Qorontos Tokkoffaa 2:1-16

  • Phaawulos Qorontositti lallabe (1-5)

  • Caalmaa ogummaan Waaqaa (6-10)

  • Garaa garummaa nama hafuuraa fi nama foonii (11-16)

2  Kanaafuu yaa obbolootaa, ani yommuun gara keessan dhufe, iccitii Waaqayyoo isa qulqulluu+ dubbii yookiin ogummaa nama ajaaʼibsiisuun isiniif hin labsine.+  Yommuun isinii wajjin ture Yesuus Kiristoosii fi muka irratti fannifamuu isaa malee wanta kamiif iyyuu xiyyeeffannaa akkan hin kennine murteesseen ture.+  Gara keessan kanan dhufe dadhabbii, sodaa fi hollannaa guddaadhaan ture;  kanan dubbadhee fi kanan isiniif lallabes jechoota ogummaa warra nama sossobaniin utuu hin taʼin, hafuuraa fi humna Waaqayyoo mulʼisuudhaan ture;+  kana kanan godhes, amantiin keessan ogummaa namootaa irratti utuu hin taʼin, humna Waaqayyoo irratti kan hundaaʼe akka taʼuufi.  Egaa namoota bilchaatoo gidduutti ogummaa dubbanna;+ taʼus, kan dubbannu ogummaa sirna* kanaa yookiin ogummaa bulchitoota sirna kanaa warra baduuf jiranii+ miti.  Kanaa mannaa, ogummaa Waaqayyoo isa iccitii qulqulluu keessa jiru,+ jechuunis ogummaa isa dhokataa isa inni sirna kana dura ulfina keenyaaf dursee murteesse sana dubbanna.  Bulchitoota sirna* kanaa keessaa ogummaa kana kan beeke tokko illee hin turre;+ utuu beekaniiru taʼee, silaa Gooftaa isa ulfina qabeessa taʼe sana hin ajjeesan* turan.  Haa taʼu malee, akkuma, “Wantoota Waaqayyo warra isa jaallataniif qopheesse, ijji hin argine, gurri hin dhageenye yookiin garaan namaa hin yaanne”+ jedhamee barreeffame taʼe. 10  Waaqayyo wantoota kana karaa hafuura isaa+ nutti mulʼiseera;+ sababiin isaas, hafuurri wantoota hundumaa, jechuunis wantoota Waaqayyoo warra gad fagoo taʼan illee ni qora.+ 11  Yaada nama tokkoo hafuura nama sana keessa jiru malee, namoota keessaa eenyutu beekuu dandaʼa? Haaluma wal fakkaatuun, hafuura Waaqayyoo malee, yaada Waaqayyoo namni beekuu dandaʼu hin jiru. 12  Nuti wantoota Waaqayyo gaarummaadhaan nuu kenne beekuu akka dandeenyuuf, hafuura addunyaa utuu hin taʼin, hafuura isa kan Waaqayyoo fudhanne.+ 13  Kana malees, wantoota kana kan dubbannu jechoota ogummaa namootaa irraa baranneen miti;+ kanaa mannaa, dhimmoota hafuuraa jechoota hafuuraatiin yommuu ibsinu,* dubbii hafuura irraa baranneen dubbanna.+ 14  Haa taʼu malee, namni foonii wantoota hafuura Waaqayyoo irraa dhufan hin fudhatu; sababiin isaas, wantoonni kun isaaf gowwummaa dha; hafuuraan kan qoraman waan taʼaniif inni isaan hubachuu hin dandaʼu. 15  Namni hafuuraa garuu waan hundumaa qora,+ taʼus inni nama kamiin iyyuu hin qoramu. 16  Sababiin isaas, “Akka inni isa barsiisuuf, eenyutu yaada Yihowaa* beeke?”+ Nuti garuu yaada Kiristoos qabna.+

Miiljaleewwan

Ykn., “bara.” Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “bara.” Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “muka irratti hin fannisan.”
Ykn., “jechoota hafuuraa wajjin yommuu walitti finnu.”