Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

CreativeDesignArt/DigitalVision Vectors via Getty Images

DAMMAQINAAN EEGAA!

Wal Qixxummaan Sanyii Dhugoomuu Kan Dandaʼu Akkamitti?—Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?

Wal Qixxummaan Sanyii Dhugoomuu Kan Dandaʼu Akkamitti?—Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?

 Namoonni hedduun sanyii namaa hunda ija tokkoon ilaaluun matumaa akka hin dandaʼamne itti dhagaʼama.

  •   “Sanyiidhaan wal qoqqooduun dhaabbilee, hawaasaa fi jireenya namootaa faalaa jira. Yeroo hundumaa wal caalmaan akka jiraatu gochuu isaa itti fufeera.”—Antooniyoo Guuterees, Barreessaa Olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii.

 Sanyii namaa hunda ija tokkoon ilaaluun ni dandaʼamaa? Kitaabni Qulqulluun maal jedha?

Waaqayyo Sanyii Hunda Ija Tokkoon Ilaala

 Kitaabni Qulqulluun Waaqayyo sanyii namootaa hundaaf ilaalcha akkamii akka qabu nu barsiisa.

  •   “[Waaqayyo] namoota saba hundumaa nama tokko irraa uumee guutummaa lafaa irra akka jiraatan godhe.”—Hojii Ergamootaa 17:26.

  •   “Waaqayyo akka hin loogne ani amma dhuguma hubadheera; kanaa mannaa, saba hundumaa keessaa namni isa sodaatuu fi wanta sirrii taʼe hojjetu isa biratti fudhatama qaba.”—Hojii Ergamootaa 10:34, 35.

 Kitaabni Qulqulluun namoonni hundi maatii tokko irraa akka dhufanii fi sanyiin ilmaan namootaa hundi Waaqayyo biratti fudhatama akka qaban ibsa.

Wal qixxummaan sanyii dhugoomuu kan dandaʼu akkamitti?

 Wal qixxummaan dhugoomuu kan dandaʼu bulchiinsa Mootummaa Waaqayyoo jalattidha. Bulchiinsi kun, namoonni namoota kaan karaa sirrii taʼeen qabuu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe barsiisa. Bulchiinsa kana jalatti namoonni jibba sanyii moʼuun kan dandaʼamu akkamitti akka taʼe baratu.

  •   “Jiraattonni lafa irraa waaʼee qajeelummaa ni baratu.”—Isaayyaas 26:9.

  •   “Buʼaan qajeelummaa dhugaa, nagaa, Firiin qajeelummaa dhugaas, tasgabbii fi boqonnaa dhaabbataa ni taʼa.”—Isaayyaas 32:17.

 Yeroo harʼaatti, namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman akkaataa namoota kaan kabajaa fi ulfinaan itti qaban Kitaaba Qulqulluurraa barachaa jiru.