Dhimma ijoo ta'etti seeni

Lubbuun Maali Dha?

Lubbuun Maali Dha?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

 Kitaaba Qulqulluu keessatti jechi “lubbuu” jedhamee hiikame Afaan Ibrootaatiin jecha nafash jedhuu fi Afaan Giriikiitiin immoo pisihii jedhu dha. Jechi kun Afaan Ibrootaatiin hiikni isaa kallattiidhaan “uumama hafuura baafatu” jechuu yeroo taʼu, Afaan Giriikiitiin immoo “uumama jiraataa” a jechuu dha. Kanaafuu jechi lubbuu jedhu wanta qaama namaa keessa jirtuu fi yeroo namni tokko duʼu jiraachuu ishii itti fuftu utuu hin taʼin, guutummaa uumama sanaa argisiisa. Kitaabni Qulqulluun lubbuun namaa guutummaa nama sanaa taʼuu isaa akkamitti akka ibsu ilaali:

Addaam “lubbuu taʼe” malee, lubbuun isaaf hin kennamne

  •   Kitaabni Qulqulluun Yihowaan Addaam, nama jalqabaa yeroo uumetti, “jireenyi kan keessa jiru lubbuu taʼe” jedha. (Uumama 2:7, hiika bara 1899) Addaam lubbuu ykn qaama jiraataa taʼe malee lubbuun isaaf hin kennamne.

  •   Kitaabni Qulqulluun lubbuun hojjechuu, nyaata dharraʼuu, nyaachuu, seeraaf ajajamuu fi qaama duʼe tokko tuquu akka dandaʼu dubbata. (Lewwoota 5:2; 7:20; 23:30; Keessa Deebii 12:20; Roomaa 13:1) Wantoonni kun immoo wanta namni tokko raawwachuu dandaʼu dha.

Lubbuun hin duutuu?

 Lakki, lubbuun ni duuti. Caqasoonni Kitaaba Qulqulluu hedduun lubbuun duʼuu akka dandeessu ibsu.

 Kanatti aansee fakkeenyonni tokko tokko kennamaniiru:

  •   “Lubbuun cubbuu hojjetu in duʼa.”—Hisqiʼel 18:4, 20, Hiika bara 1889.

  •   “Yommuu Hoolichi chaappaa isa shanaffaa banu, lubbuu namoota sababii dubbii Waaqayyoo fi sababii dhugaa baʼuu isaaniitiif gorraʼaman iddoo aarsaa jalatti nan arge.”—Mulʼata 6:9.

  •   Namni tokko erga duʼee booda, caqasoota Kitaaba Qulqulluu tokko tokko irratti kallattiidhaan, “lubbuu duʼe” jedhameera. (Lewwoota 21:11, NW, miiljalee; Lakkoobsa 6:6, NW, miiljalee) Caqasoota kana irratti hiikkawwan Kitaaba Qulqulluu hedduun “qaama duʼe” ykn “nama duʼe” kan jedhan taʼus, Afaan Ibrootaa inni durii jecha nafash ykn “lubbuu” jedhutti fayyadama.

“Lubbuun” “jireenya” argisiisuu dandaʼa

 Kitaabni Qulqulluun jecha “lubbuu” jedhu “jireenya” argisiisuufis itti fayyadama. Fakkeenyaaf, Iyoob 33:22 irratti jecha Afaan Ibrootaa “lubbuu” (nafash) jedhu “jireenya” argisiisuuf itti fayyadameera. Haaluma kana fakkaatuun, Kitaabni Qulqulluun lubbuun ykn jireenyi nama tokkoo balaadhaaf saaxilamuu ykn baduu akka dandaʼu argisiisa.—Baʼuu 4:19; Abboota Firdii 9:17; Filiphisiyus 2:30.

 Akkaataan jechi “lubbuu” jedhu itti hojjetame, caqasoota lubbuun akka keessaa ‘baate’ ibsan hubachuuf nu gargaara. (Uumama 35:18) Dubbiin dachaa kun jireenyi namichaa akka xumurame argisiisa. Hiikkawwan tokko tokko yaada Uumama 35:18 irra jiru kana “hafuura ishii isa dhumaa yommuu baafattu” jedhanii hiikaniiru.—Good News Translation; New Jerusalem Bible.

Barumsi lubbuun hin duutu jedhu eessaa dhufe?

 Amantiiwwan Kiristiyaanaa lubbuun akka hin duune amanan barumsa kana kan argatan Kitaaba Qulqulluu irraa utuu hin taʼin, falaastota Giriikii durii irraa ti. Kitaabni Encyclopædia Britannica jedhamu akkana jedha: “Yaadni Kitaaba Qulqulluu waaʼee lubbuu dubbatu, hafuura baafachuu wajjin kan wal qabate yommuu taʼu, lubbuu hin mulʼannee fi qaama mulʼatu gidduu garaa garummaan akka jiru hin ibsu. Yaadni foonii fi lubbuun garaa gara akka taʼe ibsu Giriik durii irraa kan madde dha.”

 Waaqayyo barumsa isaa falaasama namootaa kan akka lubbuun hin duutu jedhuu wajjin walitti makuu hin heyyamu. Faallaa kanaatiin Kitaabni Qulqulluun akeekkachiisa akkana jedhu kenna: “Namni kam iyyuu . . . akka aadaa namootaatti, . . . falaasamaa fi gowwoomsaa homaa of keessaa hin qabneen boojiʼee akka isin hin fudhanne of eeggadhaa.”—Qolosaayis 2:8.

a Kitaaba The New Brown, Driver, and Briggs Hebrew and English Lexicon of the Old Testament, fuula 659, fi Lexicon in Veteris Testamenti Libros, jedhamu fuula 627 ilaali. Hiikkawwan Kitaaba Qulqulluu hedduun jecha nafashii fi pisihii jedhan, “lubbuu,” “jireenya,” “nama,” “uumama,” ykn “qaama” jechuudhaan akka galumsa isaatti hiikaniiru.