Dhimma ijoo ta'etti seeni

Maariyaam Magdalaan Eenyu?

Maariyaam Magdalaan Eenyu?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

 Maariyaam Magdalaan duuka buutuu Yesuus Kiristoos amanamtuu turte. Maqaan ishii magaalaa Magdalaa (tarii Magadaan) ishii Galaana Galiilaa biratti argamtu irraa kan fudhatame taʼuu hin oolu. Maariyaam tarii yeroo taʼe tokkotti achi jiraattee taʼuu dandaʼa.

 Maariyaam Magdalaan dubartoota hedduu Yesuusii fi barattoota isaa wajjin imalaa fi karaa foonii gargaarsa isaaniif gochaa turan keessaa tokko turte. (Luqaas 8:1-3) Maariyaam yommuu Yesuus ajjeefamu argiteetti, akkasumas namoota erga inni duʼaa kaʼee booda jalqaba isa argan keessaa tokko turte.—Maarqos 15:40; Yohaannis 20:11-18.

 Maariyaam Magdalaan sagaagaltuu turtee?

 Kitaabni Qulqulluun Maariyaam Magdalaan sagaagaltuu akka turte hin dubbatu. Wanti Kitaabni Qulqulluun waaʼee ishii dubbatu, Yesuus jinniiwwan torba ishii keessaa baasuu isaa qofa dha.—Luqaas 8:2.

 Yaanni ishiin sagaagaltuu akka turte ibsu eessaa dhufe? Erga ishiin duutee jaarraawwan hedduu booda namoonni tokko tokko ishiin dubartii maqaadhaan hin caqasamnee (sagaagaltuu takka taʼuu hin ooltu) fi miila Yesuus imimmaan ishiitiin dhiqxee rifeensa ishiitiin haxoofte sana akka taate dubbachuu jalqaban. (Luqaas 7:36-38) Haa taʼu malee, akkana jedhanii amanuuf ragaan Kitaaba Qulqulluu hin jiru.

 Maariyaam Magdalaan ergamtuu ergamootaa turtee?

 Hin turre. Waldaan Kaatolikii ishiin yeroo jalqabaatiif oduu Yesuus duʼaa kaʼuu isaa ibsu namoota ergamootatti himan keessaa tokko waan turteef, “Qulqullittii Maariyaam Magdalaa,” akkasumas “ergamtuu ergamootaa” jettee ishii waamti. (Yohaannis 20:18) Taʼus, kun ergamtuu ishii hin taasisu. Kitaaba Qulqulluu keessattis ishiin bakka kamitti iyyuu maqaa kanaan hin waamamne.—Luqaas 6:12-16.

 Kitaabni Qulqulluun barreeffamee kan xumurame Dh.K.B. gara dhuma jaarraa jalqabaatti ture. Haa taʼu malee, namoonni waldaa kana keessatti aangoo guddaa qaban Maariyaam Magdalaadhaaf iddoo guddaa kana kan kennan jaarraa jaʼaffaa booda ture. Barreeffamoonni kutaa Kitaaba Qulqulluu hin taanee fi jaarraa lammaffaa fi jaarraa sadaffaa keessa barreeffaman keessatti ergamoonni Yesuus tokko tokko Maariyaam Magdalaatti akka hinaafan ibsu. Seenaawwan uumaman kun deggersa Kitaaba Qulqulluu hin qaban.

 Maariyaam Magdalaan haadha manaa Yesuus Kiristoos turtee?

 Hin turre. Siruma iyyuu Kitaabni Qulqulluun Yesuus akka hin fuune ifatti dubbata. a