Dhimma ijoo ta'etti seeni

Qaamni Olaanaa Dhugaa Baatota Yihowaa Maalidha?

Qaamni Olaanaa Dhugaa Baatota Yihowaa Maalidha?

 Qaamni Olaanaan, garee Kiristiyaanota bilchina qaban muraasa of keessatti qabatee fi Dhugaa Baatota Yihowaa addunyaarra jiraniif qajeelfama kennudha. Hojiin isaanii iddoo lamatti qoodama:

 Qaamni olaanaan fakkeenya “ergamootaa fi jaarsolii” jaarraa tokkoffaatti Yerusaalem keessa turanii fi gumii kiristiyaanaa mara bakka buʼanii murtoowwan barbaachisaa taʼan gochaa turanii hordofu. (Hojii Ergamootaa 15:2) Akkuma namoota amanamoo taʼan sanaa, miseensonni Qaama Olaanaas geggeessitoota jaarmiyichaa miti. Waaqni keenya Yihowaan Yesuus Kiristoosiin Mataa gumii godhee akka muude waan hubataniif, qajeelfama argachuuf Kitaaba Qulqulluutti fayyadamu.—1 Qorontos 11:3; Efesoon 5:23.

Miseensonni Qaama Olaanaa eenyufaʼi?

 Miseensonni Qaama Olaanaa Keeneez Kuuk, Geej Filiigil, Saamuʼel Hardi, Jeefrii Jaaksan, Isteefan Leet, Geerit Loosh, Maark Saandarsan, Deevid Ispileenii fi Jeefrii Wiinderidha. Waajjira muummee Woorwiik, Niwu Yoorki, Yuunaayitid Isteetisitti argamu keessa tajaajilu.

Qaamni Olaanaan kan gurmaaʼe akkamitti?

 Qaamni Olaanaan koreewwan hojii garaagaraa toʼatan jaʼa kan hundeesse yeroo taʼu, miseensonni kun tokkoon tokkoon isaanii koree tokko ykn isaa ol keessa tajaajilu.

  •   Koree Qindeessitootaa: Dhimmoota seeraa wajjin wal qabatan toʼata; balaawwan yeroo uumaman, Dhugaa Baatonni Yihowaa sababa amantii isaaniitiin ariʼatamni yeroo isaanirra gaʼu, akkasumas, dhimmoonni ariifachiisaa Dhugaa Baatota Yihowaarra miidhaa geessisan yeroo uumaman tarkaanfii fudhata.

  •   Koree Parsoneelii: Qophiiwwan miseensota maatii Beeteliif taasifaman toʼata.

  •   Koree Maxxansaa: Maxxansaa fi feʼumsa barreeffamoota Kitaaba Qulqulluurratti hundaaʼanii, ijaarsa iddoowwan waaqeffannaa, waajjiroota hiikkaa fi waajjiroota damee toʼata.

  •   Koree Tajaajilaa: Hojii lallaba ‘misiraachoo Mootummichaa’ toʼata.—Maatewos 24:14.

  •   Koree Barumsaa: Barumsa hafuuraa karaa walgaʼii, manneen barumsaa, sagalee fi viidiyoodhaan dhihaatuuf qajeelfama kenna.

  •   Koree Barreeffamaa: Barumsa hafuuraa bifa maxxansaatiin, akkasumas weebsaayitii keenyarratti baʼuuf qajeelfama kenna; hojii hiikkaas ni toʼata.

 Hojiiwwan karaa koree kanaan raawwataman malees, Qaamni Olaanaan wanta jaarmiyicha barbaachisurratti mariʼachuudhaaf torban torbaniin walitti qabama. Walgaʼiiwwan kanarratti wanta Kitaabni Qulqulluun jedhurratti kan mariʼatan yeroo taʼu, murtoo hundi isaanii irratti walii galan gochuuf carraaquudhaan, hafuurri qulqulluun isaan gidduutti akka hojjetu heyyamu.—Hojii Ergamootaa 15:25.

Gargaartonni Qaama Olaanaa eenyu faʼi?

 Kiristiyaanota amanamoo koreewwan Qaama Olaanaa gargaaranidha. (1 Qorontos 4:2) Hojii koreen isaan jalatti ramadaman hojjeturratti dandeettii fi muuxannoo kan qaban yeroo taʼu, walgaʼii korichi torban torbaniin taasisurratti ni argamu. Murtoo gochuurratti kan hin hirmaanne taʼus, gorsaa fi odeeffannoo faayidaa guddaa qabu ni kennu, murtoo koree hojiirra ni oolchu, akkasumas buʼaa fi milkaaʼina murtoo kanaa ni gamaaggamu. Obboloota keenya iddoo garaagaraa jiran akka daawwatan ykn qophiiwwan akka walgaʼii waggaa fi eebba Mana Barumsaa Giiliyaadirratti haasaa akka dhiheessan Qaama Olaanaatiin ramadamuu ni dandaʼu.

GARGAARTOTA QAAMA OLAANAA

Koree

Maqaa

Qindeessitootaa

  • Joon Eekran

  • Pool Giliiz

  • Tirooyi Isnaayider

Parsoneelii

  • Daaniʼel Moolchan

  • Jeeraaldi Giriizil

  • Maarki Iskoot

  • Paatriik Laafraankaa

  • Raalfi Woolsi

Maxxansaa

  • Aleeksi Reeyinmuular

  • Deevid Siinkileer

  • Doonaaldi Goordan

  • Gaajas Gilookantiin

  • Haarooldi Koorkarni

  • Roobarti Batlar

  • Roobarti Luusiyoonii

Tajaajilaa

  • Antoonii Giriifiin

  • Baaltaasaar Peerlaa

  • Beetii Joorjis

  • Geerii Biroo

  • Jeekoob Raamfi

  • Joodii Jideel

  • Joonataan Ismiiz

  • Jooʼeel Deeliinjar

  • Kiristoofar Meevar

  • Liyoon Wiivar

  • Seet Haayaat

  • Wiiliyaam Tarnar

Barumsaa

  • Deevid Sheefar

  • Maarki Numeer

  • Maayikil Baankis

  • Keenez Filoodiin

  • Roonaaldi Karzaan

  • Wiiliyaam Maalenfaanti

Barreeffamaa

  • Hermaanas Vaan Selmi

  • Iisaak Maree

  • Jeemsi Maantiz

  • Jiin Ismaalii

  • Keenez Gaadbarni

  • Kilaayiv Maartiin

  • Liyoonaardi Meeyarsi

  • Niikolaas Alaaddis

  • Peer Kiristeensan

  • Roobarti Siraankoo