Dhimma ijoo ta'etti seeni

Naannoowwan Fagaatanii Argamanitti Galmawwan Mootummaa Ijaaruu

Naannoowwan Fagaatanii Argamanitti Galmawwan Mootummaa Ijaaruu

Gareen namoota fedhiidhaan of dhiheessanii Galmawwan Mootummaa Dhugaa Baatota Yihowaa lama ijaaruuf walitti qabaman. Tokko naannoo xinnoo bulchiinsa Faransaay jala jirtuu fi qarqara Niiwufaawundilaandi, Kaanaadaa irraa kiilomeetira 25 fagaattutti kan ijaaramu siʼa taʼu, kan biraan immoo magaalaa Haappii Vaalii Goos Baay, Labraadoritti ijaarama.