Dhimma ijoo ta'etti seeni

Dhugaa Baatonni Yihowaa Geggeessitoota Amantii Mindaan Isaaniif Kaffalamu Qabuu?

Dhugaa Baatonni Yihowaa Geggeessitoota Amantii Mindaan Isaaniif Kaffalamu Qabuu?

 Fakkeenya Kiristiyaanota jaarraa jalqabaa waan hordofnuuf, qeesota, lubootaa fi namoota kaan jechuudhaan adda hin qoqqoodnu. Dhugaa Baatonni cuuphaman hundi tajaajiltoota siʼa taʼan, hojii lallabaa fi barsiisuu irrattis ni hirmaatu. Dhugaa Baatonni gumiiwwan miseensota gara 100 taʼan qabuun kan gurmaaʼani dha. Dhiironni karaa hafuuraa gaʼumsa qabanii fi tokkoon tokkoon gumicha keessa jiran, “jaarsolii” taʼanii tajaajilu (Tiitoo 1:5). Tajaajila kana kan raawwatan mindaan utuu isaaniif hin kaffalaminidha.