Dhimma ijoo ta'etti seeni

CAQASOOTA KITAABA QULQULLUU IBSI IRRATTI KENNAME

Ermiyaas 33:3—“Na Waammadhu, Anis Siifan Deebisa”

Ermiyaas 33:3—“Na Waammadhu, Anis Siifan Deebisa”

 “Na waammadhu, anis siifan deebisa; wantoota guguddoo hubatamuu hin dandeenye warra ati hin beekne sitti nan hima.”—Ermiyaas 33:3, Hiika Addunyaa Haaraa.

 “Na kadhadhu! Anis siif nan dhaga’a; wanta guddaa ati qortee bira gaʼuu hin dandeenye sitti nan hima.”—Ermiyaas 33:3, Hiika Bara 1997.

Hiika Ermiyaas 33:3

 Waaqayyoo jechoota kanatti fayyadamee namoonni gara isaatti kadhannaa akka dhiheessan isaan affeereera. Namoonni affeerraa kana yoo fudhatanii fi gara Waaqayyootti kadhannaa dhiheessan, wanta gara fuulduraatti raawwatamu isaanitti mulʼisa.

 “Na waammadhu, anis siifan deebisa.” Yaanni “na waammadhu” jedhu maqaa Waaqayyoo waamuu qofa kan argisiisu miti. Kanaa mannaa, maqaa Waaqayyoo waammachuun kadhannaadhaan gargaarsaa fi qajeelfama isaa gaafachuu dabalata.—Faarfannaa 4:1; Ermiyaas 29:12.

 Waaqayyo affeerraa kana kan dhiheesse saba Israaʼel duriitiif akka ture beekamaadha. Sabni sun Waaqayyo irraa garagaleera, loltoonni Baabilon miidhaa isaan irraan geessisaniiru. (Ermiyaas 32:1, 2) Yihowaan a Israaʼeloonni kadhannaadhaan isa waammachuudhaan gara isaatti akka deebiʼan isaan affeereera.

 “Wantoota guguddoo hubatamuu hin dandeenye warra ati hin beekne sitti nan hima.” Wantoota Waaqayyo mulʼisuuf waadaa gale, wantoota namoonni matumaa ofuma isaaniitii matumaa beekuu hin dandeenye, “hubachuu hin dandeenye” (ykn, bira gaʼuu hin dandeenyedha). Yaanni “wantoota . . . hubatamuu hin dandeenye” “wantoota dhokatoo” jedhamees hiikamuu dandaʼa.

 “Wantoota dhokatoo” Waaqayyo mulʼise maalidha? Taʼeewwan gara fuulduraatti raawwataman, jechuunis badiisaa fi barbadeeffamuu Yerusaalem durii, akkasumas yeroo booda deebitee hundeeffamuu ishii kan dabalatudha. (Ermiyaas 30:1-3; 33:4, 7, 8) Haa taʼu malee, Waaqayyo tajaajiltoonni isa akka sabaatti guutummaatti akka hin balleeffamnes waadaa galeera.—Ermiyaas 32:36-38.

Yaada naannoo Ermiyaas 33:3​tti argamu

 Ermiyaas raajichi ergaa kana Yihowaa biraa kan fudhate Dh.K.D. bara 608 waggaa kurnaffaa bulchiinsa Zedeeqiyaa Mootichaattidha. Ermiyaas Yerusaalem akka kuftuu fi Zedeeqiyaan boojuudhaan akka fudhatamu raajii dubbatee ture. Mootichi ergaan kun waan isatti hin tolleef, Ermiyaasiin mana hidhaa galche.—Ermiyaas 32:1-5; 33:1; 37:21.

 Waaqayyo affeerraa Ermiyaas 33:3 irra jiru kan dhiheesse haalawwan akkasii keessatti ture. Kan nama ajaaʼibu garuu, Zedeeqiyaa Mootichii fi sabicha keessaa hedduun isaanii affeerraa Waaqayyo isaaniif dhiheesse fudhachuu diduudhaan amanamoo utuu hin taʼin hafan. (Ermiyaas 7:26; 25:4) Waaqayyoon hin waammanne, qajeelfama isaas hin barbaanne. Waggaa tokko booda Zedeeqiyaan aangoo irraa buufame, Yerusaalem ni balleeffamte, namoonni hafan hedduun immoo qabamanii gara Baabilonitti geeffaman.—Ermiyaas 39:1-7.

 Jechoonni Ermiyaas 33:3 irratti ibsaman, yeroo harʼaattis Waaqayyo namoota Dubbii isaa Kitaaba Qulqulluu keessatti argamu kadhannaadhaan qoʼataniif “beekumsa sirrii waaʼee fedhii isaa ibsu” akka hubatan akka godhuu fi “wantoota . . . gad fagoo” akka isaaniif ibsu isaan yaadachiisa. (Qolosaayis 1:9; 1 Qorontos 2:10) Wantoonni gad fagoon kun, waadaa Waaqayyoo yeroo gara fuulduraa ilaalchisee gale kan dabalatanidha.—Mulʼata 21:3, 4.

 Viidiyoo qabiyyee kitaaba Ermiyaas gabaabsee ibsu kana ilaali.

a Yihowaan maqaa dhuunfaa Waaqayyoo ittiin waamamudha. (Faarfannaa 83:18) Mata duree “Yihowaan Eenyu Dha?” jedhu ilaali