Leewwota 20:1-27

  • Waaqeffannaa Moleek; gocha hafuurota hamoo (1-6)

  • Qulqulluu taʼaa; warra keessan kabajaa (7-9)

  • Namoonni saalqunnamtii seeraan alaa raawwatan ni ajjeefamu (10-21)

  • Biyyattii keessa jiraachuuf qulqulloota taʼaa (22-26)

  • Namoonni gocha hafuurota hamoo raawwatan ni ajjeefamu (27)

20  Yihowaan itti fufuudhaan Museedhaan akkana jedhe:  “Israaʼelotaan akkana jedhi: ‘Namni biyya Israaʼel yookiin namni biyya ormaa Israaʼel keessa jiraatuu fi ijoollee isaa Moleekiif kennu kam iyyuu mamii tokko malee haa ajjeefamu.+ Namoonni biyyattii dhagaadhaan tumanii isa haa ajjeesan.  Inni ijoollee isaa Moleekiif waan kenneef, iddoo qulqulluu koo waan xureessee+ fi maqaa koo isa qulqulluu waan salphiseef, anumti fuula koo nama sanatti nan gurraachessa; saba isaa gidduudhaas isa nan balleessa.*  Namoonni biyyattiis namichi dhala isaa Moleekiif yommuu kennu utuma arganii yoo callisanii fi yoo isa ajjeesuu baatan,+  ani dhugumaan nama sanaa fi maatii isaatti fuula koo nan gurraachessa.+ Nama sanaa fi warra isa waliin Moleekii wajjin sagaagalan hundumaa saba isaanii gidduudhaa nan balleessa.*  “‘Nama* isaanii wajjin karaa hafuuraa sagaagalummaa raawwachuuf gara eker dubbistootaa+ fi gara raagdotaatti+ garagale kam iyyuu, ani dhugumaan itti garagalee saba isaa gidduudhaa isa nan balleessa.*+  “‘Ani Waaqa keessan Yihowaa waanan taʼeef, isin of qulqulleessaa; qulqullootas taʼaa.+  Dambiiwwan koo eegaa; isaaniinis raawwadhaa.+ Ani Yihowaa isa isin qulqulleessu dha.+  “‘Namni abbaa isaa yookiin haadha isaa abaaru kam iyyuu mamii tokko malee haa ajjeefamu.+ Inni abbaa isaa yookiin haadha isaa waan abaareef, dhiigni isaa mataa isaa irra ni taʼa. 10  “‘Nama haadha manaa nama kan biraa wajjin ejja raawwatu ilaalchisee wanti godhamu kana dha: Namni haadha manaa nama kan biraa wajjin ejja raawwatu mamii tokko malee haa ajjeefamu; lamaan isaanii iyyuu* haa ajjeefaman.+ 11  Namni haadha manaa abbaa isaa wajjin ciisu abbaa isaa salphinaaf* saaxileera.+ Lamaan isaanii iyyuu mamii tokko malee haa ajjeefaman. Dhiigni isaanii mataa isaanii irra ni taʼa. 12  Namni tokko haadha manaa ilma isaatii wajjin yoo ciise lamaan isaanii iyyuu mamii tokko malee haa ajjeefaman. Isaan wanta uumamaa ala taʼe raawwataniiru. Dhiigni isaanii mataa isaanii irra ni taʼa.+ 13  “‘Dhiirri tokko akkuma dubartii takka wajjin ciisutti dhiiraa wajjin yoo ciise, lamaan isaanii iyyuu wanta jibbisiisaa raawwataniiru.+ Isaan mamii tokko malee haa ajjeefaman. Dhiigni isaanii mataa isaanii irra ni taʼa. 14  “‘Dhiirri tokko dubartii takkaa fi intala ishii yoo fuudhe, kun gocha qaanessaa* dha.+ Gochi qaanessaa taʼe kun isin gidduutti akka itti hin fufneef, innis taʼe isaan ibiddaan haa gubaman.+ 15  “‘Namni tokko horii wajjin saalqunnamtii yoo raawwate, mamii tokko malee haa ajjeefamu; horii sanas ajjeesaa.+ 16  Dubartiin takka saalqunnamtii raawwachuuf horii akkamiitti iyyuu yoo dhihaatte,+ dubartii sanaa fi horii sana ajjeesi. Isaan mamii tokko malee haa ajjeefaman. Dhiigni isaanii mataa isaanii irra ni taʼa. 17  “‘Dhiirri tokko obboleettii isaa, jechuunis intala abbaa isaa yookiin intala haadha isaa wajjin saalqunnamtii yoo raawwatee fi qullaa ishii yoo arge, ishiinis qullaa isaa yoo argite kun salphina dha.+ Isaan ilmaan saba isaanii fuulduratti haa balleeffaman.* Inni obboleettii isaa salphinaaf* saaxileera. Balleessaa isaatiif itti gaafatama. 18  “‘Dhiirri tokko dubartii laguu irra jirtu takka wajjin yoo ciisee fi ishii wajjin saalqunnamtii yoo raawwate, innis taʼe ishiin lamaan isaanii iyyuu dhiiga ishii isa dhangalaʼu saaxilaniiru.+ Lamaan isaanii iyyuu saba isaanii gidduudhaa haa balleeffaman.* 19  “‘Obboleettii haadha teetii yookiin obboleettii abbaa keetii wajjin saalqunnamtii hin raawwatin; sababiin isaas, kun fira dhiigaa salphinaaf saaxiluu dha.+ Isaan balleessaa isaaniitiif itti gaafatamu. 20  Namni haadha manaa wasiila isaa wajjin ciisu wasiila isaa salphinaaf* saaxila.+ Isaan dogoggora isaaniitiif itti gaafatamu. Isaan utuu ijoollee hin qabaatin haa duʼan. 21  Namni tokko haadha manaa obboleessa isaa yoo fuudhe, kun wanta jibbisiisaa taʼe dha.+ Inni obboleessa isaa salphinaaf* saaxileera. Isaan utuu ijoollee hin qabaatin haa duʼan. 22  “‘Biyyi akka keessa jiraattaniif ani itti isin galchu sun akka isin hin tufneef,+ dambiiwwan koo hundumaa fi heerawwan koo hundumaa eegaa;+ isaaniinis raawwadhaa.+ 23  Isin akka dambiiwwan saboota warra ani isin duraa ariʼu sanaatti hin deddeebiʼinaa;+ isaan wantoota kana hundumaa waan raawwataniif ani isaan nan jibbe.+ 24  Ani akkana kanan isiniin jedhe kanaafi: “Biyya isaanii dhaalaan ni qabattu; anis biyya aannanii fi damma maddisiistu dhaalaan isiniif nan kenna.+ Ani Waaqa keessan Yihowaa isa saboota irraa adda isin baase sana dha.”+ 25  Isin horii qulqulluu fi horii xuraaʼaa gidduu, akkasumas simbirroo xurooftuu fi simbirroo qulqulluu gidduu garaa garummaan akka jiraatu godhaa;+ horii yookiin simbirroo yookiin wantoota lafa irra munyuuqan warra ani akka xuraaʼootti akka ilaalamaniif adda baase kamiin iyyuu of* hin xureessinaa.+ 26  Ani Yihowaan qulqulluu waanan taʼeef, akkasumas kan koo akka taataniif+ saboota irraa adda kan isin baase ana waan taʼeef, isin anaaf qulqulloota taʼaa.+ 27  “‘Dhiirri yookiin dubartiin eker dubbistuu yookiin raagduu taʼan* kam iyyuu mamii tokko malee haa ajjeefaman.+ Sabichi dhagaadhaan tumee isaan haa ajjeesu. Dhiigni isaanii isaan irra ni taʼa.’”

Miiljaleewwan

Ykn., “nan ajjeesa.”
Ykn., “nan ajjeesa.”
Ykn., “Lubbuu.”
Ykn., “nan ajjeesa.”
Kal., “namichi ejjituun sunii fi dubartiin ejjituun sun.”
Kal., “qullaa abbaa isaa.”
Ykn., “gocha salphinaa; halalummaa.”
Ykn., “haa ajjeefaman.”
Kal., “qullaa obboleettii isaa.”
Ykn., “haa ajjeefaman.”
Kal., “qullaa wasiila isaa.”
Kal., “qullaa obboleessa isaa.”
Ykn., “lubbuu keessan.”
Ykn., “hafuura raagdummaa qaban.”