Dhimma ijoo ta'etti seeni

Namni Tokko Amantii Dhugaa Baatota Yihowaa Keessaa Baʼuu ni Dandaʼaa?

Namni Tokko Amantii Dhugaa Baatota Yihowaa Keessaa Baʼuu ni Dandaʼaa?

 Eeyyee. Namni tokko karaawwan lamaan jaarmiyaa keenya keessaa baʼuu ni dandaʼa:

  •   Kallattiidhaan gaafachuudhaan. Kana booda Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼuu akka hin barbaanne murteessuu isaa afaaniin ykn barreeffamaan ibsuu ni dandaʼa.

  •   Gochaan. Namni tokko gocha waldaa obbolummaa addunyaa maraa keenya keessaa isa baasisu raawwachuu ni dandaʼa. (1 Pheexiros 5:9) Fakkeenyaaf, amantii kan biraa keessa seenee achi keessa turuu akka barbaadu beeksisa taʼa.—1 Yohaannis 2:19.

Namni tokko lallabuu ykn walgaʼiiwwan keessan irratti argamuu yoo dhaabe hoo? Namni sun amantii keessan akka dhiisetti ilaaltuu?

 Lakki, akkasitti hin ilaallu. Amantii keenya dhiisanii baʼuun ykn nu irraa adda baʼuun karaa amantii dadhabuu wajjin tokko miti. Yeroo baayʼee, namoonni yeroo muraasaaf kan laafan ykn waaqeffannaa isaanii kan dhaaban amantii isaanii waan dhiisaniif utuu hin taʼin abdii waan kutataniifi. Namoota akkasii irraa fagaachuu mannaa, jajjabinaa fi deggersa isaaniif kennuuf yaalla. (1 Tasalonqee 5:14; Yihudaa 22) Namni sun gargaarsa kan barbaadu yoo taʼe, jaarsoliin gumii dursa fudhatanii deggersa hafuuraa isaaf kennu.—Galaatiyaa 6:1; 1 Pheexiros 5:1-3.

 Haa taʼu malee, jaarsoliin namni tokko Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼee akka itti fufu dirqisiisuuf ykn dhiibbaa irratti gochuuf mirga hin qaban. Namni kam iyyuu amantii ilaalchisee filannoo mataa isaa gochuu qaba. (Iyaasuu 24:15) Namoonni Waaqayyoon waaqeffachuu kan qaban garaa isaaniitii barbaadanii taʼuu akka qabu amanna.—Faarfannaa 110:3; Maatewos 22:37.