Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATADUREE FUULA JALQABAA

Nagaadhaan Waliin Jiraachuun Kan Dandaʼamu Akkamitti?

Nagaadhaan Waliin Jiraachuun Kan Dandaʼamu Akkamitti?

Firaankiifi Jeeriin ollaa nagaadhaan waliin jiraatan turan. Taʼus, afeerrii Jeeriin guyyaa tokko manasaatti qopheesseefi hamma halkaniitti ture michoomasaanii jijjiire. * Firaank waci namootaa akka isa jeeqe yeroo dubbatu, Jeeriinimmoo akkaataan Firaank itti dubbatu baayʼee isa aarse. Achiis wal qoccoluu kan eegalan siʼa taʼu, yerosii kaasee waliin oodan.

RAKKINNI Firaankiifi Jeerii mudate namoota kaanis ni mudata. Yeroo baayʼee namoota lama gidduutti garaagarummaan yommuu uumamu walitti aaruusaaniirrayyuu komii cimaa walirratti kaasu. Rakkinicha tasgabbiidhaan hiikuu baannaan michoomnisaanii addaan cituu dandaʼa.

Haalli akkasii si mudatee beeka taanaan haalichi si gaddisiisee akka ture beekamaadha! Baayʼeen keenya michootaafi olloota keenyaa wajjin nagaadhaan jiraachuu barbaanna. Taʼus, yeroo tokko tokko walitti buʼiinsi jiraatus nagaa uumuu kan dandeenyu akkamitti? Ilaalcha dogoggoraa moʼuufi nama miira keenya miidheef dhiifama gochuu ni dandeenyaa? Rakkina uumame karaa naga qabeessa taʼeen hiikuuhoo ni dandeenyaa?

Haala Firaankiifi Jeerii ilaali. Lamaansaanii wanta michoomasaanii diigu raawwataniiru: (1) Jeeriin Firaankiif akka yaadu hin argisiisne, (2) Firaank karaa Jeerii aarsuun miirasaa ibse, (3) lamaansaanii miirasaanii toʼachuu hin dandeenye, akkasumas (4) nagaa uumuuf carraaqqii hin goone.

Yeroo booda garuu, walitti buʼiinsa michoomasaanii booresse dhiisanii nagaa uumaniiru. Nagaa uumuuf kan isaan gargaare maalidha? Seera buʼuuraa yeroo walitti buʼiinsi uumamutti qofa utuu hin taʼin, erga walitti buʼiinsi uumamee boodas michoomnisaanii akka jabaatu godhu hojiirra waan oolchaniif ture.

Seerri buʼuuraa kun Macaafa Qulqulluu isa kitaabota addunyaa maratti argaman caalaa baayʼinaan raabsame keessatti argama. Macaafni kun amala nagaa uumuuf gargaaruufi miidhaan miiraa uumame akka fayyu godhu kan akka hubannaa, gaarummaa, jaalalaafi obsaa akka horannu nu jajjabeessa.—Fakkeenya 14:29; 1 Qorontos 13:4, 5.

Fakkeenyi Firaankiifi Jeerii, namoota hedduu Macaafni Qulqulluun akkaataa jireenyaasaanii jijjiire keessaa tokko qofadha. Macaafni kun, namoota amala gadhee qabaniifi amala kana dhiisan dabalatee jireenya namoota hedduu jijjiireera. Fakkeenyaaf, Roobarti inni Awustiraaliyaa jiraatu garmalee aaruu dhiisuu dandaʼeera. Neelsan inni Tiimoor Liistee jiraatummoo nama kanaan dura akka diinaatti ilaalaa turee wajjin michooma uumuu dandaʼeera. Macaafni Qulqulluun Roobartiifi Neelsaniin kan gargaare akkamitti? Barruun Dammaqaa! gaafannoo isaaniif godheera.

GAAFANNOO 1

ROOBART, mee haala keessatti guddatte nutti himi.

Maatii gammachuu hin qabne keessattan guddadhe. Abbaankoo baayʼee kan aaru yommuu taʼu yeroo baayʼee na reeba ture. Yeroo tokko tokko hamman dhiiguufi hamman of wallaalutti na reeba. Kanaan kan kaʼes, dafee aaruufi hammina raawwachuun jalqabe. Umrii waggoota kurnanii keessa yommuun turetti mana sirreessaa ijoolleetti waggaa lamaaf hidhameera. Achiis, yakka cimaa waanan raawwadheef mana sirreessaa eegumsa cimaa qabuttan hidhame. Yommuun hiikame jireenyakoo akka haaraatti jalqabuuf gara Awustiraaliyaan dhaqe.

Roobart ijoollummaasaatii kaasee kan aaruufi hammeenya raawwachaa kan ture siʼa taʼu, yeroo itti hidhames qaba ture

Achi dhaquun amalakee jijjiiruuf si gargaareeraa?

Amalakoo jijjiiruuf kan na gargaare achi dhaquukoo utuu hin taʼin, Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Macaafa Qulqulluu qayyabachuu kooti. Haataʼu malee yeroo sana boodas aariikoo toʼachuun na rakkisaa kan ture yommuu taʼu, yeroo baayʼee abdiin kutadha; akkan gatii hin qabnes natti dhagaʼama ture. Achiis guyyaa tokko Fakkeenya 19:11 isa, “Hubataa taʼuun dheekkamsaaf suuta nama jechisiisa, balleessaa irra namaaf darbuunis ulfina isaa ti” jedhurrattan yaade. Hubannaa akkasii argachuuf waanan hawweef wanta miira, dubbiifi gocha nama tokkoo duuba jirurratti yaaduun jalqabe. Kanaan kan kaʼes suuta suuta rakkina namaa hubachuu, obsa qabeessa taʼuufi dhiifama namaaf gochuu barachaan deeme.

Fakkeenya tokko nuu caqasuu dandeessaa?

Yeroo tokko utuun itti hin yaadin michuukoo tokko kanan aarse yommuu taʼu, innis namoota duratti na ceephaʼe. Yeroo kanatti baayʼeen qaanaʼe! Taʼus gorsa Macaafa Qulqulluu isa, “Namni hamaa yoo isin irratti hojjete, deebiftanii hamaa irratti hin hojjetinaa!” jedhun yaadadhe. (Roomaa 12:17) Erga inni tasgabbaaʼee booda kophaatti kanan isa haasofsiise siʼa taʼu, maatiisaa keessaatti rakkinni isa mudatee akka turen hubadhe. Achiis nu gidduu nagaan akka jiraatu gochuu kan dandeenye yommuu taʼu, yeroo booda jaakkeettii baayʼee bareedu naaf kenne. Akka durii dafeen aara utuun taʼee haala sanaan ennaa na haasofsiisu maal gochuu akkan dandaʼu yommuun yaadu baayʼee na rifaasisa.

Maatii keessatti rakkinni yommuu uumamu furmaata kan kennitu akkamitti?

Aniifi haati manaakoo ilma waggaa 20 kan qabnu yommuu taʼu, akkuma maatiiwwan kaanii yeroon itti walitti buunu jira. Taʼus Macaafni Qulqulluun “Dhiifama” gaafachuu dabalatee waan hedduu na barsiiseera. Dhiifama gaafachuun walitti buʼiinsa uumamuuf ture kan hambisu taʼuunsaa baayʼee nama ajaaʼibsiisa.

GAAFANNOO 2

NEELSAN, amma sitti dhihaachuun ulfaataa miti. Kanaan dura garuu baayʼee nama jibbita turte mitii?

Sirriidha! Yommuun dargaggeessa turetti miseensa garee siyaasaa faallaa mootummaa taʼe tokkoon ture. Garee siyaasaa naannoo ani keessa jiraadhu toʼachuu barbaadu tokkos baayʼeen jibban ture. Maarshaal aartii kanan baradhe yommuu taʼu nama na aarsu hunda rukutuun jalqabe.

Neelsan yeroo dargaggeessa turetti miseensa garee siyaasaa faallaa mootummaa taʼe tokkoo ture

Jijjiirama gochuuf wanti si kakaase maalidha?

Macaafa Qulqulluu barachuudhaan wantan baradhes hojiirra oolchuu kanan jalqabe yommuu taʼu, keessumaa wantoonni lama baayʼee na tuqan. Inni jalqabaa, “Waanuma namoonni akka isiniif godhaniif jaallattan, isinis akkasuma isaaniif godhaa” kan jedhudha. (Maatewos 7:12) Inni lammaffaanimmoo, “Nama akka mataa keetiitti jaallachuutu siif taʼa” kan jedhudha. (Maatewos 22:39) Dhugaa Baatonni Yihowaa Macaafa Qulqulluu na barsiisan, qomoo ykn akkaataa guddinaa akkamiiyyuu yoo qabaatan jaalala akka argisiisan hubadheera. Anis akkumasaanii taʼuun barbaade. Yeroo booda jaalala akkasii argisiisuu waanan jalqabeef, namoonni amalakoo durii beekan baayʼee kan ajaaʼibsiifatan taʼuusaarrayyuu na sodaachuus ni dhiisan.

Amala dur qabdu argisiisuuf qoramtee beektaa?

Bakkeetti na rakkisee beekuu baatus, yeroo tokko tokko mana keessatti aariikoo toʼachuun na rakkisa. Guyyaa tokko baayʼee waanan aareef haadha manaakoo nan rukute, achiis baayʼee natti dhagaʼame. Isheen garuu dhiifama kan naa goote yommuu taʼu, kunimmoo caalaatti miirakoo toʼachuuf akkan murteessu na godhe.

Namoonni si sodaachuu akka dhiisan dubbattee turte. Fakkeenya tokko nutti himuu dandeessaa?

Eeyyee. Guyyaa tokko Awugustoo isa miseensa garee siyaasaa ani jibbuufi olitti caqasee taʼee wajjinan wal arge. Jalqabarratti baayʼee na sodaatee ture. Taʼus miira hoʼaadhaan nagaa kanan isa gaafadhe yommuu taʼu, garaagarummaa gidduu keenya jiru irraanfachuu akka qabnu itti himeen mana kootti isa afeere. Afeerraakoo fudhatee manakoo kan dhufe siʼa taʼu, jijjiiramni ani godhe baayʼee waan isa ajaaʼibsiiseef, Macaafa Qulqulluu qayyabachuu jalqabe. Yeroo harʼaa aniifi Awugustoon michoota qofa utuu hin taʼin karaa hafuuraa obbolaadha.

‘Nama Hundumaa Wajjin Nagaadhaan Jiraadhaa’

Sababiin walitti buʼiinsi itti uumamu wal xaxaafi garaagara yommuu taʼu, carraaqqii nagaa uumuuf godhamu kan fudhatanis namoota hunda miti. Macaafni Qulqulluun gorsa, “Nama hundumaa wajjin nagaatti jiraachuudhaaf karaa keessan wanta dandaʼamu hundumaa godhaa!” jedhu kan kennu kanaafidha.—Roomaa 12:18.

Namoonni mataduree kana keessatti caqasaman, ogummaan Macaafa Qulqulluu keessatti argamu nama jijjiiruuf humna akka qabu kan mirkaneessan yommuu taʼu, kan heyyamnu taanaan ogummaan kun amala gadhee akka “daʼoo jajjabaa” taʼe balleessuu dandaʼa. (2 Qorontos 10:4) Ogummaa akkasii ilaalchisee Fakkeenyi 3:17, 18 akkas jedha: “Karaan ishee karaa namatti toluu dha, daandiin ishees daandii nagaa ti; isheen warra jabeessanii ishee qabataniif muka jireenyaa ti, warri jabeessanii ishee qabatan haa gammadan!”

Neelsaniifi Awugustoon yeroo harʼaa michoota gaarii waliif taʼaniiru

Atoo caalaatti gammachuu qabaachuufi nagaa uumuu ni barbaaddaa? Michooma yeroo qorumsaattillee matumaa hin cinne qabaachuuf ni hawwitaa? Taanaan, Macaafni Qulqulluun daandii kana waan sitti argisiisuuf barachuuf carraaqqii godhi.

^ key. 3 Maqaawwan jijjiiramaniiru.