Dhimma ijoo ta'etti seeni

Macaafa Qulqulluu Qorachuu Kan Qabnu Maaliifi?

Macaafa Qulqulluu Qorachuu Kan Qabnu Maaliifi?

Waa’ee Macaafa Qulqulluu beektaa? Hamma yoonaatti kitaabni akka Macaafa Qulqulluutti addunyaarratti baay’inaan raabsame hin jiru. Namoonni aadaa garaa garaa qaban, dhaamsi Macaafa Qulqulluu akka nama jajjabeessuufi abdii namaa kennu, akkasumas gorsa gaarii jireenyaaf ta’u akka qabate ni amanu. Haata’u malee, yeroo ammaatti namoonni hedduun waa’ee Macaafa Qulqulluu baay’ee hin beekan. Nama amantii akka gaariitti hordoftu taates ta’uu baattes, waa’ee macaafa kanaa beekuu barbaadda ta’a. Birooshurri kun, waa’ee Macaafa Qulqulluu beekumsa bu’uuraa akka argattu si gargaaruuf kan qophaa’edha.

MACAAFA QULQULLUU dubbisuu jalqabuukee dura, waa’ee macaafa kanaa wantoota tokko tokko beekuunkee si gargaara. Macaafni Qulqulluun, Caaffata Qulqullaa’oo jedhamees kan beekamu si’a ta’u, macaafota 66 kan qabateefi Seera Uumamaarraa jalqabee Mul’ata Yohannis ykn Appookaaliipsirratti kan xumuramudha.

Dhaamsi Macaafa Qulqulluu kan eenyuuti? Kun gaaffii xiyyeeffannaa namaa harkisudha. Caaffata Qulqullaa’oo kan barreessan namoota 40 si’a ta’an, macaafonni kun barreeffamanii hanga xumuramanitti waggaa 1,600 fudhateera. Kan nama ajaa’ibsiisu, namoonni kun dhaamsi Macaafa Qulqulluu kan keenya jedhanii hin dubbanne. Namoota macaafa kana barreessan keessaa tokko, “Caaffanni qulqullaa’aan hundinuu geggeessaa hafuura Waaqayyootiin caafame” jechuudhaan barreesseera. (2 Ximotewos 3:16) Inni kaanimmoo, “Hafuurri Waaqayyoo ana keessaan in dubbate, dubbiin isaa afaan koo keessa jira” jechuudhaan barreesseera. (2 Saamu’el 23:2) Akka kanaan namoonni macaafa kana barreessan, dhaamsi Macaafa Qulqulluu kan Yihowaa isa Bulchaa Olaanaa uumama cufaa ta’uusaa dubbataniiru. Namoonni macaafa kana barreessan, Waaqayyo ilmaan namootaa akka isatti dhihaatan kan barbaadu ta’uusaa ibsaniiru.

Macaafa Qulqulluu hubachuuf wanti barbaachisu garabiraanis jira. Caaffanni Qulqullaa’oon guutummaatti dhaamsa tokko dabarsu. Innis, Waaqayyo Mootummaa samiitti fayyadamee ilmaan namootaa bulchuuf mirga akka qabu kan ibsudha. Dhaamsi kun, guutummaa Macaafa Qulqulluurratti akkamitti akka ibsame, birooshura kana keessatti ni ilaalta.

Yaadawwan olitti ibsaman sammuutti qabachuudhaan, dhaamsa macaafa addunyaa maratti hunda caalaa beekamaa ta’e kanaa, jechuunis Macaafa Qulqulluu qoradhu.

^ key. 9 Baroonni karaa addaddaatiin ibsamuu danda’u. Birooshura kana keessatti Dh.K.B. jechuun, “Dhaloota Kiristos Booda” jechuu si’a ta’u, Dh.K.D. jechuunimmoo, “Dhaloota Kiristos Dura” jechuudha. Jechoonni gabaajeedhaan barreeffaman kun, dhuma fuula hundarratti caqasamuusaanii argita.