Dhimma ijoo ta'etti seeni

“Furtuuwwan Mootummaa” kan Jedhaman Maali Dha?

“Furtuuwwan Mootummaa” kan Jedhaman Maali Dha?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

 “Furtuuwwan Mootummaa,” namoonni “Mootummaa Waaqayyootti galuu” akka dandaʼan karaa isaaniif banuuf aangoo kenname argisiisu. (Maatewos 16:19; Hojii Ergamootaa 14:22) a Yesuus, Pheexirosiif “furtuuwwan Mootummaa samii” kennee ture. Kana jechuun, Pheexiros namoonni amanamoon hafuura Waaqayyoo argachuudhaan Mootummaa samiitti akka galan himuuf aangoon kennameeraaf jechuu dha.

Furtuun jedhame eenyuuf hojii irra oole?

 Pheexiros aangoo Waaqayyo isaaf kennetti fayyadamee, gareewwan sadiif Mootummichatti akka galan karaa baneera:

  1.   Yihudootaa fi warra amantii Yihudii fudhatan. Yesuus duʼee odoo baayʼee hin turin, Pheexiros, Mootummicha irratti bulchuuf Waaqayyo kan filate Yesuusiin taʼuu isaa akka amanan namoota amantii Yihudii hordofanii fi walitti qabamanii jiran jajjabeesse. Pheexiros, fayyuuf maal gochuu akka qaban isaanitti himeera. Kana gochuudhaan karaa gara Mootummichaatti ittiin galan isaaniif baneera; namoonni kumaan lakkaaʼamanis “dubbii isaa kana fudhatan.”—Hojii Ergamootaa 2:38-41.

  2.   Warra Samaariyaa. Yeroo booda immoo Pheexiros gara warra Samaariyaatti ergame. b Innii fi Yohaannis ergamaan “hafuura qulqulluu akka argatan isaaniif kadhatan”; yeroo kanattis Pheexiros furtuu Mootummichaa tokkotti fayyadameera. (Hojii Ergamootaa 8:14-17) Kun taʼuun isaa, warri Samaariyaa gara Mootummichaatti akka galan karaa baneefira.

  3.   Saboota kaan. Yesuus erga duʼee waggaa sadii fi walakkaa booda, saboonni kaanis (Yihudoota kan hin taane) gara Mootummichaatti galuuf carraa akka qaban Waaqayyo Pheexirositti mulʼise. Pheexirosis saboota kaaniif lallabuudhaan, furtuuwwan sana keessaa tokkotti fayyadameera. Kana gochuudhaan, hafuura qulqulluu akka fudhatan, Kiristiyaanota akka taʼanii fi gara fuulduraatti miseensa Mootummichaa akka taʼan balbalicha isaaniif bane.—Hojii Ergamootaa 10:30-35, 44, 45.

“Mootummaa Waaqayyootti galuu” jechuun maal jechuu dha?

 Namoonni dhugumaan ‘Mootummaa Waaqayyootti galan,’ Yesuus wajjin samii irratti bulchitoota taʼu. Kitaabni Qulqulluun, namoonni kun ‘teessoowwan irra taaʼanii’ ‘mootota taʼanii lafa irratti akka bulchan’ dursee dubbateera.—Luqaas 22:29, 30; Mulʼata 5:9, 10.

Furtuuwwan Mootummichaa ilaalchisee yaada dogoggoraa jiru

 Yaada dogoggoraa: Gara samii kan dhaqu eenyu akka taʼe kan murteessu Pheexirosi.

 Dhugaa jiru: Kitaabni Qulqulluun, kan “warra jiranii fi warra duʼan irratti murteessuuf jedhu” Pheexiros odoo hin taʼin Kiristoos Yesuus akka taʼe dubbata. (2 Ximotewos 4:1, 8; Yohaannis 5:22) Yesuus “warra jiranii fi warra duʼanitti akka murteessuuf, Waaqayyo kan isa muude” taʼuu isaa Pheexiros iyyuu dubbateera.—Hojii Ergamootaa 10:34, 42.

 Yaada dogoggoraa: Pheexiros furtuuwwan Mootummichaatti yoom akka fayyadamu murteessu malee eenyu iyyuu gara samii hin dhaqu.

 Dhugaa jiru: Yesuus waaʼee furtuuwwan Mootummichaa yeroo dubbatu Pheexirosiin akkana jedhee ture: “Waanumti ati lafa irratti hiite, waaqa irratti hidhamaa in taʼa; waanumti ati lafa irratti hiikte immoo waaqa irrattis hiikamaa in taʼa.” (Maatewos 16:19, Hiika Bara 1997) Namoonni tokko tokko yaadni kun samii ilaalchisee murtoon kennamu harka Pheexiros jala akka jiru kan dubbatu isaanitti fakkaata taʼa. Haa taʼu malee, jechoonni Afaan Giriikii jalqabaa akka argisiisanitti, Pheexiros murtoo kan kennu, erga samii irratti murtoon kennamee booda malee dursee hin turre.

 Kitaabni Qulqulluun iddoo biraa irratti, Pheexiros yeroo furtuuwwan Mootummichaatti fayyadamutti yaada samii irraa dhufuun geggeeffamaa akka ture ibsa. Fakkeenyaaf, furtuu isa sadaffaa yeroo fayyadamutti qajeelfama Waaqayyo isaaf kenne fudhateera.—Hojii Ergamootaa 10:19, 20.

a Kitaaba Qulqulluu keessatti jechi “furtuu” jedhu, yeroo tokko tokko aangoo ykn itti gaafatamummaa argisiisuuf itti hojjetameera.—Isaayaas 22:20-22; Mulʼata 3:7, 8.

b Amantiin warra Samaariyaa amantii Yihudii irraa adda taʼus, barumsawwanii fi aadaawwan tokko tokko Seera Musee irraa fudhatan.