Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Meeshaa Elektirooniksiitti Ogummaadhaan Fayyadamaa Jirtaa?

Meeshaa Elektirooniksiitti Ogummaadhaan Fayyadamaa Jirtaa?

Jeeniin araada tapha viidiyootiin qabamteetti. “Guyyaatti saʼaatii saddeetiif kanan taphadhu siʼa taʼu, kunis rakkina natti taʼaa jira” jetteetti.

Deenis guyyaa torbaaf meeshaa elektirooniksii fi Intarneetii irraa fagaachuuf yaalee ture. Kana gochuu kan dandaʼe garuu saʼaatii 40f qofa ture.

Jeenii fi Deenis ijoollee umurii waggoota kurnanii keessatti argaman miti. Jeeniin ijoollee afur kan qabdu siʼa taʼu, umuriin ishee waggaa 40 dha. Deenis immoo waggaa 49 dha.

MEESHAALEE elektirooniksiitti ni fayyadamtaa? * Meeshaaleen elektirooniksii hojii, jireenya hawaasummaa, akkasumas bashannana irratti gaʼee guddaa waan qabaniif namoonni hedduun itti fayyadamu.

Haa taʼu malee, namoonni tokko tokko akkuma Jeenii fi Deenis meeshaalee elektirooniksiitti fayyadamuutti garmalee waan qabaman fakkaata. Fakkeenyaaf, Niikool isheen waggaa 20 taate akkana jetteetti: “Akkas jechuu kanan hin jaallanne taʼus, anaa fi moobaayiliin koo michuu dha. Yeroo hundumaa of biraa qabaachuu koo nan mirkaneeffadha. Naannoo neetwoorkiin hin jirre yoon deeme baayʼeen dhiphadha, akkasumas ergaan naa dhufuu isaa utuu hin ilaalin daqiiqaa soddoma turuu hin dandaʼu. Kun wanta nama ajaaʼibsiisu dha!”

Namoonni tokko tokko immoo ergaanii fi wanti haaraan jiraachuu isaa mirkaneeffachuuf halkan illee meeshaa elektirooniksii isaanii ni ilaalu. Meeshaa elektirooniksii michuu isaanii taʼe irraa yeroo gargar baʼan miirri isaanii ni jeeqama taʼa. Qorattoonni tokko tokko amalli akkasii araada meeshaalee elektirooniksiitiin, keessumaa immoo araada bilbila ammayyaatiin qabamuu akka taʼetti ilaalu. Kaan immoo amala akkasii jecha “araada” jedhutti fayyadamanii ibsuu mannaa, amala rakkisaa, hawwisiisaa fi barsiifata taʼu jedhanii ibsuu filatu.

Ibsi kennamuuf maal iyyuu yoo taʼe, meeshaalee elektirooniksiitti karaa sirrii hin taaneen fayyadamuun rakkina geessisuu dandaʼa. Yeroo tokko tokko, maatiin akka wal irraa fagaatu gochuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, shamarreen waggaa 20 tokko akkana jechuudhaan gadda ishee ibsiteetti: “Abbaan koo wanta jireenya koo keessatti taʼaa jiru hin beeku. Mana keessatti anaa wajjin dubbachaa utuu jiruu iimeelii barreessa. Bilbila isaa lafa kaaʼuu hin dandaʼu. Tarii abbaan koo naaf yaada taʼa; yeroo tokko tokko garuu haalli isaa akkas hin fakkaatu.”

Meeshaalee Elektirooniksii Irraa Yeroodhaaf Fagaachuu

Namoonni karaa sirrii hin taaneen meeshaalee elektirooniksiitti fayyadamuu irraa akka fagaatan gargaaruuf, biyyoonni akka Chaayinaa, Kooriyaa Kibbaa, Yunaayitid Kiingidamii fi Yunaayitid Isteetis, wiirtuuwwan namoonni Intarneetiitti fayyadamuu dhowwamanii guyyoota hedduudhaaf keessa turan hundeessaniiru. Fakkeenyaaf, haala Birat isa umuriin isaa waggaa 28 taʼee fi yeroo tokko Intarneetiitti fayyadamuudhaan guyyaatti saʼaatii 16f taphachaa akka ture dubbatee ilaali. “Yeroon Intarneetiitti fayyadamaa ture hundatti, dhiibbaa qoricha sammuu nama hadoochuu jala waanan jiru fakkaata ture” jedheera. Birat barsiifata isaa kana dhaabuuf jecha iddoo tajaajila Intarneetii itti dhowwaman yeroo galetti, hojii hin qabu ture; qulqullina isaa hin eegu ture; akkasumas michoota isaa dhabee ture. Wanta gaddisiisaa akkanaa irraa ooluu kan dandeessu akkamitti?

KARAA MEESHAA ELEKTIROONIKSIITTI ITTI FAYYADAMTU QORI. Dhiibbaa meeshaan elektirooniksii si irraan gaʼuu dandaʼu adda baasii beeki. Gaaffiiwwan kan akka armaan gadii of gaafadhu:

  • Tajaajila Intarneetii yeroon dhabuttii fi meeshaa elektirooniksiitti fayyadamuu yeroon hin dandeenyetti garmaleen aaraa?

  • Intarneetiitti ykn meeshaa elektirooniksiitti yeroon fayyadamu, yeroon dhaabuun qaba jedhee murteesse irra nan darbaa?

  • Ergaawwan barreeffamaa naaf ergaman ilaaluuf jecha hirriba gaʼaa dhabaan jiraa?

  • Akkaataan meeshaa elektirooniksiitti itti fayyadamu maatii koo akkan dagadhu gochaa jiraa? Miseensoonni maatii koo deebiin gaaffii kanaaf kennu irratti walii galuu?

Akkaataan ati meeshaalee elektirooniksiitti itti fayyadamtu, maatii kee fi itti gaafatamummaa kaan dabalatee “wantoota caalaatti barbaachisan” akka dagattu si taasisaa jira yoo taʼe jijjiirama gochuu qabda. (Filiphisiiyus 1:10, NW) Akkamitti?

DAANGAA SIRRII TAʼE KAAʼUU BARADHU. Wanti gaariin tokko illee yoo baayʼate miidhaa qabaachuu dandaʼa. Meeshaalee elektirooniksiitti kan fayyadamtu hojiidhaafis taʼe bashannanaaf, yeroo hammamiitiif fayyadamuu akka qabdu murteessi; achiis murtoo kee kana hojii irra oolchi.

Yaada si gargaaru: Miseensi maatii kee ykn michuun kee akka si gargaaru maalif hin gaafattu? Macaafni Qulqulluun akkana jedha: “Lama taʼuun kophaa taʼuu irra in wayya; inni tokko yoo kufe, hidhanni isaa lafaa isa in kaasa.”—Lallaba 4:9, 10.

Fedhiin meeshaalee kanatti fayyadamuuf qabdu “araadatti” akka si geessu hin heyyamin

Meeshaaleen elektirooniksii haaraan odeeffannoo argachuu fi dabarsuun caalaatti salphaa akka taʼuu fi saffisa akka qabaatu gochaa waan jiraniif, meeshaalee elektirooniksiitti karaa sirrii hin taaneen fayyadamuun babalʼachaa akka deemu hin shakkisiisu. Fedhiin meeshaalee kanatti fayyadamuuf qabdu “araadatti” akka si geessu hin heyyamin. ‘Yeroo keetti akka gaariitti itti fayyadamuudhaan,’ meeshaalee elektirooniksiitti karaa sirrii hin taaneen gargaaramuu irraa fagaachuu dandeessa.—Efesoon 5:16, NW.

^ KEY. 5 Mata duree kana keessatti yaadni “meeshaalee elektirooniksii” jedhu iimeelii, bilbila, ergaa barreeffamaa, viidiyoo, muuziqaa, taphaa fi suuraa dabalatee, meeshaalee odeeffannoodhaaf gargaaran kan argisiisu dha.