Dhimma ijoo ta'etti seeni

Maallaqni Hundee Wantoota Miidhaa Geessisan Hundumaa Tii?

Maallaqni Hundee Wantoota Miidhaa Geessisan Hundumaa Tii?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

 Lakki. Kitaabni Qulqulluun maallaqni miidhaa akka geessisu hin ibsu; akkasumas maallaqni hundee wantoota hamoo taʼanii akka taʼes hin ibsu. Yaanni Kitaaba Qulqulluu irraa akka fudhatame dubbatamuu fi ‘maallaqni hundee wantoota miidhaa geessisan hundumaa ti’ jedhu, yaada guutuu kan hin qabannee fi ergaa dogoggoraa kan dabarsu dha. Kitaabni Qulqulluun, “Horii jaallachuun hundee wanti hamaan hundinuu irraa latuu dha” jedha. a1 Ximotewos 6:10.

 Kitaabni Qulqulluun waaʼee maallaqaa maal jedha?

 Kitaabni Qulqulluun maallaqni ogummaadhaan yommuu itti gargaaramnu nu fayyaduu akka dandaʼuu fi “eegumsa” nuuf argamsiisuu illee akka dandaʼu ibsa. (Lallaba 7:12) Kana malees, Kitaabni Qulqulluun maallaqa dabalatee namoota wantoota qaban warra kaaniif arjummaadhaan kennan ni galateeffata.—Fakkeenya 11:25.

 Haa taʼu malee, Kitaabni Qulqulluun jireenya keenya keessatti maallaqaaf bakka guddaa akka hin kennine nu akeekkachiisa. Akkana jedha: “Akkaataan jireenyaa keessan jaalala maallaqaa irraa walaba haa taʼu, wantoota amma qabdanitti gammadaa jiraadhaa.” (Ibroota 13:5) Barumsi caqasa kana irraa argannu, maallaqa karaa sirrii taʼeen akka itti fayyadamnuu fi qabeenya akka hin hordofne nu akeekkachiisa. Kanaa mannaa, wantoota buʼuuraa nu barbaachisan kan akka nyaata, uffataa fi bakka jireenya argannetti gammannee jiraachuu qabna.—1 Ximotewos 6:8.

 Kitaabni Qulqulluun waaʼee maallaqa jaalachuu kan nu akeekkachiisu maaliifi?

 Namoonni sassatoon jireenya bara baraa hin argatan. (Efesoon 5:5) Wanti kanaaf sababii taʼu tokko, sassatuun waaqa tolfamaa waaqeffachuu taʼuu isaa ti. (Qolosaayis 3:5) Lammaffaan immo, namoonni sassatoon wanta barbaadan argachuuf yommuu carraaqanitti yeroo baayʼee qajeelfama naamusaa faana haala wal simuun hin jiraatan. Fakkeenyi 28:20, “Namni sooressa taʼuuf jarjaru . . . qulqulluu taʼee hin jiraatu” jedha. Namni akkasii yakkawwan kan akka sossodaachisanii qarshii fudhachuu, saamuu, gowwoomsuu, ukkaamsanii fudhachuu fi nama ajjeesuu raawwachuuf qoramuu dandaʼa.

 Namni tokko jaalala maallaqaatiin kakaʼee wanta hamaa raawwachuu baatus miidhaawwan kan biroon isa irra gaʼuu dandaʼu. Kitaabni Qulqulluun, “Warri sooressa taʼuuf kutatanii kaʼan garuu qorumsaa fi kiyyoo keessatti kufu; kana malees hawwii hedduu faayidaa hin qabnee fi miidhaa geessisu . . . keessatti kufu” jedha.—1 Ximotewos 6:9.

 Gorsa Kitaabni Qulqulluun waaʼee maallaqaa kennu faayidaa akkamii nuuf argamsiisa?

 Qarshiidhaaf jennee wanta sirrii akka taʼe beeknuu fi Waaqayyoon gammachiisu raawwachuu yoo dhiisuu baanne, ofiif kabaja qabaanna; Waaqayyo durattis fudhatama qabaanna, akkasumas deggersa isaa arganna. Namoota garaa qajeelaa qabaniif isa gammachiisuuf carraaqaniif, Waaqayyo waadaa “Ani matumaa si hin dhiisu, matumaas si hin gatu” jedhu isaaniif galeera. (Ibroota 13:5, 6) Akkasumas, “Namni amanamaan eebba hedduu argata” jechuudhaan isaaniif mirkaneesseera.—Fakkeenya 28:20.

a Caqasni kun, “ jaalalli maallaqaa hundee wantoota miidhaa geessisan hundumaa ti” jedhamees hiikamuu dandaʼa.