Dhimma ijoo ta'etti seeni

Kitaabni Qulqulluun Waaʼee Dhagna Tumachuu Maal Jedha?

Kitaabni Qulqulluun Waaʼee Dhagna Tumachuu Maal Jedha?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

 Kitaabni Qulqulluun waaʼee dhagna tumachuu al tokko qofa, jechuunis Lewwoota 19:28 irratti, “Barreessaadhaafis milikkita tokko illee of irratti hin godhatinaa! [“Qaama keessan hin tumatinaa,” NW]” jedha. Waaqayyo ajaja kana saba Israaʼeliif kan kenne, saboota naannoo isaanii gogaa qaama isaanii irratti maqaa ykn mallattoo waaqayyolii isaanii tumatan irraa adda isaan baasuuf jedhee ti. (Keessa Deebii 14:2) Kiristiyaanonni Seera Israaʼelootaaf kenname kana jala jiraachuu baatanis, qajeelfama seerichi qabate irratti xiyyeeffannaadhaan yaaduun isaanii barbaachisaa dha.

Kiristiyaanni tokko dhagna tumachuu qabaa?

 Caqasawwan Kitaaba Qulqulluu armaan gadii dhimma kana irratti yaaduuf si gargaaru:

  •   ‘Dubartoonni maal naan jedhuudhaan of haa miidhagsan.’ (1 Ximotewos 2:9) Qajeelfamni kun dubartootaafis taʼe dhiirotaaf ni hojjeta. Miira namoota kaaniitiif yaaduu kan qabnu taʼuu isaa irra iyyuu, xiyyeeffannaa barbaachisaa hin taane ofitti harkisuu hin qabnu.

  •   Namoonni tokko tokko dhagna isaanii kan tumatan, eenyummaa isaanii ykn kan ofiin of bulchan taʼuu isaanii argisiisuufi; kaan immoo qaama isaanii irratti wanta barbaadan raawwachuuf mirga akka qaban argisiisuufi dha. Haa taʼu malee, Kitaabni Qulqulluun akkana jedhee Kiristiyaanota jajjabeessa: ‘Qaama keessan aarsaa jiraataa, qulqulluu fi Waaqayyo biratti fudhatama qabu godhaa dhiheessaa; kunis tajaajila qulqulluu dandeettii yaaduu keessanitti fayyadamtanii dhiheessitani dha.’ (Roomaa 12:1) Sababii dhagna keessan tumachuu itti barbaaddan hubachuuf, “dandeettii yaaduu keessanitti” fayyadama. Dhagna kan tumattan faashinii hordofuuf ykn miseensa garee tokkoo taʼuu keessan argisiisuuf yoo taʼe, tarii yeroo booda yaada keessan jijjiiruu akka dandeessan, dhagna tumaa sana garuu balleessuu akka hin dandeenye hin dagatinaa. Kanaaf sababii dhagna tumachuu itti barbaaddan qoruun keessan, murtoo ogummaa irratti hundaaʼe gochuuf isin gargaaruu dandaʼa.—Fakkeenya 4:7.

  •   “Yaadni warra dhimmee hojjetuu buʼaa qaba, wanti ariitiidhaan hojjetamu hundinuu hiyyeessa nama godha.” (Fakkeenya 21:5) Yeroo baayʼee namoonni dhagna kan tumattan utuu itti hin yaadini dha; haa taʼu malee, akkas gochuun isaanii walitti dhufeenya namoota wajjin qabani irrattii fi yeroo hojii qacaramanitti dhiibbaa yeroo dheeraadhaaf turu geessisuu dandaʼa. Kana malees, dhagna tumaa of irraa balleessuun qarshii baayʼee kan baasisuu fi baayʼee kan nama dhukkubsu taʼuu dandaʼa. Qorannaan akka argisiisuuttii fi namoonni hojii dhagna tumaa balleessuu irratti bobbaʼan akka dubbatanitti, namoota dhagna isaanii tumatan keessaa harki caalaan isaanii, yeroo booda gocha isaanii kanatti akka gaabban ibsu.