Dhimma ijoo ta'etti seeni

Dhugaa Baatonni Yihowaa Iddoo Walgaʼii Isaanii Waldaa Jedhanii Kan Hin Waamne Maaliifi?

Dhugaa Baatonni Yihowaa Iddoo Walgaʼii Isaanii Waldaa Jedhanii Kan Hin Waamne Maaliifi?

 Macaafa Qulqulluu keessatti jechi afaan Giriikii “waldaa” jedhamee hiikame waaqeffattoota kan argisiisu dha malee, gamoo isaan keessatti walitti qabaman kan argisiisu miti.

 Fakkeenya kana hubadhu: Phaawulos Kiristiyaanota Roomaatti argamaniif yeroo barreessetti hiriyoota gaaʼelaa Aqiilaa fi Phirisiqillaa jedhamaniif nagaa dhaameera; dabalataanis, “Waldicha isa mana isaaniitti walitti qabamuttis nagaa koo anaaf himaa!” jedheera. (Roomaa 16:5) Phaawulos asirratti nagaa dhaammachaa kan jiru manichatti miti. Kanaa mannaa namootatti, jechuunis gumii mana sana keessatti walitti qabamutti nagaa dhaammachaa jira. a

 Kanaafuu iddoo waaqeffannaa keenyaa waldaa jennee waamuu irra “Galma Mootummaa” jennee waamna.

“Galma Mootummaa Dhugaa Baatota Yihowaa” Kan Jedhame Maaliifi?

 Maqaan kun sababiiwwan garaa garaatiin kan kaʼe sirrii dha:

  •   Manichi galma ykn iddoo walgaʼiin itti geggeeffamu dha.

  •   Walitti kan qabamnu Yihowaa isa Macaafa Qulqulluu barreessise waaqeffachuuf, akkasumas waaʼee isaa dhugaa baʼuu ykn ragaa baʼuufi dha.—Faarfannaa 83:18; Isaayaas 43:12.

  •   Akkasumas waaʼee Mootummaa Waaqayyoo isa Yesus yeroo baayʼee dubbachaa turee barachuuf walitti qabamna.—Maatewos 6:9, 10; 24:14; Luqaas 4:43.

 Galma Mootummaa naannoo keetti argamu dhaqxee akka ilaaltuu fi akkaataa Dhugaa Baatonni Yihowaa walgaʼii isaanii itti geggeeffatan ofuma keetii akka ilaaltu afeeramteetta.

a 1 Qorontos 16:19; Qolosaayis 4:15; fi Filemon 2 irraa yaada wal fakkaatu argachuun ni dandaʼama.