Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

GAAFANNOO | WEENLOONGI HII

Hayyuun Fiiziksii Tokko Amantiisaa Ibse

Hayyuun Fiiziksii Tokko Amantiisaa Ibse

WEENLOONGI HIIN, jalqaba fiiziksii kan qoʼate, biyya Chaayinaa, Bulchiinsa Jiyaangisuu, magaalaa Suujootti ture. Dhaabbata teknoolojii barreeffamoota addunyaa maraa keessatti gulaalaa taʼee hojjeteera; kitaabota saayinsii hedduus barreesseera. Ammammoo, yunivarsiitii Istiraatkilayid jedhamuufi Iskootlaanditti argamu keessaa hojjeta. Dargaggummaasaatti jijjiirama tirannaatti amanaa kan ture taʼus, booda jireenyi uumamaan akka argame amaneera. Barruun Dammaqaa! waaʼee amantiisaa isa gaafateera.

Mee seenaa jireenyaakee nutti himi.

Bara 1963ttan dhaladhe. Kanan guddadhe Chaayinaa, bulchiinsa Jingaasuu, mandara kibba laga Yaangitizitti argamtu keessattidha. Naannichi gammoojjummaatti kan dhihaatu siʼa taʼu, oomisha nyaataatiin beekamaadha. Yeroo baayʼee ruuziifi qurxummiidhaan beekama. Ijoollummaa kootti baayʼee ajaaʼibsiifachuudhaan, ‘Uumamni nyaata miʼaawaa akkasii kan nuuf dhiheessu maaliifi? Kun hundi akka carraa argamee? Indaanqoomoo hanqaaquutu dura argame?’ jedheen of gaafadhan ture. Chaayinaatti, Waaqayyo akka hin jirre amanuun beekamaa waan taʼeef mana barumsaatti waaʼee jijjiirama tirannaa baradheen ture.

Waaʼee maatiikee hoo nutti himuu dandeessaa?

Warrikoo Waaqayyo akka jiru hin amanan turan. Haatikoo qonnaan bultuu siʼa taatu, abbaankoo immoo ogummaa ijaarsaa waan barateef dhaabbata ijaarsaa tokko hundeessee ture. Ijoolleesaanii shanan keessaa ani angafadha. Kan nama gaddisiisu garuu, obbolaakoo keessaa lamaansaanii ijoollummaa isaaniitti duʼan. Kunis baayʼee waan na gaddisiiseef, ‘Namoonni kan duʼan maaliifi? Obbolaakoo deebiʼee nan argaa laata?’ jedheen gaafachuu jalqabe.

Saayinsii maaliif baratte?

Wantoonni uumama keessatti argaman baayʼee waan na ajaaʼibsiisaniifi barnoonni fiiziksii gaaffiiwwan ijoollummaakootii kaasee sammuukoo keessa deddeebiʼaniif deebii akka naaf kennu waan natti dhagaʼameefan barachuu jalqabe.

Barnoota Fiiziksii keessaa damee isa kamirratti qorannaa geggeessita?

Saffisni wantoota xixiqqoo chaarjii elektiriikii of keessaa qabanii, saffisa ifaa wajjin hamma taʼe akka wal qixxaatu gochuurratti qorannaa godheera. Qorannaa kana kanan godhe caasaa atoomonni qaban baruufidha. Dambalii humna elektiroo maagineetawaafi carallaa ijaan hin argamne gidduu jirutti fayyadamuudhaan, carallaa humna guddaa qabu hojjechuufis qorannaa godheera. Qorannaan godhe buʼaa guddaa kan naaf argamsiisu taʼus, carraaqqiin hawwan akkamitti akka argame hubachuuf godhuu wajjinis kan wal qabatedha.

Macaafa Qulqulluutti kan amante akkamitti?

Bara 1998⁠tti, Dhugaa Baatonni Yihowaa lama manakoo dhufan. Deebii Macaafni Qulqulluun gaaffii kootiif kennu akka natti argisiisan natti himan. Haati manaakoo Huwaabii isheen damee saayinsii tokkorratti qorannaa gochaa turtes na faana turte. Macaafa Qulqulluu arginee kan hin beekne taʼus, gorsi gaariin achi keessa jiru baayʼee nu ajaaʼibsiiseera. Hiriyoonni gaaʼelaa dhufanii nu haasofsiisan, seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluu hojiirra oolchuudhaan faayidaa akkamii akka argatan hubanneerra. Jireenya gammachuu qabuufi salphaa taʼe jiraatu. Waaqayyoon ilaalchisee wanti Macaafni Qulqulluun jedhu hawaan uumamaan kan argame taʼuusaa deebiʼee akkan irratti yaadu na godheera. Qorataa fiiziksii waanan taʼeef hojiinkoo waaʼee uumamaa hubachuu ture. Kanaaf, dhugaawwan tokko tokko gad fageenyaan hubachuufan murteesse.

Qorataa fiiziksii waanan taʼeef hojiinkoo waaʼee uumamaa hubachuu ture. Kanaaf, dhugaawwan tokko tokko gad fageenyaan hubachuufan murteesse

Yeroo kanatti maalfaa hubatte?

Jalqaba, wantoonni baayʼinaan bakka tokkotti argaman, qaamni tokko yoo isaan gurmeesse malee ofiin gurmaaʼuu akka hin dandeenyen hubadhe. Kunis seera lammaffaa termoodaayinaamiiksii jedhama. Hawaaniifi lubbu qabeeyyiin akka gaariitti kan gurmmeeffaman waan taʼaniif, qaamni isaan gurmeesse jechuunis Uumaan jiraachuu qaba jedheen murteesse. Lammaffaarratti, hawaafi lafti kan uumaman jireenyi akka itti fufu gochuuf akka taʼe hubadheera.

Ragaa wanti hundi diizaayiniidhaan akka uumame argisiisu akkamii hubatte?

Jireenyi lafarratti argamu hundi humna aduurraa argamurratti kan hundaaʼedha. Humni kun bifa carallaatiin hawaa keessa adeema. Carallaan dambalii dheeraa qabu kun halluu addaddaa qabatee gara lafaa dhufa. Carallaa inni dambalii gabaabaa qabu gaammaa reeyis jedhama. Itti aansuudhaan akkuma dheerina dambaliisaaniitti Eksiree, altiraavaayoleetii, ifa mulʼatu, ifa ijaan hin mulʼanneefi maayikirooweevii kan jedhaman siʼa taʼu, hundasaanii caalaa inni dheeraa taʼe, raadiyoo weev jedhama. Kan nama ajaaʼibsiisummoo qilleensi naannoo lafaa carallaa nama miidhuu dandaʼan hedduu bifa balaqqeessaatiin kan ol deebisu siʼa taʼu, carallaa faayida qabeessa taʼemmoo gara lafaatti dabarsa.

Wanti kun baayʼee kan si dinqisiise maaliifi?

Seenaa Macaafa Qulqulluu waaʼee uumamaa dubbaturratti, ifa ilaalchisee ibsi kenname baayʼee na dinqisiiseera. Akkas jedha: “Waaqayyo, ‘Ifni haa taʼu!’ jedhe; ifnis in taʼe.” * Carallaa biftuurraa dhufu hedduu keessaa ijaan arguu kan dandeenyu baayʼee xinnoo taʼus, ifti jireenyaaf barbaachisaadha. Biqiltoonni nyaata qopheeffachuuf ifatti kan fayyadaman yommuu taʼu, nutis arguu kan dandeenyu ifni yoo jiraate qofadha. Qilleensi naannoo lafaa inni ifa biiftuu of keessa dabarsu akka tasaa kan argame miti. Kana malees, gara lafaa kan dhufu carallaa altiraavaayoleetii muraasa qofa taʼuunsaa kan nama ajaaʼibsiisudha.

Kun maaliif barbaachise?

Carallaan altiraavaayoleetii muraasni baayʼee barbaachisoodha. Fakkeenyaaf vitaamin ‘D’ isa fayyaa lafee qaama keenyaaf barbaachisaa taʼeefi kaansarii, akkasumas dhibee kaanirraa nu eegu kan argannu carallaa kanarraati. Taʼus, carallaan kun garmalee yoo baayʼate gogaan qaama keenyaa kaansariidhaan akka qabamuufi iji keenya moora ijaatiin akka uwwifamu godha. Qilleensi naannoo lafaa carallaa altiraavaayoleetii muraasa qofa of keessa dabarsuudhaan lafa akka gaʼu godha. Kunimmoo qaamni tokko lafti jireenyaaf mijataa akka taatu godhee kan uume taʼuusaa kan mirkaneessudha.

Yeroo booda aniifi Huwaabiin Uumaan akka jiru, Macaafa Qulqulluu kan barreessise isa akka taʼe amanuu dandeenyeerra. Bara 2005⁠tti Dhugaa Baatota Yihowaa kan taane yommuu taʼu, yeroo ammaa nutis Macaafa Qulqulluu namoota qayyabsiisuurratti hirmaachaa jirra.