Wangeela Maatewos 2:1-23

  • Namoonni urjii lakkaaʼan ni dhufan (1-12)

  • Gibxiitti baqachuu (13-15)

  • Heroodis ijoollee dhiiraa ajjeese (16-18)

  • Gara Naazireetitti deebiʼuu (19-23)

2  Bara Heroodis*+ Mootichaatti, Yesuus Beetaliheem+ ishii Yihudaatti erga dhalatee booda, namoonni urjii lakkaaʼan Baha irraa gara Yerusaalem dhufanii,  “Mootiin Yihudootaa+ inni dhalate eessa jira? Nuti yommuu Baha turretti urjii isaa waan argineef isaaf sagaduu dhufne” jedhan.  Heroodis Mootichii fi namoonni Yerusaalem hundi yeroo kana dhagaʼan baayʼee jeeqaman.  Heroodis dura buutota lubootaa fi barsiisota seeraa* sabichaa hundumaa walitti qabee Kiristoos* eessatti akka dhalatu isaan gaafate.  Isaanis akkana isaan jedhan: “Beetaliheem+ ishii Yihudaatti dhalata; kun kan taʼus raajiin tokko waaʼee isaa akkana jedhee waan barreesseefi:  ‘Yaa Beetaliheem ishii biyya Yihudaa, bulchaan saba koo Israaʼeliin tiksu+ si keessaa waan baʼuuf, ati matumaa bulchitoota Yihudaa gidduutti magaalaa hundumaa caalaa tuffatamtu hin taatu.’”  Achiis Heroodis namoota urjii lakkaaʼan sana dhoksaadhaan ofitti waamee, yeroo urjichi itti mulʼate sirriitti isaan irraa mirkaneeffate.  Yommuu Beetaliheemitti isaan ergus, “Dhaqaatii of eeggannoodhaan mucicha barbaadaa; yommuu isa argattan anis dhaqee akkan isaaf sagaduuf deebiʼaatii natti himaa” isaaniin jedhe.  Isaanis wanta mootichi isaanitti hime erga dhagaʼanii booda karaa isaanii itti fufan; urjiin yommuu Baha+ turan argan sunis bakka mucichi jiru gaʼee hamma dhaabbatutti isaan dura buʼee deema ture. 10  Urjicha yommuu arganis baayʼee gammadan. 11  Yommuu gara manaatti ol seenanis mucicha haadha isaa Maariyaamii wajjin argan, jilbeenfataniis isaaf ni sagadan. Akkasumas saanduqa isaanii bananii warqii, ixaana adii fi qumbii kennaa godhanii isaaf ni kennan. 12  Taʼus, gara Heroodisitti akka hin deebine Waaqayyo abjuudhaan+ waan isaan akeekkachiiseef, karaa kan biraatiin gara biyya isaaniitti deebiʼan. 13  Isaan erga achii deemanii booda, maleekaan Yihowaa* abjuudhaan+ Yoseefitti mulʼatee, “Kaʼi, mucichaa fi haadha isaa fudhadhuutii gara Gibxiitti baqadhu; Heroodis mucicha ajjeesuuf waan isa barbaaduuf, hamma ani sitti himutti achuma turi” isaan jedhe. 14  Kanaafuu, Yoseef kaʼee mucichaa fi haadha mucichaa fudhatee halkaniin gara Gibxii deeme. 15  Hamma Heroodis duʼuttis achuma ture. Kunis wanti Yihowaan* karaa raajii isaa, “Ilma koo Gibxii keessaa nan waame”+ jedhee dubbate akka raawwatamu godhe. 16  Heroodis namoonni urjii lakkaaʼan sun akka isa gowwoomsan yommuu hubatu baayʼee aare; kanaafuu, yeroo isa namoota urjii lakkaaʼan sana irraa sirriitti mirkaneeffate+ irratti hundaaʼee, namoota erguudhaan ijoollee dhiiraa Beetaliheemii fi koonyaawwan ishii keessa jiran warra umuriin isaanii waggaa lamaa fi isaa gad taʼe hundumaa ni ajjeesise. 17  Yeroo kanatti wanti karaa Ermiyaas raajichaa akkana jedhamee dubbatame ni raawwatame: 18  “Sagaleen booʼichaa fi wawwaannaa cimaan Raamaa keessaa ni dhagaʼame. Raahel+ ijoollee ishiitiif ni boosse; isaan waan dhumaniif jajjabaachuu hin dandeenye.”+ 19  Yeroo Heroodis duʼetti, kunoo, maleekaan Yihowaa* Gibxiitti abjuudhaan+ Yoseefitti mulʼatee, 20  “Warri lubbuu mucichaa balleessuu barbaadan waan duʼaniif, kaʼi, mucichaa fi haadha isaa fudhadhuutii gara biyya Israaʼelitti deebiʼi” isaan jedhe. 21  Kanaafuu, inni kaʼee mucichaa fi haadha mucichaa fudhatee gara biyya Israaʼelitti deebiʼe. 22  Haa taʼu malee, inni Arkelaawos bakka Heroodis abbaa isaa biyya Yihudaa bulchaa akka jiru waan dhagaʼeef achi dhaquu sodaate. Kana malees, Waaqayyo abjuudhaan akeekkachiisa waan isaaf kenneef,+ gara Galiilaa+ deeme. 23  Wanti karaa raajotaa, “Nama biyya Naazireet*+ jedhamee waamama” jedhamee dubbatame akka raawwatamuuf, gara magaalaa Naazireet+ jedhamtu dhufee achi jiraachuu jalqabe.

Miiljaleewwan

Kal., “barreessitoota.”
Ykn., “Masiihichi; Inni Dibame.”
Jecha Afaan Ibrootaa hiika “latuu” jedhu qabu irraa kan argame taʼuu dandaʼa.