Dhimma ijoo ta'etti seeni

Nama Duraan Miseensa Amantii Keessanii Turerraa Ni Fagaattuu?

Nama Duraan Miseensa Amantii Keessanii Turerraa Ni Fagaattuu?

 Namoota Dhugaa Baatota Yihowaa taʼanii erga cuuphamanii booda, warra kaaniif lallabuus taʼe walgaʼii keenya irratti argamuu dhiisan irraa hin fagaannu. Kanaa mannaa, isaan argannee karaa hafuuraa deebiʼanii akka jabaatan gargaaruu barbaanna.

 Nama cubbuu cimaa raawwate illee gumii keenyaa kan baasnu battalumaan miti. Haa taʼu malee, Dhugaa Baatuun cuuphame tokko seerawwan amalaa Kitaaba Qulqulluu erga cabsee booda illee qalbii hin geddaratu taanaan isa irraa fagaanna ykn gumii keenya keessaa isa baasna. Kitaabni Qulqulluun, “Nama hamaa gidduu keessanii baasaa” jechuudhaan qajeelfama ifa taʼe kenna.—1 Qorontos 5:13.

 Namni gumii keenyaa baafame tokko haati manaa isaa fi ijoolleen isaa amma iyyuu Dhugaa Baatota Yihowaa yoo taʼan hoo? Walitti dhufeenyi amantiirratti qaban kan jijjiiramu taʼus, firummaan dhiigaa isaan qaban itti fufa. Walitti dhufeenyi gaaʼela keessatti isaan qabanii fi jaalalli maatii isaanii gidduu jiru kan itti fufu dha.

 Namoonni gumii keenyaa baafaman walgaʼiiwwan keenya irratti argamuu ni dandaʼu. Yoo barbaadan immoo, jaarsolii gumii irraa gorsa Kitaaba Qulqulluu argachuus ni dandaʼu. Gorsi kan isaaniif kennamu, deebiʼanii Dhugaa Baatota Yihowaa akka taʼan gargaaruufi dha. Namoonni gumiidhaa baafamanii fi amala isaanii isa sirrii hin taane dhiisanii fi garaa qulqulluudhaan kakaʼanii ulaagaalee Kitaaba Qulqulluutiin jiraachuu akka barbaadan argisiisan, deebiʼanii Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼuu ni dandaʼu.