Dhimma ijoo ta'etti seeni

CAQASOOTA KITAABA QULQULLUU IBSI IRRATTI KENNAME

Yohaannis 15:13—‘Kana Caalaa Eenyu Iyyuu Jaalala Guddaa Qabaachuu hin Dandaʼu’

Yohaannis 15:13—‘Kana Caalaa Eenyu Iyyuu Jaalala Guddaa Qabaachuu hin Dandaʼu’

 “Nama michoota isaatiif lubbuu isaa dabarsee kennu caalaa, eenyu iyyuu jaalala guddaa qabaachuu hin dandaʼu.”—Yohaannis 15:13, Hiika Addunyaa Haaraa.

 “Namni tokko firoota isaatiif jireenya isaa dabarsee kennuu irra kan caalu, jaalala guddaa qabaachuu hin dandaʼu.”—Yohaannis 15:13, Hiika Bara 1997.

Hiika Yohaannis 15:13

 Yesuus duuka buutonni isaa jaalalli waliif qaban hamma waliif duʼuuf fedhii qabaatanitti baayʼee cimaa taʼuu akka qabu akka hubatan isaan gargaaraa jira.

 Caqasa isa dura jiru irratti ergamoota isaatiin, “Ajajni koo kana dha: Akkuman isin jaalladhe isinis wal jaalladhaa” jedheera. (Yohaannis 15:12) Yesuus isaaniif jaalala akkamii qaba ture? Jaalala fedhii ofittummaa irraa walaba taʼee fi aarsaa kaffaluuf qophaaʼaa taʼe isaaniif qaba ture. Yeroo lafa irra tajaajilaa turetti, kan ofii isaa caalaa fedhii fi faayidaa duuka buutota isaatii fi namoota kaaniif dursa kenna ture. Namoota dhukkuba isaanii irraa isaan fayyiseera, waaʼee Mootummaa Waaqayyoos isaan barsiisa ture. a Faayidaa warra kaaniif jecha hojii gad aanaa taʼe illee hojjeteera. (Maatewos 9:35; Luqaas 22:27; Yohaannis 13:3-5) Haa taʼu malee Yesuus, Yohaannis 15:13 irratti gocha jaalalaa hunda irra baayʼee caalu ibsaa ture. Jechoota kana dubbatee saʼaatii muraasa booda, yeroo “lubbuu isaa bakka namoota hedduu furii godhee” fedhiidhaan kennetti jaalala guddaa sana argisiiseera. (Maatewos 20:28; 22:39) Kanaaf, ofii isaa caalaa namoota kaan akka jaallatu karaa ajaaʼibsiisaa taʼeen argisiiseera.

 Yesuus ilmaan namootaa ni jaallata. Keessumaa immoo namoota barumsa isaa hordofan ni jaallata. Barattoonni isaa barumsa isaatiif waan ajajamanii fi qorumsa isaa keessatti isa irraa waan adda hin baaneef akka michoota isaatti isaan ilaala ture. (Luqaas 22:28; Yohaannis 15:14, 15) Kanaaf, lubbuu isaa aarsaa isaaniif gochuuf sababii dabalataa qaba.

 Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa wanta Yesuus jedhe jireenya isaanii keessatti hojii irra oolchaniiru, akkasumas waliif duʼuuf illee fedhii qabu turan. (1 Yohaannis 3:16) Jaalalli ofittummaa irraa walaba taʼe, jechuunis jaalalli Yesuus argisiise mallattoo guddaa Kiristiyaanonni dhugaan addaan baafamanii ittiin beekamanidha.—Yohaannis 13:34, 35.

Yaada naannoo Yohaannis 15:13​tti argamu

 Wangeelli Yohaannis boqonnaa 13 hanga 17 gorsa Yesuus yeroo isaan irraa adda baʼuuf jedhutti ergamoota isaa amanamoo 11f kennee fi kadhannaa xumuraa inni isaanii wajjin dhiheesse kan qabatedha. Kan ajjeefames saʼaatii muraasa booda dha. Boqonnaa 15​ffaa irratti, barattoota isaa taʼuu isaanii mirkaneessuuf isaa wajjin tokkummaadhaan jiraachuu akka qaban fakkeenyaan yeroo ibsu, Yesuus barattoota isaa dameewwan muka wayinii firii godhatan wajjin wal isaan fakkeesseera. ‘Firii hedduu godhachuu isaanii akka itti fufan’ isaan gorseera. (Yohaannis 15:1-5, 8) Karaan kana itti godhan keessaa inni tokko immoo, jaalala fedhii ofii aarsaa godhu namootatti argisiisuudhaani, kunis “Misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo” isa Yesuus lallabaa ture lallabuu kan dabaltu dha.—Luqaas 4:43; Yohaannis 15:10, 17.

 Viidiyoo qabiyyee kitaaba Yohaannis gabaabsee ibsu kana ilaali.

a Mootummaan Waaqayyoo bulchiinsa samii irra jiru dha. Waaqayyo Mootummaa kana kan hundeesse guutummaa lafaa bulchuu fi kaayyoo lafaaf qabu raawwachuufi. (Daaniʼel 2:44; Maatewos 6:9, 10) Odeeffannoo dabalataa argachuuf, mata duree “Mootummaan Waaqayyoo Maali Dha?” jedhu akka dubbistu si jajjabeessina.