Dhimma ijoo ta'etti seeni

CAQASOOTA KITAABA QULQULLUU IBSI IRRATTI KENNAME

Miikiyaas 6:8—‘Gad of Qabuudhaan Waaqa Kee Wajjin Deddeebi’i’

Miikiyaas 6:8—‘Gad of Qabuudhaan Waaqa Kee Wajjin Deddeebi’i’

 “Yaa namaa, inni wanta gaarii taʼe sitti himeera. Yihowaan maal si irraa barbaada? Haqa akka raawwattu, amanamummaa akka jaallattu, Gad of qabuudhaan Waaqa kee wajjin akka deddeebitu qofa mitii?”—Miikiyaas 6:8, Hiika Addunyaa Haaraa.

 “Inni wanta gaarii ta’e sitti himeera. Yaa namaa! Wanta qajeelaa ta’ee fudhatame hojjechuu, gaarummaa jaallachuu, gad of deebiftees Waaqayyo kee wajjin deddeebi’uu malee, gooftichi maal si irraa barbaada ree?”—Miikiyaas 6:8, Hiika Bara 1997.

Hiika Miikiyaas 6:8

 Miikiyaas raajichi ilmaan namootaa Yihowaa gammachiisuu akka danda’an ibseera. a (1 Yohaannis 5:3) Wanti Waaqayyo nurraa barbaadu caqasa kana keessatti jechoota hiika guddaa qaban sadiin ibsamaniiru. Jechoonni lamaan jalqabaa hariiroo namni tokko warra kaanii wajjin qabu kan argisiisu yommuu ta’u inni sadaffaan immoo hariiroo namni tokko Yihowaa wajjin qabuu wajjin kan wal qabate dha.

 “Haqa akka raawwattu.” Yihowaan waaqeffattoonni isaa wanta haqa qabeessa ta’e akka raawwatan isaan gaafata. Kana jechuun wanti yaannuu fi wanti hordofnu wanta Waaqayyo sirrii fi dogoggora jedhe wajjin kan walsimu ta‵uu dabalata. (Keessa Deebii 32:4) Fakkeenyaaf, namoonni ulaagaalee Waaqayyo baase hordofan; akkaataa jireenyaa isaanii, guddina isaanii ykn bakka isaan hawaasa keessatti qaban utuu hin ilaaliin namoota hunda amanamummaa fi loogii malee qabuuf wanta isaaniif danda’ame godhu.—Lewwoota 19:15; Isaayaas 1:17; Ibroota 13:18.

 “Amanamummaa akka jaallattu.” Jechi kun “jaalala amanamummaa akka jaallattu” jedhamees hiikamuu danda’a. (Miikiyaas 6:8, miiljalee) Jechi afaan Ibrootaa “amanamummaa” jedhu hariiroo nama tokkoo wajjin qabaniin amanamoo ta’uu qofa utuu hin ta’in nama kaanitti gaarummaa argisiisuu fi gara laafina qabaachuus ni argisiisa. Waaqayyo namoonni isa gammachiisuu barbaadan gaarummaa argisiisuu fi gara laafina qabaachuu qofa utuu hin ta’in amalawwan kana jaallachuus akka qaban barbaada. Kana jechuun waaqeffattoonni Yihowaa keessumaa namoota gargaarsi isaan barbaachisuuf gargaarsa gochuudhaan gammachuu argatu. Kennuun gammachuu nuuf argamsiisa.—Hojii Ergamootaa 20:35.

 ‘Gad of qabuudhaan Waaqa kee wajjin deddeebi’i.’ Kitaaba Qulqulluu keessatti jechi “deddeebi’uu” jedhu “daandii ta’e tokko hordofuu” jechuu dha. Namni tokko daandii Waaqayyoon gammachiisu hordofuun isaa Waaqayyoo wajjin akka deddeebi’etti ilaalamuu danda’a. Nohi gama kanaan fakkeenya gaarii ta’a. Nohi “namoota bara isaatti jiraatan gidduutti nama balleessaa hin qabne” waan tureef Waaqa duratti qajeelaa ture. Kanaafuu Nohi “Waaqa dhugaa wajjin ni deeme” jedhama. (Uumama 6:9) Yeroo har’aatti barumsa Dubbii Waaqayyoo isa Kitaaba Qulqulluu keessatti barreeffamee wajjin haala walsimuun jiraachuudhaan ‘Waaqayyoo wajjin deddeebi’na.’ Kana gochuuf kan gad of deebisnuu fi wantoota hundaaf gargaarsi Waaqayyoo akka nu barbaachisu amannee fudhachuu qabna.—Yohaannis 17:3; Hojii Ergamootaa 17:28; Mul’ata 4:11.

Yaada naannoo Miikiyaas 6:8 tti argamu

 Miikiyaas Israa’el durii keessatti raajicha Dh.K.D. jaarraa saddeettaffaatti jiraate dha. Yeroo sanatti biyyattiin waaqolii tolfamoo, gowwoomsaa fi hacuuccaadhaan guutamtee turte. (Miikiyaas 1:7; 3:1-3, 9-11; 6:10-12) Israa’eloonni hedduun ulaagaalee Waaqayyoo Seera Musee keessatti kenne eeguu dhiisan. Namoonni hedduun barsiifatawwan amantii kaan irratti hirmaachuu fi aarsaawwan dhiheessuudhaan Waaqayyo biratti fudhatama argachuu akka danda’an dogoggoraan yaaduu jalqaban.—Fakkeenya 21:3; Hoseʼaa 6:6; Miikiyaas 6:6, 7.

 Miikiyaas erga jiraatee jaarraa hedduu booda Yesuus, Waaqayyo namoota jaalala, murtoo haqaa, fi gara laafina argisiisanitti kan gammadu ta’us, warra amantii fakkeessaa argisiisanitti garuu kan hin gammanne ta’uu isaa ibseera. (Maatewos 9:13; 22:37-39; 23:23) Wanti Yesuus dubbate Waaqayyo yeroo har’aatti wanta inni waaqeffattoota isaa irraa barbaadu hubachuuf nu gargaara.

 Yaada ijoo Kitaaba Miikiyaas hubachuuf viidiyoo kana ilaali.

a Afaan Ibrootaatiin maqaan Waaqayyoo kan barreeffamu qubee Afaan Ibrootaa arfan יהוה (YHWH) Teetiraagiraamaatan jedhamaniini dha. Afaan Ingiliffaatiin hiikni maqaa kanaa “Jehovah” [Afaan Oromootiin Yihowaa] dha. Waaʼee Yihowaa fi hiikkaawwan Kitaaba Qulqulluu tokko tokko maqaa kanatti utuu hin fayyadamin kan hafan maaliif akka taʼe ilaalchisee odeeffannoo dabalataa argachuuf mata duree “Yihowaan Eenyu Dha?” jedhu dubbisi.