Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Namoota Dhibee Sammuu Qaban Gargaaruu

Namoota Dhibee Sammuu Qaban Gargaaruu

KITAABNI QULQULLUUN AKKANA JEDHA: “Michuu dhugaan yeroo hundumaa jaalala argisiisa, inni obboleessa yeroo dhiphinaatiif dhalate dha.”—FAKKEENYA 17:17.

Maal Jechuudha?

Michuun keenya tokko dhibee sammuutiin yeroo dararamu salphaatti abdii kutanna taʼa. Taʼus, michuun keenya sun dhiphina isaa akka dandamatu gargaaruudhaan baayʼee akka isaaf yaannu argisiisuu dandeenya. Akkamitti?

Gorsi Kun kan Si Gargaaru Akkamitti?

‘Dhaggeeffachuuf ariifataa taʼi.’—YAAQOOB 1:19.

Karaa gaariin michuu kee gargaaruu itti dandeessu tokko yeroo haasaʼuu barbaadutti isa dhaggeeffachuudha. Yeroo dubbatu hundumaatti deebii kennuu akka qabdu sitti dhagaʼamuu hin qabu. Isa dhaggeeffachaa akka jirtuu fi akka isaaf yaaddu akka hubatu godhi. Miira isaa isaaf hubachuuf yaali, isa hin ceephaʼin. Wanta dubbachuu hin barbaannee fi booda itti gaabbu dubbachuu akka dandaʼu yaadadhu.—Iyyoob 6:2, 3.

‘Warra dhiphatan jajjabeessaa.’—1 TASALONQEE 5:14.

Michuun kee baayʼee dhiphatee ykn gatii akka hin qabne isatti dhagaʼamee taʼuu dandaʼa. Maal jechuu akka qabdu yeroo hin beeknettillee, akka isaaf yaaddu argisiisuudhaan isa jajjabeessuu dandeessa.

“Michuu dhugaan yeroo hundumaa jaalala argisiisa.”—FAKKEENYA 17:17.

Gargaarsa qabatamaa isaaf godhi. Akkamitti akka isa gargaartu akka beektu yaaduu mannaa gargaarsa akkamii akka barbaadu isa gaafadhu. Michuun kee wanta isa barbaachisu ibsuun kan isa rakkisu yoo taʼe, isa faana wanta isa fayyadu tokko gochuu akka dandeessu isaaf ibsuuf yaali; fakkeenyaaf, waliin taatanii miilaan deemuu akka dandeessan itti himi. Yookiinimmoo gabaa dhaquu, mana qulqulleessuu fi hojii kan biraa hojjechuurratti isa gargaaruu akka dandeessu itti himuu dandeessa.—Galaatiyaa 6:2.

‘Obsa argisiisi.’—1 TASALONQEE 5:14.

Michuun kee yeroo hunda haasaʼuuf fedhii qabaachuu dhiisuu dandaʼa. Yeroo inni dubbachuu barbaadutti isa dhaggeeffachuuf qophaaʼaa akka taate isaaf mirkaneessi. Dhibee isaatiin kan kaʼe wanta si gaddisiisu dubbachuu ykn raawwachuu dandaʼa. Beellama si wajjin qabate haquu ykn dafee aaruu dandaʼa. Gargaarsa isa barbaachisu yeroo isaaf gootu obsa qabaadhu, akkasumas miira isaa isaaf hubadhu.—Fakkeenya 18:24.

Deggersi Kee Baayʼee Isa Fayyaduu Dandaʼa

“Michuu yeroo hunda itti amanamtu ishiidhaaf taʼuun barbaada. Wanta rakkina ishiitiif furmaata taʼu qabaachuu baadhus, yeroo dubbattu hundatti ishii dhaggeeffachuufan yaala. Yeroo tokko tokko wanti ishii barbaachisu nama ishii dhaggeeffatu qofadha; sana booda miira gaarii qabaatti.”—Faaraa, a hiriyaan ishii rakkina nyaata nyaachuu wajjin walqabatee fi dhiphina sammuu cimaa taʼe qabdi.

“Michuun koo tokko nama gaarii fi warra kaan jajjabeessitudha. Mana ishiitti nyaata miʼaawaa qopheessitee na affeerti. Jaalala guddaa waan natti argisiistuuf, miira koo ishiidhaaf ibsuun naaf salphata. Akkas gochuun baayʼee na jajjabeessa!”—Haawuun, dhiphina sammuu cimaa taʼe qabdi.

“Obsi baayʼee barbaachisaadha. Haati manaa koo wanta na aarsu yeroo gootu, kun amala ishii akka hin taanee fi akkas akka gootu dhiibbaa kan ishiirratti godhu dhukkuba ishii akka taʼen of yaadachiisa. Kunis akkan hin aarree fi miira ishii akkan ishiidhaaf hubadhu na gargaareera.”—Jaakoob, haati manaa isaa dhiphina sammuu cimaa taʼe qabdi.

“Haati manaa koo deggersa guddaa naaf gooti, akkasumas na jajjabeessiti. Yeroo dhiphinni koo natti hammaatutti wantan gochuu hin barbaanne akkan godhu matumaa dhiibbaa narratti hin gootu. Kana jechuun yeroo tokko tokko wanta ishii gammachiisu gochuu hin dandeessu jechuudha. Jaalalaa fi arjummaa guddaa natti argisiistuuf oolmaa ishii deebisuu hin dandaʼu.”—Enriikoo, dhiphina sammuu qaba.

a Maqaawwan tokko tokko jijjiiramaniiru.