Dhimma ijoo ta'etti seeni

Kitaabni Qulqulluun Waaʼee Of Miidhagsuu fi Faaya Naqachuu Maal Jedha?

Kitaabni Qulqulluun Waaʼee Of Miidhagsuu fi Faaya Naqachuu Maal Jedha?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

 Kitaabni Qulqulluun dhimma kana balʼinaan ibsuu baatus, of miidhagsuu, faaya naqachuus taʼe wantoota kana fakkaatan hin balaaleffatu. Taʼus, Kitaabni Qulqulluun miidhagina qaamaa irratti xiyyeeffachuu mannaa, ‘miidhagina hin mancaane, tasgabbii fi hafuura garraamummaa qabu’ akka qabaannu jajjabeessa.—1 Pheexiros 3:3, 4.

Miidhaginni qaamaa hin balaaleffamne

  •   Dubartoonni amanamoon Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsaman of miidhagsaniiru. Ribqaan ishiin Yisihaaq ilma Abrahaamitti heerumte amartii warqee funyaanii, bitawoo warqee fi faayaawwan miʼaa taʼan kan biroo abbiyyuu ishii isa gara fuulduraa irraa akka kennaatti fudhatteetti. (Uumama 24:22, 30, 53) Asteeris, gaʼee guddaa mootuu Mootummaa Faares taʼuudhaan qabduuf of qopheessuuf “dibata miidhagummaa isheetiif barbaachisu” fudhatteetti. (Asteer 2:7, 9, 12) Wantoonni miidhagina ishiitiif barbaachisan kun “dibatawwan” ykn “wantoota miidhaginaaf oolan adda addaa” akka dabalatan beekamaa dha.—Niiwu Intarnaashinaal Varshin; Iisii tuu Riid Varshin.

  •   Fakkeenyonni Kitaaba Qulqulluu faaya wanta baʼeessa wajjin wal bira qabanii ibsu. Fakkeenyaaf, namni gorsa gaarii kennu tokko ‘nama isa dhagaʼuuf akka amartii gurraa warqee irraa hojjetamuu’ akka taʼe ibsameera. (Fakkeenya 25:12) Haaluma wal fakkaatuun, Waaqayyo kunuunsa saba Israaʼeliif godhu, abbaa manaa harka misirroo isaatti bitawoo, morma ishiitti dirata, gurra ishiittis amartii kaaʼuu wajjin wal fakkeesseera. Faayaan kun sabni Israaʼel “baayʼee miidhagduu” akka taatu godheera.—Hisqiʼel 16:11-13.

Ilaalcha dogoggoraa waaʼee of miidhagsuu fi faayaa naqachuu

 Ilaalcha dogoggoraa: 1 Pheexiros 3:3 irratti Kitaabni Qulqulluun “shurrubbaa dhaʼachuu fi faaya warqii naqachuu” ni balaaleffata.

 Dhugaan isaa: Yaanni naannoo caqasa kanaa jiru Kitaabni Qulqulluun miidhagina qaamaa caalaa miidhaginni keessaa gatii guddaa kan qabu taʼuu isaa akka ibsu argisiisa. (1 Pheexiros 3:3-6) Wanti wal bira qabamee ibsame kun Kitaaba Qulqulluu keessatti bakka kan biraattis caqasameera.—1 Saamuʼel 16:7; Fakkeenya 11:22; 31:30; 1 Ximotewos 2:9, 10.

 Ilaalcha dogoggoraa: Iizaabel mootittiin ‘xiyyoo ija ishii kuullachuun’ ykn kuulii kuullachuun ishii, of miidhagsuun dogoggora taʼuu isaa argisiisa.—2 Mootota 9:30, miiljalee.

 Dhugaan isaa: Iizaabel ishiin qoricha namatti gochaa fi nama ajjeesaa turtetti kan murteeffame gochawwan ishii warra hamoo taʼaniin kan kaʼe malee, miidhagina qaama ishiitiin kan kaʼe hin turre.—2 Mootota 9:7, 22, 36, 37.