. Shugguxiin koo yoom iyyuu na harkaa hin dhabamu ture; yeroon rafutti illee boraatii koo jalan kaaʼadha ture. Lolli, qoricha sammuu namaa hadoochu fudhachuun, hatuun, arrabsuu fi halalummaan kutaa jireenyaa koo taʼee ture. Poolisoonni yeroo hundumaa na hordofu turan. Yeroo baayʼee qabamee hidhameera, waggoota hedduudhaafis manni hidhaa manuma koo taʼee ture jechuun ni dandaʼama.

KITAABNI QULQULLUUN KAN NA JIJJIIRE AKKAMITTI?

Yeroo tokko yeroon mana hidhaatii gadhiifametti, adaadaa koo gaafachuufan murteesse. Adaadaan koo fi ijoolleen ishii lamaan Dhugaa Baatota Yihowaa akka taʼan hin beekun ture. Isaanis walgaʼii Dhugaa Baatota Yihowaa irratti akkan argamu na affeeran. Walgaʼichi maal akka fakkaatu beekuu waanan barbaadeef, isaanii wajjin deemufan murteesse. Yommuu Galma Walgaʼii geenyu nama seenuu fi baʼu ilaaluu akkan dandaʼuuf balbala bira taʼuu akkan barbaadun isaanitti hime. Shugguxii koos hidhadheen ture.

Walgaʼichi jireenya koo jijjiire. Kun pilaaneetii kan biraa irra taʼuu qaba jedhee yaadee akkan ture nan yaadadha. Namoonni achi turan miira hoʼaa fi fuula ifaadhaan akka michuutti nagaa na gaafatan. Gaarummaa guddaan Dhugaa Baatonni sun natti argisiisan, hamma yoonaatti sammuu koo keessaa hin banne. Kun addunyaan ani beeku irraa baayʼee baayʼee adda dha!

Achiis Dhugaa Baatotaa wajjin Kitaaba Qulqulluu qoʼachuun jalqabe. Qoʼannaa koo itti fufaa yommuun deemu, akkaataa jireenyaa koo guutummaatti jijjiiruu akkan qabu caalaatti ifa naa taʼaa deeme. Gorsa Fakkeenya 13:20 irra jiruu fi “Namni ogeeyyii wajjin deemu ogeessa taʼa, namni gowwootaa wajjin walitti dhufeenya qabu garuu rakkina irra buʼa” jedhu hojii irran oolche. Kashalabboota sana irraa fagaachuu akkan qabus nan hubadhe. Akkas gochuun salphaa taʼuu baatus, gargaarsa Yihowaatiin naaf milkaaʼuu dandaʼeera.

Jireenya koo keessatti yeroo jalqabaatiif, gochawwan koo toʼachuun jalqabe

Qulqullina qaamaa koos eeggachuun jalqabe. Carraaqqii guddaa gochuudhaan tamboo xuuxuu fi qoricha sammuu namaa hadoochu fudhachuu nan dhiise. Rifeensa koo isa dheeraa nan muradhe, lootii gurraa koos of irraa nan baase, akkasumas dubbii gadhee dubbachuu nan dhiise. Jireenya koo keessatti yeroo jalqabaatiif, gochawwan koo toʼachuun jalqabe.

Dubbisuu fi qoʼachuu waanan hin jaallanneef, qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu koo irratti guutummaatti xiyyeeffachuun baayʼee na rakkisee ture. Haa taʼu malee, carraaqqii gochaa yommuun deemu jaalalli ani Yihowaadhaaf qabu guddachaa dhufe, ilaalchi koo jijjiiramaa yommuu deemu qalbiin koo na ceephaʼuu jalqabe. Yihowaan wantoota hamoo ani raawwadhe hundumaaf dhiifama naa gochuu hin dandaʼu jedhee waanan shakkuuf yeroo baayʼee miirri dogoggoraa natti dhagaʼama ture. Yeroowwan akkasiitti seenaa Yihowaan Daawit Mootichi yommuu cubbuu ciccimoo raawwatetti dhiifama akka isaaf godhe ibsu dubbisuudhaanan jajjabina argadha ture.—2 Saamuʼel 11:1–12:13.

Wanti natti ulfaate inni kan biraan immoo manaa gara manaa deemee tajaajiluu dha. (Maatewos 28:19, 20) Namni ani kanaan dura miidhe ykn mufachiise yoo na mudate hoo jedheen sodaadha ture! Oolee bulee garuu sodaa koo moʼuu dandaʼeera. Namoonni kaan waaʼee Abbaa keenya isa samii isa dhiifamni isaa guddaa taʼe akka beekan gargaaruudhaan gammachuu dhugaa argachaan jira.

FAAYIDAA ANI ARGADHE:

Waaʼee Yihowaa barachuun koo lubbuu koo naaf oolcheera! Hiriyoonni koo durii harki caalaan isaanii duʼaniiru ykn mana hidhaa jiru; ani garuu jireenya gammachiisaa jiraachaan jira; abdii gara fuulduraas qaba. Gad of qabuu fi ajajamuu, akkasumas aarii koo toʼachuu baradheera. Kanaan kan kaʼes, namootaa wajjin hariiroo gaarii qabaachuu dandaʼeera. Haadha manaa bareedduu Kaarman jedhamtuu wajjin gaaʼela godhanneerra. Waliin taanee warri kaan waaʼee Kitaaba Qulqulluu akka baratan gargaaruun baayʼee nu gammachiisa.

Amma hojii koo haqaanan hojjedha, yeroo tokko tokko sababa hojii kootiin gara baankii nan deema, kanan deemu garuu saamuuf utuu hin taʼin qulqulleessuufi!