Dhimma ijoo ta'etti seeni

CAQASOOTA KITAABA QULQULLUU IBSI IRRATTI KENNAME

Lakkoofsa 6:24-26—“Yihowaan Si Haa Eebbisu, Si Haa Eegus”

Lakkoofsa 6:24-26—“Yihowaan Si Haa Eebbisu, Si Haa Eegus”

 “Yihowaan si haa eebbisu, si haa eegus. Yihowaan fuula isaa siif haa ibsu, isa birattis fudhatama argadhu. Yihowaan fuula isaa gara keetti haa deebisu, nagaas siif haa kennu.”—Lakkoofsa 6:24-26, Hiika Addunyaa Haaraa.

 “Waaqayyo isin haa eebbisu, isin haa eegu! Waaqayyo fuula isaa isiniif haa ibsu, isinitti haa araaramu! Waaqayyo fuula isaa gara keessanitti haa deebisu, nagaas isiniif haa kennu!”—Lakkoofsa 6:24-26, Hiika Bara 1997.

Hiika Lakkoofsa 6:24-26

 Jechoonni eebbaa kun Aaroon luba ol aanaa Israa‵el ta‵ee erga muudamee booda waan jalqabeef eebba lubaa ykn Aaron jedhamee beekamudha. (Ba‵uu 28:1) Eebbi kun kan dhufe Yihowaa biraati. (Lakkoofsa 6:22, 23) Museedhaan akkana jedhe: “Akkana jedhii Aaronii fi ilmaan isaatti himi: ‘Akka kanaan saba Israaʼel eebbisaa’” erga jedhee booda Waaqayyo jechoota Lakkoofsa 6:24-26 irratti argaman dubbateera. Luboonni amanamooon ajaja Waaqayyo biraa kenname kana eeganiiru. Maqaa isaa isa Yihowaa jedhamuufis ulfina kennaniiru. a Lakkoofsi 27 akkana jedha: “Akkan isaan eebbisuufis isaan [luboonni] maqaa koo saba Israaʼel irra haa kaaʼan.”

 “Yihowaan si haa eebbisu, si haa eegus.” Yihowaan tajaajiltoota isaa eeguudhaan, qajeelchuu fi milkaa‵ina akka argatan gochuudhaan isaan eebbisa. (Fakkeenya 10:22) Lakkoofsa 6:24-26 irratti al baay‵ee “si” jedhamee itti hojjetameera. Kun Waaqayyo akka sabaatti qofa utuu hin ta‵in tokkoon tokkoon Israa‵elotaa eebbisuuf fedhii akka qabu kan argisiisudha.

 “Yihowaan fuula isaa siif haa ibsu, isa birattis fudhatama argadhu.” Namni tokko Waaqayyo ‘fuula isaa akka isaaf ibsu’ gaafachuun namni sun Waaqayyo biratti fudhatama akka argate gaafachuusaa argisiisa. b Yihowaan sabasaatti gaarummaa, gara laafinaa fi araara argisiisuudhaan fudhatama akka argatan godha.—Isaayaas 30:18.

 “Yihowaan c fuula isaa gara keetti haa deebisu, nagaas siif haa kennu.” Yihowaan jaalalaan isaan qabuu fi nagaa isaaniif kennuudhaan gara waaqeffattoota isaatti “fuula isaa” deebisa. Barreeffamni tokko akka jedhetti “jechi Afaan Ibrootaa nagaa (shalom) jedhu walitti bu‵iinsi dhabamuu qofa utuu hin ta‵in qaamaanis ta‵e hafuuraan nagaa guutuu qabaachuu argisiisa.”

 Israa‵eloonni eebba caqasoota kana keessatti ibsaman argachuuf Yihowaadhaaf ajajamuu qabu turan. (Leewwota 26:3-6, 9) Yeroo ajajaman akkuma inni waadaa isaaniif gale eebba argatu. Mootonni Israa‵el kanneen akka Solomonii fi Hisqiyaas yeroo bulchaa turanitti kun sirriitti raawwatameera.—1 Mootota 4:20, 25; 2 Seenaa Baraa 31:9, 10.

 Kiristiyaanonni eebba kana jechaa jechatti irra deebi‵uu kan hin qabne ta‵us waa‵ee warra kaanii Waaqayyooon yeroo kadhatanitti ykn obboloota isaanii yeroo jajjabeessanitti jecha wal fakkaatutti fayyadamuudhaan miirasaanii ibsuu danda‵u. (1 Tasalonqee 5:11, 25) Yihowaan har‵as taanaan hin jijjiiramne. Yeroo hunda waaqeffattoota isaa eebbisuu fi eeguu barbaada. Kanaafuu Kiristiyaanonni dhugaan Yihowaa biratti fudhatama akka argatan waan beekaniif nagaa qabu.

Yaada naannoo Lakkoofsa 6:24-26​tti argamu

 Boqonnaawwan kurnan jalqabaa kitaaba Lakkoofsaa qajeelfama Waaqayyo Israa‵eloonni Biyyattii Abdachiifamtetti galuuf naannoo Gaara Siinaa buufatanii yeroo turanitti isaaniif kenname ture. Bakka sana gara waggaa tokkoof buufatanii yeroo turanitti Yihowaan akka saba tokkootti isaan gurmeessuudhaan seera Seera kakuu jedhamee waamamu isaaniif kenne.

 Akkasumas Yihowaan Aaronii fi ilmaan isaa warri luboota ta‵anii filataman Israa‵eloota akkamitti akka eebbisan Museetti hime. (Lakkoofsa 6:22, 23) Kanaafuu, Aaronii fi ilmaan isaa jechoota Lakkoofsa 6:24-26 irratti jirutti fayyadamuudhaan sabicha eebbisu turan. Wanti kun yeroo booda barsiifata yommuu ta‵u lubni tokko mana qulqullummaa keessatti aarsaa xumuraa erga dhiheessee booda eebba kana irra deebi‵ee jedha.

 Viidiyoo qabiyyee kitaaba Lakkoofsaa gabaabsee ibsu kana ilaali.

a Yihowaan afaan Ingiliffaan maqaa Waaqayyoo Afaan Ibrootaatiin beekamaa ta‵edha. Hiikawwan Kitaaba Qulqulluu hedduun maqaa Waaqayyootiin fayyadamuu mannaa maqaa ulfinaa Gooftaa jedhutti maaliif akka fayyadaman beekuuf mata duree “Yihowaan Eenyu Dha?” jedhu ilaali.

b Kitaabni Qulqulluun Yihowaan wanta Israa‵eloonni raawwatan yeroo jibbu fuula isaa akka isaan jalaa dhoksu dubbata.—Isaayaas 59:2; Miikiyaas 3:4.

c Akka NIV Study Bible jedhuti, caqasa kana irratti maqaan Waaqayyoo irra deddeebi‵amuun isaa “yaada [lakkoofsa 27] irra jiru jabeessee ibsuuf galedha.” Haa ta‵u malee, namoonni tokko tokko maqaan Waaqayyoo al sadii caqasamuun isaa Waaqayyo Sillaasee akka ta‵e argisiisuuf akka gale falmu. Yaannisaa garuu akkas miti. Barreeffamni Kitaaba Qulqulluu irratti ibsa kennuu fi barumsa Sillaasee deggeru tokko, maqaa Waaqayyoo si‵a sadii waamuun “lubni eebba kana kennu ykn namoonni eebbicha dhaga‵an haala kanaan akka yaadan kan isaan godhu hin turre. Si‵a sadii caqasamuun isaa eebbichi isaaniif gaarii fi guutuu ta‵uusaa qofa kan argisiisu ture.” (The Pulpit Commentary, Jildii 2, fuula 52) Odeeffannoo dabalataa argachuuf, mata duree “Waaqayyo Sillaasee Dhaa?” jedhu akka dubbistu si jajjabeessina.