Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BUUSIIN GOOTAN FAAYIDAA IRRA OOLAA KAN JIRU AKKAMITTI?

Galmawwan Walgaʼii Keenya Suphuu

Galmawwan Walgaʼii Keenya Suphuu

EBLA 1, 2024

 Shamarreen Niikool jedhamtuu fi Kolombiyaa jiraattu akkana jetteetti: “Galma Walgaʼii koo baayʼeen jaalladha! Bakki kun bakkan maatii koo hafuuraa wajjin itti wal argudha.” Atoo akkuma ishii sitti dhagaʼamaa?

 Addunyaa maratti, Dhugaa Baatonni Yihowaa Galmawwan Walgaʼii gara 63,000 taʼan keessatti walitti qabamu. Gamoowwan kun Waaqayyoon waaqeffachuuf bakka mijatoodha. Tajaajilli isaan kennan garuu kana qofa miti. Qajeelchaan yeroo hundaa Deevid jedhamuu fi Kolombiyaa jiraatu akkana jedheera: “Galmi Walgaʼii keenya ergaan keenya caalaatti namoota akka hawwatu godha. Keessummoonni hedduun gamoowwan kana haala gaariidhaan qabuun keenya baayʼee isaan dinqisiisa.” Kun waanuma akka tasaa taʼe miti. Galmawwan Walgaʼii keenya qulqulleessuu fi suphuuf jabaannee hojjenna. Hojii kana raawwachuu kan dandeenye akkamitti?

Hojiin Suphaa Akkamitti Qindeeffama?

 Gumiiwwan Galma Walgaʼii tokkotti walitti qabaman galma sana suphuu irratti itti gaafatamummaa qabu. Kana gochuufimmoo, obboloonnii fi obboleettonni Galma Walgaʼii isaanii yeroo hunda qulqulleessuu qabu. Kana malees, haaressuu fi hordoffii gochuu, akkasumas suphaa salphaa gochuu ni dandaʼu.

 Gumiiwwan Galmawwan Walgaʼii isaanii akka suphan gargaaruuf, Kutaan Diizaayinii fi Ijaarsaa Naannoo obboloota suphaan akkamitti akka raawwatamu leenjisan ramada. Obboleessi leenjii kennu kun Galmawwan Walgaʼii jaʼaa hanga kudhanii taʼan hordofee gargaara. Galmicha ni daawwata, akkasumas galma isaanii akkamitti kunuunsuu akka qaban babalʼistoota gumicha keessa jiran ni leenjisa. Tokkoon tokkoo gamoowwan sanaa haala akkamii irra akka jiran beekuu fi suphamuu qabamoo hin qabu isa jedhu murteessuuf waggaa sadiitti siʼa tokko galma sana ni gamaaggama.

Leenjitoonni hojii suphaa Galmi Walgaʼii keenya haala gaariidhaan akka qabamuuf gumaacha godhu

 Obboloonnii fi obboleettonni keenya, leenjii karaa obboloota hojii suphaa hojjechuu leenjisan isaaniif kennamu guddaa dinqisiifatu. Obboleettiin Indumedi jedhamtuu fi Hindii keessa jiraattu akkana jetteetti: “Leenjiin kennamu baayʼee gaariidha. Galmi walgaʼii keenya miidhagaa taʼee akka itti fufu gochuun baayʼee nama gammachiisa.” Obboleessi Ivaan jedhamuu fi Keeniyaa jiraatu akkana jedheera: “Rakkoowwan sasalphaa galma keenyarra gaʼan hordofnee sirreessuun keenya baasii guddaa qusateera.”

Baasii Keenya Kaffaluu

 Waggaatti Galma Walgaʼii tokko suphuun naannoo galmichi itti argamu, umurii galmichi irra jiruu fi lakkoofsa gumiiwwan galmichatti fayyadamanirratti hundaaʼee doolaara dhibbaan lakkaʼamurraa kaasee hanga doolaara a kumaan lakkaaʼamuutti baasisuu dandaʼa. Baasiin kun kan kaffalamu akkamitti?

 Galmi Walgaʼii kan suphamu buusii fedhiidhaan godhamuuni. Obboleessi Aleksaadar jedhamuu fi Kaazaakistaan keessa jiraatu akkana jedheera: “Maallaqa buusii godhame kana keessaa muraasa isaa baasii Intarneetii fi tajaajila buʼuuraa kanneen akka bishaanii fi humna ibsaa kaffaluuf itti fayyadamna. Baasii wantoota barbaachisoo kanneen akka fooxaa, guwaantii, meeshaalee qulqullinaa fi halluu jiraniif baʼu bituufis itti fayyadamna.” Buusiiwwan dabalataa hojii addunyaa maraa isa balʼaa taʼee fi piroojektiiwwan suphaa gatiin isaanii miʼaa taʼan, akkasumas addunyaa maratti raawwatamaniif buusii godhamu.

Piroojektiiwwan Suphaa Guddaa Barbaadan

 Baasiin Galma Walgaʼii suphuuf baʼu isa yeroo kaan obboloonni jiʼa lamaa hanga jiʼa sadiitti baasanii ol yoo taʼe, jaarsoliin leenjisaa suphaa kutaa Diizaayinii fi Ijaarsaa Naannoo wajjin mariʼatu. Kutaan Diizaayinii fi Ijaarsaa Naannoo akka suphamuuf yoo heyyame, baasiin isaa buusii hojii addunyaa maraatiif godhamuu irraa fudhatama. Bara tajaajilaa 2023​tti piroojektiiwwan 8,793 taʼaniif doolaarri miiliyoona 76.6 baʼeera. Isaan keessaa piroojektiiwwan lama haa ilaallu.

 Angoolaa keessaa Galmi Walgaʼii waggaa 15f ture tokko rakkoowwan baayʼee qaba ture. Toorri ibsaa yeroo dheeraadhaaf tajaajilee fi girgiddaa tatarsaʼe haareffamuu qaba; namoonni ollaa galmichaa jiraatan bishaan gara isaaniitti akka dhangalaʼu gabaasaniiru. Kutaan Dizaayinii fi Ijaarsaa Naannoo rakkina kana furuuf hojii tokko tokko qindeesseera. Piroojektii kanatti doolaarri 9,285 baʼeera. Ollaawwan naannoo sana jiran galateeffataniiru; akkasumas akkaataa hojiin kun itti hojjetame baayʼee isaan dinqisiiseera.

Galma Walgaʼii Angoolaa isa haareffame

 Poolaandi keessa Galmi Walgaʼii tokko baaxiin isaa waan dhimmisuu fi minxaafiin isaa baayʼee waan cicciteef suphamuu hin dandaʼu ture. Kutaan Dizaayinii fi Ijaarsaa Naannoo galmi kun akka suphamu, baaxiin isaa bishaan akka hin galchine gochuu g fi minxaafiin isaa akka bakka buufamu heyyameera. Piroojektii kanatti doolaarri 9,757 baʼeera. Galmi Walgaʼii kun akka gaariitti waan hojjetameef, waggoota hedduudhaaf haaromsi guddaan barbaachisuu dhiisuu dandaʼa.

Galma Walgaʼii Poolaandi keessatti haareffamaa jiru

Hojii Suphaa Yihowaadhaaf Ulfina Fidu

 Hojiin suphaa buusii guddaa hojii kanaaf oolu qusachuu qofa utuu hin taʼin Yihowaafis ulfina fida. Shon inni Toongaa keessa jiraatu akkana jedheera: “Hojii suphaatiin kan kaʼe, Galma Walgaʼii qulqulluu, sirriitti qabame, sirriitti hojjetuu fi hawaasichi waaʼee maqaa Yihowaa akka yaadu godhuu keessatti Yihowaa waaqeffachuu dandeenyeerra. Namoota naannoo Galma Walgaʼii keenya jiran affeeruu dandaʼuu keenyattis ni boonna.”

Gargaaruu kan Dandeessan Akkamitti?

 Hundi keenya bakka waaqeffannaa keenya qulqulleessuu fi suphuudhaan gargaaruu ni dandeenya. Maarinoo inni Austraaliyaatti hojii suphaarratti leenjiʼe akkana jedheera: “Hundumti keenyayyuu Galma Walgaʼii keenya kunuunsuuf mirga adda taʼe qabna. Kana gochuun keenya, maallaqa guddaa qusachuu fi maallaqa sanammoo iddoo caalaatti barbaachisaa taʼetti faayidaarra akka oolu gochuu irratti jijjiirama guddaa fida.”

 Jooʼel inni Hindi keessa jiraatu Galma Walgaʼii gumii isaa suphuun isa gammachiisa. Akkana jedheera: “Obboloota koo wajjin hojjechuun wantan addunyaa haaraa keessatti hojjedhu yaadaan ilaaluuf na gargaara.” Nikool ishiin olitti ibsamtes akkana jetteetti: “Dhiheenya kana yeroo obboloonni dhangalaʼaa mana boolii keessaa baʼaa ture sirreessaa turanitti lafa isaa qulqulleessuurratti gargaareera. Kan sirreesse ana taʼuu baatus, balaan akka hin geenyeef gargaarsa gochaan ture.”

 Galma Walgaʼii keessan suphuurratti gargaarsa gochuuf fedhii qabdu taanaan, jaarsa gumii isinitti dhihoo jirutti himaa. Buusiin gootan Galma Walgaʼii keessan qofa utuu hin taane, Galma Walgaʼii addunyaa maratti argamu suphuurrattis deggersa guddaa godha. Buusii gochuuf saanduqa buusii Galma Walgaʼii keessan keessa jirutti fayyadamuu ykn karaa donate.pr418.com buusii gochuun ni dandaʼama. Kennaa arjummaadhaan kennitan baayʼee dinqisiifanna.

Hundi keenyayyuu Galmawwan Walgaʼii keenya kunuunsuu dandeenya

a Doolaarri mata duree kana keessatti caqasame hundi doolaara Ameerikaa ti.