Dhimma ijoo ta'etti seeni

Akka Nama Samaariyaa Sanaa Gaarii Taʼuu Jechuun Maal Jechuu Dha?

Akka Nama Samaariyaa Sanaa Gaarii Taʼuu Jechuun Maal Jechuu Dha?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

Fakkeenyi kun yeroo baayʼee nama namoota rakkatan gargaaruuf tarkaanfii fudhatu argisiisuuf itti hojjetama. Jechi isaa seenaa Yesuus ollaan gaariin tokko lammii ykn akkaataan guddinaa namootaa maal iyyuu yoo taʼe gara laafinaan gargaaru ibsuuf dubbate irraa kan fudhatame dha.

Mata duree kana keessatti

 Fakkeenyi waaʼee nama Samaariyaa dubbatu maali dha?

Seenaan Yesuus dubbate gabaabaadhumatti kana fakkaata: Namni Yihudii tokko Yerusaalemii gara Yerikootti imalaa ture. Karaa irratti saamtonni isa saaman, isa reeban, akkasumas duʼaaf jireenya gidduutti isa dhiisanii deeman.

Lubni Yihudii tokko, yeroo booda immoo geggeessaan amantii Yihudii tokko namicha madaaʼe kana bira darbaniiru. Namichi sun lammii isaanii taʼu iyyuu, lamaan isaanii iyyuu isa gargaaruuf itti hin gorre.

Dhuma irratti, namni lammii kan biraa taʼe tokko ni dhufe. Innis nama Samaariyaa ture. (Luqaas 10:33; 17:16-18) Namichi Samaariyaa sun isaaf gadduudhaan madaa namichaatti qoricha itti isaaf dibe. Achiis nama miidhaan irra gaʼe sana fuudhee mana keessummoonni keessa buufatanitti geesse. Achittis halkan tokkoof kunuunsa isaaf godhe. Guyyaa itti aanu, namicha sana akka walʼaanuuf abbaa mana keessummaa sanaatiif maallaqa kenne, kana caalaa wanta baasuu hundas yommuu deebiʼu akka kaffalu itti hime.—Luqaas 10:30-35.

 Yesuus fakkeenya kana kan dubbate maaliifi?

Yesuus seenaa kana kan dubbate, nama ollaan isaa nama sanyii isaa taʼee fi amantii isaa hordofu qofa akka taʼe yaadutti dha. Yesuus barumsa guddaa tokko isa barsiisuu barbaadee ture, jechuunis ollaa jechuun namoota akkuma isaa Yihudoota taʼan qofa akka hin taane isa barsiiseera. (Luqaas 10:36, 37) Seenaan kun Kitaaba Qulqulluu keessatti kan barreeffame namoota Waaqayyoon gammachiisuu barbaadan hunda akka fayyaduufi dha.—2 Ximotewos 3:16, 17.

 Fakkeenyi kun barumsa akkamii dabarsa?

Seenaan kun namni ollaa gaarii taʼe gocha isaatiin gara laafina akka argisiisu barsiisa. namni rakkina keessa jiru tokko akkaataan guddina, sanyiin isaa ykn lammiin isaa maal iyyuu yoo taʼe nama gargaarsi isa barbaachisu sanaaf deggersa ni godha. Namni dhugumaan ollaa taʼe wanta namoonni kaan akka isaaf godhan barbaadu isaaniif godha.—Maatewos 7:12.

 Namoonni Samaariyaa eenyu faʼi?

Namoonni Samaariyaa saba kallattii kaaba Yihudaa jiraatani dha. Namoota Yihudootaa fi Yihudoota hin taane gidduutti dhalatan kan dabalatu dha.

Dhaloota Kiristoos booda, warri Samaariyaa amantii mataa isaanii hundeessanii turan. Kitaabota Afaan Ibrootaa shanan jalqabaa kan fudhatan taʼus walumaa galatti kitaabota hafan kaan hin fudhatan.

Yihudoonni bara Yesuusitti turan hedduun namoota Samaariyaa ni tuffatu, akkasumas isaanii wajjin hariiroo qabaachuu hin barbaadan turan. (Yohaannis 4:9) Yihudoonni tokko tokko jecha nama Samaariyaa jedhu arrabsoof itti fayyadamu turan.—Yohaannis 8:48.

 Seenaan waaʼee nama Samaariyaa dubbatu kun dhugumaan kan raawwatame dhaa?

Kitaabni Qulqulluun fakkeenyi kun seenaa dhugaa irratti kan hundaaʼe taʼuu isaa hin ibsu. Haa taʼu malee, Yesuus yeroo baayʼee namoonni wanta inni dubbatu dhaggeeffatan salphaatti hubachuu akka dandaʼan gochuuf barsiifataa fi bakkawwan baayʼee beekamoo taʼan fayyadama ture.

Yoomessi seenaa kanaa hedduun sirrii dha. Fakkeenyaaf:

  • Karaan Yerusaalemii gara Yerikootti geessu kiilomeetira 20 ol dheerata ture, irraan gadeen isaa immoo gara kiilomeetira 1 taʼa ture. Seenaa isaa irratti “Yerusaalemii gara Yerikootti utuu gad buʼaa jiruu” jedhamuun isaa sirrii dha.—Luqaas 10:30.

  • Luboonnii fi Lewwoonni Yerikoo jiraatan yeroo hunda karaa kana irra gara Yerusaalem deemu turan.

  • Saamtonni yeroo baayʼee karaa namni baayʼeen irra hin deemne irra dhokatanii namoota akka isaan jiran hin shakkine, keessumaa immoo namoota kophaa isaanii deeman eeggatu turan.