Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Kiristiyaanonni Iddoowwan Qulqulluutti Waaqeffachuu Qabuu?

Kiristiyaanonni Iddoowwan Qulqulluutti Waaqeffachuu Qabuu?

WAGGAA waggaadhaan namoonni miliyoona jaʼaa ol taʼan, bosona gaattiraa Jaappaan keessatti iddoo Shiimaa Peninsuulaa jedhamutti argamu ni dhaqu. Gara Iddoo Qulqulluu Guddicha magaalaa Iisaatti argamuu fi waaqayyittiin aduu warra Shiintoo Amaateraasuu Omiikaamii jedhamtu waggoota kuma lamaaf itti waaqeffatamaa turte dhaqu. Waaqeffattoonni jalqaba harka isaanii dhiqachuu fi afaan isaanii lulluuqqachuudhaan of qulqulleessu. Achiis, iddoo qulqulluu sanaa bakka haayidan (galma waaqeffannaa) jedhamu dura dhaabatanii sirna waaqayyittiitiif sagaduu, harka walitti rukutuu fi kadhannaa dhiheessuudhaan raawwatamu irratti hirmaatu. * Amantiin Shintoo, hordoftoonni isaa amantii biraas akka hordofan ni heyyama; Budiistonni fi namoonni Kiristiyaana ofiin jedhan tokko tokko, akkasumas namoonni kaan iddoo qulqulluu kanatti sirna amantii Shintoo irratti hirmaachuun dogoggora akka hin taane isaanitti dhagaʼama.

Dhaabbileen amantii guguddaa addunyaa irratti argaman hedduun iddoowwan qulqulluu * kan qaban siʼa taʼu, namoonni miliyoona hedduutti lakkaaʼaman iddoowwan kana ni daawwatu. Biyyoota Kiristiyaanota ofiin jedhan hedduu keessatti, waldaalee fi iddoowwan qulqulluun Yesus, Maariyaamii fi qulqullootaaf ijaaraman hedduun jiru. Iddoowwan kaan immoo bakka seenaawwan Kitaaba Qulqulluu keessa jiran itti raawwataman ykn bakka dhiheenyatti “dinqiiwwan” itti raawwatamaniiru jedhaman ykn bakka hambaaleen amantii kaaʼamanitti hundeeffamaniiru. Namoonni baayʼeen gara iddoowwan qulqulluu kan deeman kadhannaan isaanii iddoowwan kanatti caalaatti akka isaaniif dhagaʼamu waan amananiifi dha. Namoonni kaan immoo, imala dheeraa amantii isaaniitiif kan of kennan taʼuu isaanii argisiisuuf godhan bakka itti xumuran akka taʼe yaadu.

Daawwattoota Iddoo Qulqulluu Guddicha Jaappaan, Iisaatti argamuu fi Giroottoo Maasaabiʼel, Faransaay Lordasitti argamu daawwachaa jiran

Kadhannaawwan iddoowwan qulqulluutti yoo dhihaatan caalaatti dhagaʼamuu fi deebii argachuu dandaʼuu? Waaqayyo namoonni gara iddoowwan qulqulluu deemuudhaan of kennuu isaaniitti ni gammadaa? Keessumaa Kiristiyaanonni iddoowwan qulqulluutti waaqeffachuu qabuu? Deebiin gaaffiiwwan kanaa waaqeffannaa iddoo qulqulluutti raawwatamuuf ilaalcha akkamii qabaachuu akka qabnu qofa utuu hin taʼin, waaqeffannaan Waaqayyoon gammachiisu kan akkamii akka taʼe hubachuuf nu gargaara.

“HAFUURAA FI DHUGAADHAAN” WAAQEFFACHUU

Yesus “hafuuraa fi dhugaadhaan” waaqeffachuu akka qabnu yeroo dubbatu maal jechuu isaa ture?

Mareen Yesus dubartii Samaariyaa tokkoo wajjin godhe ilaalcha Waaqayyo waaqeffannaa iddoowwan ‘qulqulluutti’ dhihaatuuf qabu nu hubachiisa. Yesus Samaariyaa keessa qaxxaamuree utuu deemaa jiruu boolla bishaanii magaalaa Siikaaritti dhihoo taʼe tokko biratti boqote. Achiis dubartii boollicha keessaa bishaan waraabbachuu dhuftee wajjin maree jalqabe. Yeroo haasaʼanitti dubartittiin garaa garummaa amantii guddaa Yihudootaa fi warra Samaariyaa gidduu jiru dubbatte. “Abboonni keenya gaara kana gubbaatti in sagadu; isin warri Yihudootaa immoo ‘Lafti itti Waaqayyoof sagaduun ta’u Yerusaalem keessa jira’ jettu” jette.—Yohannis 4:5-9, 20.

Gaarri dubartittiin waaʼee isaa dubbatte Tulluu Geriiziim isa kallattii kaabaatiin Yerusaalem irraa kiilomeetira 50 fagaatee argamu dha. Iddoo kanatti warri Samaariyaa mana qulqullummaa ayyaanota kan akka Faasikaa itti kabajan qabu turan. Yesus garuu garaa garummaa cimaa isaan gidduu jiru irratti xiyyeeffachuu mannaa, “Dubartii nana, yeroon itti isin gaara kana gubbaatti yookiis Yerusaalemitti abbaadhaaf hin saganne dhufuuf jira; na amani!” jedhe. (Yohannis 4:21) Namni Yihudii taʼe kun yaada akkasii dubbachuun isaa baayʼee nama dinqisiisa! Waaqeffannaan mana qulqullummaa Waaqayyoo Yerusaalem keessatti raawwatamaa ture kan dhaabatu maaliifi?

Yesus itti fufee, “Yeroon itti warri dhuguma sagadan, hafuuraa fi dhugaadhaan abbaadhaaf sagadan garuu in dhufa; innis ammuma iyyuu ga’eera. Abbaanis warra akkasitti isaaf sagadan in barbaada” jedhe. (Yohannis 4:23) Yihudoonni, jaarraawwan hedduudhaaf manni qulqullummaa bareedaan Yerusaalem keessa ture wiirtuu waaqeffannaa isaanii akka taʼetti ilaalaa turan. Waaqa isaanii Yihowaadhaaf aarsaa dhiheessuuf waggaatti siʼa sadii iddoo kana ni deemu turan. (Baʼuu 23:14-17) Yesus garuu, wanti kun akka jijjiiramuu fi “warri dhuguma sagadan,” “hafuuraa fi dhugaadhaan” akka waaqeffatan dubbate.

Manni qulqullummaa Yihudootaa mana ijaan mulʼatuu fi iddoo taʼe tokko ture dha. Hafuurrii fi dhugaan garuu wantoota ijaan mulʼatan miti; iddoo dhaabbataa taʼe tokkottis kan daangeffaman miti. Kanaaf, Yesus Tulluu Geriiziimis taʼe mana qulqullummaa Yerusaalem ykn iddoo qulqulluu kam iyyuu yoo taʼe, waaqeffannaan Kiristiyaanotaa mana ijaan mulʼatu tokko irratti ykn iddoo murtaaʼe tokko irratti kan hundaaʼe taʼuu akka hin qabne barsiisuu isaa ti.

Kana malees, Yesus maree dubartii Samaariyaa wajjin godhe irratti, “yeroon” akkaataa Waaqayyo itti waaqeffatamu irratti jijjiiramni itti godhamu akka ‘dhufu’ dubbateera. Yeroo kun yoomi? Yerichi yommuu Yesus aarsaa taʼee duʼuudhaan sirni waaqeffannaa Yihudootaa inni Seera Musee irratti hundaaʼe akka dhaabatu godhetti dhufeera. (Roomaa 10:4) Haa taʼu malee Yesus, “innis [yerichis] ammuma iyyuu ga’eera” jedheera. Kan akkas jedhe maaliifi? Masiihii taʼee bartoota ajaja inni “Waaqayyo hafuura; warri isaaf sagadanis hafuuraa fi dhugaadhaan isaaf sagaduun in taʼaaf” jechuudhaan kenneef ajajaman walitti qabuu jalqabee waan tureefi dha. (Yohannis 4:24) Hafuuraa fi dhugaadhaan waaqeffachuu jechuun maal jechuu dha?

Yesus waaʼee hafuuraan waaqeffachuu yeroo dubbatu, waaʼee miiraan geggeeffamanii waaqeffachuu dubbachuu isaa hin turre. Kanaa mannaa, waaʼee hafuura Waaqayyootiin geggeeffamuu dubbachuu isaa ture; hafuurri kun wantoota Kitaaba Qulqulluu akka hubannu nu gargaaran keessaa tokko dha. (1 Qorontos 2:9-12) Dhugaan Yesus waaʼee isaa dubbate immoo beekumsa Kitaaba Qulqulluu isa sirrii taʼe dha. Kanaafuu, waaqeffannaan keenya Waaqayyo biratti fudhatama akka qabaatu kan godhu, iddoo adda taʼe tokkotti raawwatamuu isaa utuu hin taʼin, barumsa Kitaaba Qulqulluu wajjin kan wal simuu fi hafuura qulqulluudhaan kan geggeeffamu taʼuu isaa ti.

ILAALCHA KIRISTIYAANONNI IDDOO QULQULLUUDHAAF QABAN

Kirstiyaanonni iddoowwan qulqulluu dhaquu fi achitti waaqeffachuuf ilaalcha akkamii qabaachuu qabu? Ajaja Yesus waaqeffattoonni dhugaan Waaqayyoon hafuuraa fi dhugaadhaan waaqeffachuu akka qaban kenne irraa kaʼuudhaan, Abbaan keenya inni samii waaqeffannaa iddoo qulqulluutti raawwatamuuf iddoo addaa akka hin kennine mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Kana malees, Kitaabni Qulqulluun waaqeffannaadhaaf waaqolii tolfamootti fayyadamuu ilaalchisee ilaalcha Waaqayyo qabu nutti hima. “Waaqayyolii tolfamaniif sagaduu irraa fagaadhaa,” akkasumas “waaqayyolii tolfaman irraa of eeggadhaa!” jedha. (1 Qorontos 10:14; 1 Yohannis 5:21) Kanaaf, Kiristiyaanni dhugaan tokko bakka iddoo qulqulluu akka taʼetti ilaalamutti ykn waaqayyoliin tolfaman waaqeffannaadhaaf oolanitti hin waaqeffatu. Kaayyoo iddoowwan qulqulluu itti hundeeffaman irraa kaʼuudhaan, Kiristiyaanni dhugaa tokko iddoowwan akkasiitti waaqeffachuu irraa ni fagaata.

Akkas jechuun garuu Dubbiin Waaqayyoo iddoo filatamaa tokkotti kadhachuu, qoʼachuu ykn xiinxaluu ni dhorka jechuu miti. Iddoon walgaʼii seera qabeessaa fi ulfina qabeessa taʼe wantoota hafuuraa barachuu fi irratti mariʼachuuf mijataa dha. Nama duʼe tokkoof yaadannoo akka taʼuuf siidaa kaaʼuunis dogoggora miti. Kun nama duʼe tokko yaadachuuf ykn jaalala isaaf qaban ibsuuf kan raawwatamu taʼuu dandaʼa. Bakkawwan akkasii akka iddoo qulqulluutti ilaaluunii fi fakkiiwwan ykn hambaawwan bakka kanatti argamaniif ulfina kennuun garuu wanta Yesus dubbatee wajjin guutummaatti kan wal faallessu dha.

Kanaaf, Waaqayyo kadhannaa koo caalaatti naa dhagaʼa jettee abdachuudhaan gara iddoowwan qulqulluu dhaquun si hin barbaachisu. Kana malees, gara iddoo qulqulluu waan deemtuuf Waaqayyo sitti hin gammadu ykn eebba addaas siif hin kennu. Kitaabni Qulqulluun Yihowaan inni ‘gooftaa waaqaa fi lafaa taʼe galma harki namaa ijaare keessa akka hin jiraanne’ dubbata. Akkas jechuun garuu Waaqayyo nu irraa fagoo dha jechuu miti. ‘Waaqayyo hunduma keenyattii fagoo waan hin taaneef,’ iddoo kamitti iyyuu yoo isa kadhanne kadhannaan keenya dhagaʼamuu dandaʼa.—Hojii Ergamootaa 17:24-27.

^ KEY. 2 Shintoon iddoowwan qulqulluu adda addaa kan qabu siʼa taʼu, sirni amantii iddoowwan kanatti raawwatamu garaa gara taʼuu dandaʼa.