Dhimma ijoo ta'etti seeni

CAQASOOTA KITAABA QULQULLUU IBSI IRRATTI KENNAME

Mulʼata 21:4—“Inni Imimmaan Hundumaa Ija Isaanii Irraa ni Haqa”

Mulʼata 21:4—“Inni Imimmaan Hundumaa Ija Isaanii Irraa ni Haqa”

 “Inni imimmaan hundumaa ija isaanii irraa ni haqa; duutis kana booda hin jiraatu; gaddis taʼe iyyi yookiin dhiphinni kana booda hin jiraatu. Wantoonni duraa sun darbaniiru.”—Mulʼata 21:4, Hiika Addunyaa Haaraa.

 “Inni imimmaan hunda ija isaanii irraa ni haaqa; ammaan achi duuti yookiin gaddi yookiin booyichi yookiin dhiphinni tokkolleen hin jiraatu; sirni moofaan sun dabreeraatii.”—Mulʼata 21:4, Hiika Waltaʼaa Haarayaa.

Hiika Mulʼata 21:4

 Waaqayyo gaddaa fi rakkina yeroo ammaatti ilmaan namootaa dararaa jiru qofa utuu hin taʼin, wantoota rakkoowwan kanaaf buʼuura taʼan hunda balleessuuf waadaa galeera.

 “Inni imimmaan hundumaa ija isaanii irraa ni haqa.” Yaanni kun waadaa Yihowaan a karaa Isaayyaas raajichaa ‘fuula hundumaa irraa imimmaan akka haqu’ kenne akka raawwatamu mirkaneessudha. (Isaayyaas 25:8; Mulʼata 7:17) Yaanni kun Waaqayyo namoota nama jaallatan duʼaan waan dhabaniif ykn sababii rakkinaatiin imimmaan isaanii dhangalaasan hundaaf guddaa akka yaadu ibsudha.

 “Duutis kana booda hin jiraatu.” Yaanni kun “ammaa booda duuti hin jiraatu” ykn “duuti tokko illee hin jiraatu” jedhamees hiikamuu dandaʼa. Waaqayyo duʼaa fi wantoota rakkinaaf sababa taʼan dhabamsiisuuf waadaa galeera. Kana malees, namoonni duʼan duʼaa ni kaafamu. (1 Qorontos 15:21, 22) Kanaafuu, “duuti ni balleeffama.”—1 Qorontos 15:26.

 “Gaddis taʼe iyyi yookiin dhiphinni kana booda hin jiraatu.” Waaqayyo ilmaan namootaa wantoota balaa ykn dhiphina gaʼuuf akka jedhu akeekkachiisan dabalatee gaddi akka isaan irra hin geenye waadaa galaa jira miti. Kana mannaa, waadaan kun dhiphina sammuu, miiraa fi qaamaa cubbuu b fi mudaa kan hin qabne taʼuu keenyaan nu irra gaʼan hin jiraatan jechuudha.—Roomaa 8:21, 22.

 “Wantoonni duraa sun darbaniiru.” Himni dhumaa kun jijjiirama dinqisiisaa ilmaan namootaa argatan walitti qabee kan ibsudha. Barreeffamni tokko akkana jedheera: “Akkaataan ilmaan namootaa kanaan dura itti jiraachaa turan, jechuunis gaddi, booʼichii fi dhukkubbiin kutaa jireenyaa ilmaan namootaa hambisuu hin dandeenye taʼan, akkaataa jireenyaa haaraa taʼeen bakka buufama jechuudha.” Yeroo kanatti ilmaan namootaa akkuma Waaqayyo jalqaba kaayyoo isaa ture haala baayʼee gaarii keessa lafa irra bara baraaf jiraatu.—Uumama 1:27, 28.

Yaada naannoo Mulʼata 21:4​tti argamu

 Yohaannis ergamaan jalqaba boqonnaa 21 irratti mulʼata arge yommuu ibsu, “Samii haaraa fi lafa haaraa nan arge” jedheera. (Mulʼata 21:1) Jijjiirama guddaa caqasoota Kitaaba Qulqulluu kan biroo irrattis ibsame jiru fakkeenyaan ibseera. (Isaayyaas 65:17; 66:22; 2 Pheexiros 3:13) Bulchiinsi Waaqayyoo inni samii ykn ‘samii haaraan’ mootummoota ilmaan namootaa hunda bakka buʼee, “lafa haaraa,” jechuunis bulchiinsa ilmaan namootaa haaraa lafa irra jiraatu bulcha.—Isaayyaas 65:21-23.

 Wanti mulʼanni kun jireenya lafa irraa akka argisiisu ibsu maalidha? Tokkoffaa, waadaan galame kun, “Dunkaanni Waaqayyoo namootaa wajjin jira” jechuudhaan jalqaba. (Mulʼata 21:3) Kanaaf waadaan kun kan galame maleekota samii irra jiraniif utuu hin taʼin ilmaan namootaa lafa irra jiraniifidha. Lammaffaa, mulʼatichi waaʼee addunyaa ‘duuti kana booda keessa hin jiraannee’ dubbata. (Mulʼata 21:4) Duuti matumaa samii irra jiraatee hin beeku; miidhaa geessisaa kan ture namoota lafa irra jiraatan irratti qofadha. (Roomaa 5:14) Kanaaf, caqasni kun haala gara fuulduraatti lafa irra jiraatu kan ibsudha jedhamuun isaa sirriidha.

 Viidiyoo qabiyyee kitaaba Mulʼataa gabaabsee ibsu kana daawwadhu.

a Yihowaan maqaa Waaqayyo qofti ittiin waamamudha. (Faarfannaa 83:18) Mata duree, “Yihowaan Eenyu?” jedhu ilaali.

b Kitaaba Qulqulluu keessatti, cubbuun gocha, tarkaanfii fudhachuu dhiisuu, miira ykn yaada faallaa qajeelfama Waaqayyoo taʼan kan argisiisudha. (1 Yohaannis 3:4) Mata duree “Cubbuun Maali Dha?” jedhu ilaali.