Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 01

Kitaabni Qulqulluun Si Gargaaruu kan Dandaʼu Akkamitti?

Kitaabni Qulqulluun Si Gargaaruu kan Dandaʼu Akkamitti?

Hundi keenya iyyuu waaʼee jireenyaa, waaʼee rakkinaa, waaʼee duʼaa fi waaʼee yeroo gara fuulduraa gaaffiiwwan hedduu gaafanna. Kana malees, wanta ittiin jiraannu argachuu ykn maatii gammachuu qabu qabaachuu dabalatee, dhimmoonni guyyaa guyyaa nu yaaddessu. Namoonni hedduun Kitaabni Qulqulluun gaaffiiwwan guguddaadhaaf deebii argachuuf kan isaan gargaaru qofa utuu hin taʼin, jireenya isaanii keessattis gorsa gaarii akka isaaniif kennu hubataniiru. Atoo Kitaabni Qulqulluun nama hundumaa gargaaruu dandaʼa jettee yaaddaa?

1. Kitaabni Qulqulluun gaaffiiwwan akkamiitiif deebii kenna?

Kitaabni Qulqulluun gaaffiiwwan guguddaa armaan gadiitiif deebii kenna: Jireenyi kan jalqabe akkamitti? Kaayyoon jireenyaa maali dha? Namoonni kan rakkatan maaliifi? Yeroo duunu eessa dhaqna? Namni hundi nagaa barbaada erga taʼee, waraanni kan baayʼate maaliifi? Lafti gara fuulduraatti maal taati? Kitaabni Qulqulluun gaaffiiwwan akkasiitiif deebii akka barbaannu nu jajjabeessa; namoonni miliyoonaan lakkaaʼamanis gaaffiiwwan kanneeniif deebii quubsaa argataniiru.

2. Kitaabni Qulqulluun jireenya keenyatti akka gammannu nu gargaaruu kan dandaʼu akkamitti?

Kitaabni Qulqulluun gorsa gaarii nuuf kenna. Fakkeenyaaf, maatiiwwan gammachuu dhugaa argachuu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe barsiisa. Kana malees, dhiphina dandamachuu fi hojii keenyatti gammaduu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ilaalchisee gorsa nuuf kenna. Kitaaba kana irratti mariʼachaa yommuu deemnu, Kitaabni Qulqulluun waaʼee dhimmoota kanaa fi kan biroo maal akka barsiisu baratta. Atis, kitaaba kana irratti erga mariʼattee booda, ‘Kitaabonni Qulqulluun hundi [wantoonni Kitaaba Qulqulluu keessa jiran hundi] faayidaa’ akka qaban mirkaneeffachuu dandeessa.—2 Ximotewos 3:16.

Kitaabni kun Kitaaba Qulqulluu kan bakka buʼu miti. Kanaa mannaa, ofuma keetii Kitaaba Qulqulluu akka qorattu si jajjabeessuuf kan qophaaʼe dha. Kanaafuu, caqasoota barumsawwan kana keessatti argaman akka dubbistuu fi wanta barachaa jirtuu wajjin wal bira qabdee akka ilaaltu si jajjabeessina.

CAALAATTI BARADHU

Kitaabni Qulqulluun namoota kan gargaaru akkamitti akka taʼe, dubbisuun akka si gammachiisu gochuu kan dandeessu akkamitti akka taʼee fi Kitaaba Qulqulluu hubachuuf gargaarsa argachuun kan si barbaachisu maaliif akka taʼe baradhu.

3. Kitaabni Qulqulluun nu qajeelchuu dandaʼa

Kitaabni Qulqulluun akkuma ibsaa humna guddaa qabuu ti. Murtoo gaarii gochuuf nu gargaara; akkasumas wanta gara fuulduraatti taʼu nutti hima.

Faarfannaa 119:105 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:

  • Barreessaan faarfannaa kanaa Kitaaba Qulqulluu akkamitti ilaala ture?

  • Atoo Kitaaba Qulqulluu akkamitti ilaalta?

4. Kitaabni Qulqulluun gaaffiiwwan keenyaaf deebii kenna

Dubartiin takka Kitaabni Qulqulluun gaaffiiwwan waggoota hedduudhaaf ishii dhiphisaa turaniif deebii akka kennu hubatteetti. VIIDIYICHA taphachiisaa, achiis gaaffiiwwan armaan gadii irratti mariʼadhaa.

  • Dubartiin viidiyicha irratti argamtu sun gaaffiiwwan akkamii qabdi turte?

  • Kitaaba Qulqulluu qoʼachuun kan ishii gargaare akkamitti?

Kitaabni Qulqulluun gaaffii akka gaafannu nu jajjabeessa. Maatewos 7:7 dubbisaa, achiis gaaffii armaan gadii irratti mariʼadhaa:

  • Gaaffiiwwan Kitaaba Qulqulluu irraa deebii isaa argachuu barbaaddu akkamii qabda?

5. Kitaaba Qulqulluu dubbisuun akka si gammachiisu gochuu dandeessa

Namoonni hedduun Kitaaba Qulqulluu dubbisuudhaan gammachuu argachaa fi irraa fayyadamaa jiru. VIIDIYICHA taphachiisaa, achiis gaaffiiwwan armaan gadii irratti mariʼadhaa.

  • Dargaggoonni viidiyicha irratti argaman dubbisuu ilaalchisee maaltu isaanitti dhagaʼama?

  • Dubbisuu kan hin jaallanne taʼus, Kitaaba Qulqulluu dubbisuun kan isaan gammachiisu maaliifi?

Kitaabni Qulqulluun qajeelfama nu jajjabeessuu fi abdii nuu kennu akka qabate dubbata. Roomaa 15:4 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

  • Waaʼee abdii caqasa kana keessatti ibsamee caalaatti beekuu barbaaddaa?

6. Warri kaan Kitaaba Qulqulluu akka hubannu nu gargaaruu dandaʼu

Namoonni hedduun Kitaaba Qulqulluu dhuunfaatti dubbisuu malees, warra kaanii wajjin irratti mariʼachuun faayidaa akka qabu hubataniiru. Hojii Ergamootaa 8:26-31 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

Namichi Itoophiyaa tokko Kitaabota Qulqulluu hubachuuf gargaarsi isa barbaachisee ture. Namoonni yeroo harʼaatti argaman hedduunis warra kaanii wajjin Kitaaba Qulqulluu irratti mariʼachuun faayidaa akka qabu hubataniiru

NAMOONNI TOKKO TOKKO AKKANA JEDHU: “Kitaaba Qulqulluu qoʼachuun yeroo gubuu dha.”

  • Atoo maal jetta? Maaliif?

MAAL BARATTE?

Kitaabni Qulqulluun gorsa jireenya keenyaaf taʼu kenna, gaaffiiwwan guguddaadhaaf deebii kenna, akkasumas jajjabinaa fi abdii kenna.

Irra Deebii

  • Kitaaba Qulqulluu irraa gorsawwan akkamii arganna?

  • Kitaabni Qulqulluun gaaffiiwwan akkamiitiif deebii kenna?

  • Kitaaba Qulqulluu irraa waaʼee maalii barachuu barbaadda?

Galma

QORANNOO DABALATAA GODHI

Gorsi Kitaaba Qulqulluu yeroo harʼaatti kan nu fayyadu akkamitti akka taʼe hubadhu.

“Barumsawwan Kitaaba Qulqulluu—Ogummaa Yeroon Itti hin Darbine” (Masaraa Eegumsaa Lakk. 1 2018)

Kitaabni Qulqulluun nama ijoollummaa isaatii kaasee miira isatti dhagaʼamuu wajjin walʼaansoo godhu akkamitti akka gargaare hubadhu.

Akkaataa Jireenyi Koo Inni Haaraan Itti Jalqabe (2:53)

Gorsa gaarii Kitaabni Qulqulluun maatii ilaalchisee kennu qoradhu.

“Iccitiiwwan Maatiin Akka Milkaaʼu Gargaaran 12” (Dammaqaa! Lakk. 2 2018)

Kitaabni Qulqulluun qaama addunyaa kana bulchu ilaalchisee ilaalcha dogoggoraa namoonni hedduun qaban kan sirreessu akkamitti akka taʼe baradhu.

Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuu kan Qabnu Maaliifi?—Guutuu Isaa (3:14)