Dhimma ijoo ta'etti seeni

KITAABNI QULQULLUUN JIREENYA NAMOOTAA NI JIJJIIRA

“Ani Amma Nama Gara Jabeessa Miti”

“Ani Amma Nama Gara Jabeessa Miti”
  • Bara Dhalootaa: 1973

  • Biyya Dhalootaa: Ugaandaa

  • Seenaa: Abbaa humnaa fi garmalee kan dhugu

JIREENYA KOO DURAA

 Kanan dhaladhe Ugaandaa koonyaa Gombaa jedhamu keessatti dha. Namoonni achi jiraatan hedduun baayʼee hiyyeeyyii turan. Magaalaan keenya ibsaa waan hin qabneef, galgala galgala kurraaziitti fayyadamna turre.

 Warri koo warri qotee bulaa turan Ugaandaa irraa gara Ruwaandaa galan. Bunaa fi muuzii oomishu turan; muuzii irraas dhugaatii beekamaa waaraagii jedhamu qopheessu turan. Kana malees warri koo indaanqoo, reʼee, booyyee fi loon horsiisu turan. Aadaan koo fi maatiin keessatti guddadhe haati manaa tokko yeroo hunda abbaa manaa ishiitiif ajajamuu fi matumaa yaada ishii ibsuu akka hin dandeenye akkan amanu na godheera.

 Yommuu umuriin koo waggaa 23 taʼutti gara Ruwaandaan deeme, achittis namoota umurii koo irratti argamanii wajjin gara mana shubbisaa deemuun jalqabe. Bulchaan sun kaardiin tola ittiin seenu waan naa kenneef isaan keessaa gara isa tokkoo yeroo baayʼeen deema ture. Kana malees fiilmiiwwan waraanaa fi jalʼina argisiisan ilaaluun na gammachiisa ture. Naannoon koo fi bashannanni ani filadhu abbaa humnaa taʼuu fi akka malee dhuguuf dhiibbaa na irratti godheera.

 Bara 2000⁠tti shamarree Skolaastiik Kaabaagwiraa jedhamtuu wajjin jiraachuun jalqabe; ijoollee sadiis qabna turre. Akkuman ijoollummaa kootii jalqabee baradhetti yommuu na dubbistu ykn yommuu waa na gaafattu na duratti akka jilbeenfattu ishii irraa eegaan ture. Qabeenyi maatii kootii hundi kan dhuunfaa koo akka taʼee fi yeroon barbaaddetti itti fayyadamuu akkan dandaʼu nan dubbadhan ture. Galgala galgala manaa baʼeen yeroo baayʼee machaaʼee halkan keessaa gara saʼaatii sagaliitti deebiʼa ture. Balbala yommuun rurrukutu haati manaa tiyya daftee naaf hin bantu taanaan ishiin reeban ture.

 Yeroo sanatti dhaabbata waardiyyaa dhuunfaa tokko keessatti itti gaafatamaan ture, mindaa gaariis nan argadhan ture. Skolaastiik kun akka na jijjiiru yaaduudhaan ishii wajjin gara waldaa Phenxeqostee akkan dhaqu na amansiisuuf yaalti turte. Ani garuu fedhii hin qabu ture. Kanaa mannaa, dubartii kan biraa wajjin jiraachuun jalqabe. Gara jabina koo fi amala koo isa hamaadhaan kan kaʼe Skolaastiik ijoollee keenya sadii fudhattee gara warra ishii dhaqxe.

 Michuun keenya maanguddoo taʼan tokko waaʼee akkaataa jireenyaa kootii na hasoofsiisan. Achiis gara Skolaastiikitti akkan deebiʼu na jajjabeessan. Ijoolleen koo warri babbareedoon ana abbaa isaanii irraa addaan baʼuun isaanii gaarii akka hin taane natti himan. Kanaafuu, bara 2005⁠tti dhugaatii dhuguu koo nan dhiise, dubartii sana dhiiseen Skolaastiikitti deebiʼe. Achiis bara 2006⁠tti wal fuune. Haa taʼu malee, yeroo kanatti haadha manaa koo nan reeba, akkasumas nan arrabsan ture.

KITAABNI QULQULLUUN KAN NA JIJJIIRE AKKAMITTI?

 Bara 2008⁠tti Dhugaa Baatuun Yihowaa Jooʼel jedhamu tokko mana keenya dhufe; anis wanta inni dubbatu nan dhaggeeffadhe. Innii fi Dhugaa Baatuun Bonaavenchar jedhamu yeroo hunda dhufanii na gaafatu turan; Kitaaba Qulqulluu irrattis marii balʼaa goona turre. Keessumaa waaʼee kitaaba Mulʼataa gaaffiiwwan hedduun isaan gaafadhe. Yeroo kanatti Dhugaa Baatonni Yihowaa sobduu taʼuu isaanii saaxiluuf yaalii gochaan ture. Fakkeenyaaf Mulʼanni 7:9 “tuutni uummataa guddaan . . . teessicha [kan Waaqayyoo] fi Hoolicha [Yesuus Kiristoos] dura dhaabbatanii” akka jiran utuma dubbatuu Dhugaa Baatonni Yihowaa garuu namoonni kun lafa irra jiraatu kan jedhan maaliif akka taʼen isaan gaafadhe. Jooʼel obsaan gaaffiiwwan kootiif deebii naa kenne. Fakkeenyaaf Isaayaas 66:1 bakka Waaqayyo lafti ‘ejjeta miila isaa’ akka taʼe itti dubbate natti argisiise. Dhuguma iyyuu tuutni guddaan teessoo Waaqayyoo dura lafa irra dhaabbataniiru. Anis Faarfannaa 37:29 isa qajeelonni bara baraaf lafa irra akka jiraatan dubbatu nan dubbise.

 Dhuma irrattis Kitaaba Qulqulluu qoʼachuuf waliin gale. Kanaafuu Bonaaveenchar Skolaastiikii fi ana qoʼachiise. Yommuu Kitaaba Qulqulluu qoʼannuttis kakaʼumsa jireenya koo irratti jijjiirama gochuuf na gargaarun argadhe. Haadha manaa koo ulfinaan qabuu nan baradhe. Kana booda yommuu nagaa na gaafattu ykn yommuu waa na gaafattu na duratti akka jilbeenfattu hin barbaadu; wanti maatiin koo qaban hundi kan dhuunfaa koo akka taʼe dubbachuus nan dhiise. Fiilmiiwwan hammina babalʼisan ilaaluus nan dhiise. Jijjiirama kana gochuun ulfaataa taʼuu isaa irra iyyuu of toʼachuu fi gad of qabuu gaafata.

Kitaabni Qulqulluun caalaatti abbaa manaa gaarii akkan taʼu na gargaareera

 Waggoota muraasa dura ilma koo isa angafa Kiristiyaan jedhamu maatii koo wajjin akka jiraatuuf Ugaandaatti isa geesseen ture. Keessa Deebii 6:4-7 ergan dubbisee booda garuu, anii fi haati manaa tiyya ijoollee keenya kunuunsuuf Waaqayyo duratti itti gaafatamummaa akka qabnu nan hubadhe; kun immoo seerawwan buʼuuraa Waaqayyoo isaan barsiisuu kan dabalatu dha. Yommuu ilma keenya gara manaatti fidnetti innis nutis baayʼee gammannee turre!

FAAYIDAAN ARGADHE

 Yihowaan Waaqa ooʼa qabeessa akka taʼen baradhe; inni ilaalchaa fi gocha koo isa duraaniitiif dhiifama akka naaf godhe nan amana. Haati manaa tiyya anaa wajjin Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu ishiitti baayʼee gammadeera. Yihowaadhaaf of murteessinee Muddee 4, 2010⁠tti cuuphamne. Yeroo ammaatti wal amanna, maatii keenya keessatti seera buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu hojii irra oolchuun keenyas nu gammachiisa. Hojii booda kallattiidhaan gara manaa dhufuu kootti haati manaa koo baayʼee gammaddi. Ishiinis kabajaa fi ulfinaan ishii qabuu koo ni dinqisiifatti; dhugaatii alkoolii dhiisuuf murtoo godheera, akkasumas amma ani gara jabeessa miti. Tiksee taʼee gumii koo gargaaruuf bara 2015⁠tti jaarsa gumiin taʼe. Ijoollee keenya shanan keessaa sadan isaanii cuuphamaniiru.

 Yommuun Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin qoʼachuu jalqabetti wanta isaan na barsiisan calluma jedhee hin fudhanne. Haa taʼu malee, gaaffiiwwan kootiif deebii naa kennuuf Kitaaba Qulqulluutti fayyadamuun isaanii na dinqisiisee ture. Skolaastiikii fi ani namoonni Waaqa dhugaa akka tajaajilan dubbatan wanta ofiif barbaadan qofa utuu hin taʼin, wanta Kitaabni Qulqulluun jedhu hundumaatiif ajajamuu akka qaban hubanneerra. Yihowaan ofitti waan na harkisee fi amma maatii hafuuraa isaa keessaa tokko taʼuu waanan dandaʼeef baayʼeen galateeffadha. Jireenya koo duubatti deebiʼee yommuun ilaalu, namni garaa qajeelaa qabu kam iyyuu gargaarsa Waaqayyootiin isa gammachiisuuf jijjiirama barbaachisu gochuu akka dandaʼu amaneera.