Dhimma ijoo ta'etti seeni

Galmi Walgaʼii Hawaasa Naannoo Sanaa kan Fayyadu Akkamitti?

Galmi Walgaʼii Hawaasa Naannoo Sanaa kan Fayyadu Akkamitti?

Dhugaa Baatonni Yihowaa jaarraa tokkoo oliif galma walitti qabaman diizaayinii isaa baasaa fi ijaaraa turaniiru. Iddoowwan waaqeffannaa akkasii Galma Walgaʼii Dhugaa Baatota Yihowaa jedhamanii waamamu. Naannoo keetti galmi akkasii ijaarameeraa? Galmi Walgaʼii hawaasa naannoo keessanii fayyaduu kan dandaʼu akkamitti?

Filaawarii Biraanchi, Joorjiyaa, Yuunaayitid Isteetis

“Kennaa Gammachiisaa Hawaasichaaf Kenname”

Galmawwan walgaʼii yommuu ijaaraman kan nama hawwatan godhamanii ijaaramu. Joonsan inni Yuunaayitid Isteetisitti hojii ijaarsa Galma Walgaʼii qindeessuu irratti gargaaru akkana jechuudhaan dubbateera: “Kaayyoon keenya Galmi Walgaʼii ijaaramu hundi naannoo sanatti baayʼee kan nama hawwatuu fi ulfina qabeessa akka taʼu gochuu dha.” Arkiteektiin garee diizaayinii baasaanii wajjin hojjetu tokko immoo, “Galmi Walgaʼii keenya yeroo ijaaramee xumuramutti kennaa gammachiisaa hawaasichaaf kennamee fi naannoo sana kan miidhagsu akka taʼu gochuu barbaanna” jedheera.

Hojii ijaarsa Galma Walgaʼii irratti kan hirmaatan Dhugaa Baatota Yihowaa yeroo fi dandeettii isaanii fedhiidhaan kennuudhaan gamoo sadarkaa ol aanaa qabu ijaaruuf fedhii guddaa qabani dha. Yeroo baayʼee namoonni kaan dandeettii gaarii Dhugaa Baatonni hojii kana irratti hirmaatan qaban ifatti hubatu. Fakkeenyaaf, hojii ijaarsaa dhiheenya kana Riichimandi, Teeksaas, Yuunaayitid Isteetisitti ijaarame tokko ilaalchisee namni sadarkaa qulqullinaa gamoo toʼatu tokko baaxiin Galma Walgaʼii kanaa baaxiiwwan kanaan dura inni arge hunda irra iyyuu akka caalu dubbateera. Odoola Jaamaayikaa keessatti argamtu tokko keessatti namni sadarkaa qulqullinaa gamoo toʼatu tokko namoota sadarkaa qulqullinaa gamoo toʼatan haaraa hedduu ijaarsa Galma Walgaʼii daawwachiisee ture; achiis akkana isaaniin jedhe: “Waaʼee namoota kanaa matumaa yaaddaʼuu hin qabdan. Dhugaa Baatonni Yihowaa pilaanii baʼe akka gaaritti hordofanii ijaaru; sadarkaa qulqullinaa gamoowwanii naannoo sanaaf baʼe irra iyyuu caalchisanii ijaaru.” Filooriidaa, Yuunaayitid Isteetisitti namni sadarkaa qulqullinaa gamoo toʼatu tokko immoo akkana jedheera, “Hojii ijaarsaa hospitaalotaa fi gamoowwan mootummaa guguddaa taʼan toʼadheera; garuu kan akka kanaatti karaa gurmaaʼina qabuun hojjetame hin argine. Hojii baayʼee gaarii taʼe hojjechaa jirtu.”

Konseeshin, Zimbaabuwee

Namoota Naannoo Sanaa Irratti Dhiibbaa Gaarii Godha

Walgaʼiiwwan Galma Walgaʼii keessatti godhaman namoota achi irratti hirmaatan irratti dhiibbaa gaarii godhu. Namoonni achi irratti hirmaatan abbaa, haadhaa fi ijoollee gaarii taʼuu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe baratu. Rood inni Dhugaa Baatota garee diizaayinii baasanii wajjin hojjetu akkana jedheera: “Galmi Walgaʼii hundi wiirtuu barumsaa, sadarkaan naamusaa ol aanaa taʼe itti barsiifamu dha; kun immoo hawaasa hunda ni fayyada. Akkasumas qorumsa jireenya keenya keessatti nu mudatuuf bakka itti gargaarsa argannu dha. Namoonni jajjabinaa fi gargaarsa hafuuraa barbaadan hundi miira hoʼaadhaan simatamu; kunis baayʼee isaan fayyada.”

Namoonni Galma Walgaʼii keessatti walitti qabaman namoota naannoo isaaniitiif ni yaadu, akkasumas yeroo balaan uumamutti gargaarsa kennuuf qophaaʼoo dha. Fakkeenyaaf, bara 2016tti obomboleettiin Maatiwu jedhamu yeroo Baahaamaasiin rukutetti, Dhugaa Baatonni Yihowaa manneen 254 deebisanii suphaniiru. Maanguddoon waggaa 80 Vaayooleet jedhamanii fi manni isaanii lolaadhaan guutame takka gara Dhugaa Baatota hojii gargaarsaa hojjetanii deemanii turan. Wanta isaan isaaniif godhan hundaaf akka kaffalan isaanitti himan. Dhugaa Baatonni sun qarshii kan hin fudhanne taʼus, baaxii maanguddoo kanaa suphuudhaan baaxiin isaanii akka hin dhimmisne godhaniiru. Achii immoo koorniisii saalonii isaanii jijjiiraniif. Kanaan kan kaʼes maanguddoon Vaayooleet jedhaman kun irra deddeebiʼanii Dhugaa Baatota sana galateeffachaa isaan haammatu turan, akkasumas “Isin dhuguma saba Waaqayyoo ti” isaaniin jedhan.

Baat Ayiinhaawuzan, Noorzi Raayin Veestifaaliyaa, Jarman

‘Galmi Walgaʼii kun Naannoo Keenya Jiraachuu Isaatti Gammanneerra’

Galmawwan Walgaʼii haala gaarii irratti akka argaman gochuuf namoonni galma sanatti walitti qabaman galmichaaf kunuunsa akka godhan leenjiin isaaniif kennama. Kunis buʼaawwan gaggaarii argamsiiseera. Fakkeenyaaf, dubartiin hawaasa xiqqoo Ariizoonaa, Yuunaayitid Isteetisitti argamu keessa jiraattu takka walgaʼii, Galma Walgaʼiitti godhamu tokko irratti akka argamtu afeerraa ishiidhaaf dhihaate fudhattee turte. Dubartiin kun galmichi haala gaariidhaan qabamuun isaa fi utuma haala gaarii akkasii irra jiruu suphuu fi haaressuuf sagantaan baʼe akka jiru dhagaʼuun ishii baayʼee akka ishii dinqisiise dubbatteetti. Dubartiin kun barreessituu gaazexaa magaalaa sanaa kan turte yeroo taʼu, yeroo booda gaazexaan kun gabaasa Galmi Walgaʼii sun haala gaariidhaan qabamuu isaa ibsu qabatee baʼeera. Mata dureen waaʼee gabaasa kanaa ibsu yommuu xumuru, ‘Galmi Walgaʼii kun naannoo keenya jiraachuu isaatti gammanneerra’ jedheera.

Addunyaa maratti Galmawwan Walgaʼii keenya argachuu dandeessa. Dhuftee akka daawwattu kabajaan si afeerra. Miira hoʼaadhaan akka simatamtu mirkanaaʼaa taʼuu dandeessa.