Dhimma ijoo ta'etti seeni

“Bilbila Kee Eegaan Ture”

“Bilbila Kee Eegaan Ture”

 Eedii fi haati manaa isaa Jeeniin bara 2010​tti yeroo jalqabaatiif bilbilaan dhugaa baʼuu eegalan. a Jeeniin akkana jetteetti: “Matumaa bilbiluu hin jaalladhu. Abbaa manaa kootiin, ‘Ani lammata hin bilbilun’ jedhe.” Eedittis miiruma akkasiitu dhagaʼama. Akkana jedheera: “Namoota daldalaaf bilbilaniif kaasuu waanan hin barbaanneef bilbilaan dhugaa baʼuu matumaa hin yaadu.”

 Yeroo KOOVIID-19 jalqabetti Dhugaa Baatonni Yihowaa manaa gara manaatti tajaajiluu ni dhaaban. Haa taʼu malee qajeelfama Yesuus misiraachoo lallabuu ilaalchisee kenneef ajajamuuf xalayaa barreessuu fi bilbilaan lallabuudhaan tajaajila irratti hirmaachuu isaanii itti fufaniiru. (Maatewos 24:14; 28:19, 20) Walgaʼii tajaajilaa dabalatee walgaʼiiwwan Kiristiyaanaa hundi karaa viidiyookonfiransii geggeeffama ture. Eed gaaf tokko walgaʼii tajaajilaarratti bilbilaan dhugaa baʼuuf yaale. Yeroo jalqabaatiif bilbiluuf yommuu jedhutti maaltu itti dhagaʼame? Akkana jedheera: “Baayʼee waanan sodaadheef nan kadhadhe. Achiis nan bilbile. Tayirooniin kanan argadhe yeroo kanattidha.” b

 Tayiroonii fi haati manaa isaa Eediiz baadiyyaa Kentaakii, Yuu.Eess.Ee. keessa jiraatu. Tayiroon umurii waggaa 83​tti dandeettiin arguu isaa dhabe. Taʼus afeerraa qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Eed dhiheesseef ni fudhate. Barreeffama qoʼannaaf qophaaʼee fuullee guddisee argisiisuun dubbisa; Eedii wajjin haala dhaabbataa taʼeen bilbilaan Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu jalqabe.

 Gara jiʼa tokkoo booda Tayiroonii fi Eediiz walgaʼii gumii naannoo isaaniitti argamu irratti argaman. Haa taʼu malee Intarneetii waan hin qabneef bilbilaan hirmaachuuf yaalan. Fedhii Eediiz kan kakaase maalidha?

 Eedii fi Jeniin yeroo Tayiroonii wajjin qoʼatanitti Eediiz deebii Tayiroon kennuuf Kitaaba Qulqulluu irraa caqasoota baasuu gargaarti turte. Haa taʼu malee, qoʼannaadhaaf fedhii akka qabdu hin argisiistu turte. Jeniin akkana jetteetti: “Sagalee ishiirraa miirri gaddaa kan mulʼatu taʼus, anis taʼe Eed sababa isaa beekuu hin dandeenye.”

Eedii fi Jeniin bilbilaan yeroo lallaban

 Guyyaa tokko Jeniin Eediiziin haasofsiisuu akka qabdu ishiitti dhagaʼame. Yeroo mijataa taʼetti Eed bilbila akkan ishiitti kennu na gaafatte. Akkana jette: “Tayiroon, sagalee haadha manaa kee waanan dhagaʼu natti fakkaata caqasa akka dubbistu ykn yaada akka kennitu ishii afeeruun barbaada.”

 Takka erga turtee booda Eediiz bilbilaan dubbachuu jalqabde. Sagalee laafaadhaan “Si haasofsiisuu barbaadeen tureyyuu” jetteen. Achiis, “Ani Dhugaa Baatuu Yihowaati. Waggaa 40f qabbanaaʼeera” jette.

 Jeniin baayʼee ajaaʼibsiifamte. “Obboleettii koo!” jetteen lamaan isaaniyyuu booʼuu jalqaban.

 Utuma baayʼee hin turin, Eed Eediiziif birooshura Gara Yihowaatti Deebiʼi jedhamu kennite. Torbeewwan sana booda jiranitti Eedii fi Jeniin jijjiirama guddaa Eediiz irratti arganiiru. Eed akkana jedheera: “Jalqabarratti sagalee ishii irraa gadda guddaatu dhagaʼama ture. Amma garuu sagalee gammachuutu dhagaʼama.” Eediiz karaa hafuuraa jijjiirama guddaa kan goote yeroo taʼu, amma deebitee babalʼistuu misiraachichaa gammachuu qabdu taateetti. Abbaan manaa ishii Adoolessa 2022 cuuphamee Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼe.

 Eed ilaalcha inni kanaan dura bilbilaan lallabuuf qabu yeroo yaadu, maree Tayiroonii wajjin godhes ni yaadata. Eed Yohaannis 6:44 erga dubbisee booda Yihowaan namoota gara dhugaatti akka harkisu kan ibse yeroo taʼu Tayiroon yaadicha irratti walii galuudhaan itti dabalee, “Bilbila kee eegaan ture” jedhe. Jeniinis abbaan manaa ishii ija jabina argatee bilbilaan lallabuurratti hirmaachuu isaatti gammaddeetti. Jeniin, “Yihowaan carraaqqii akkanaa ni eebbisa” jetteetti.

a Dhugaa Baatonni Yihowaa tajaajila isaanii yommuu raawwatanitti seera odeeffannoo ilaalchisee baʼe ni eegu.

b Maqaawwan tokko tokko jijjiiramaniiru.