Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

JIBBA INJIFACHUUN KAN DANDAʼAMU AKKAMITTI?

1 | Loogii Irraa Fagaadhu

1 | Loogii Irraa Fagaadhu

Barumsa Kitaaba Qulqulluu:

“Waaqayyo [hin loogu]; kanaa mannaa, saba hundumaa keessaa namni isa sodaatuu fi wanta sirrii taʼe hojjetu isa biratti fudhatama qaba.”HOJII ERGAMOOTAA 10:34, 35.

Maal Jechuu Dha?

Yihowaan * lammummaa, sanyii, bifa ykn aadaa keenya irratti hundaaʼuudhaan nutti hin murteessu. Kanaa mannaa, wanta keessa keenya jiru irratti xiyyeeffata. Kitaabni Qulqulluun, “Namni wanta alaan mulʼatu ilaala; Yihowaan garuu garaa namaa ilaala” jedha.—1 Saamuʼel 16:7.

Maal Gochuu Dandeessa?

Wanta garaa namaa keessa jiru beekuu kan hin dandeenye taʼus, fakkeenya Waaqayyoo hordofuudhaan loogii irraa fagaachuu dandeenya. Namoota akka gareetti utuu hin taʼin, akka dhuunfaatti ilaaluuf carraaqqii godhi. Namoota sanyii ykn lammummaa sirraa adda taʼe qabaniif miira sirrii hin taane akka qabdu yoo hubatte, miira akkasii of keessaa baasuuf akka si gargaaru Yihowaa kadhadhu. (Faarfannaa 139:23, 24) Loogii irraa fagaachuuf akka si gargaaru Yihowaa cimsitee yoo kadhatte, inni kadhannaa kee akka dhagaʼuu fi akka si gargaaru mirkanaaʼaa taʼuu dandeessa.—1 Pheexiros 3:12.

^ key. 6 Yihowaan maqaa Waaqayyooti.—Faarfannaa 83:18.

“Sana dura nama adii . . . wajjin taaʼee nagaadhaan haasaʼee iyyuu hin beeku. Amma garuu kutaa maatii obbolummaa addunyaa maraa taʼeera.”—TAAYITAS