Dhimma ijoo ta'etti seeni

Yeroo Weerara Dhibeetti Lallabuu Isaanii Itti Fufaniiru

Yeroo Weerara Dhibeetti Lallabuu Isaanii Itti Fufaniiru

 Yeroo weerarri dhibee Kooviid 19 jiru kanatti obboloonnii fi obboleettonni keenya malawwan itti ergaa Kitaaba Qulqulluu nama jajjabeessu warra kaaniif hiran irratti jijjiirama godhaniiru. Bakka namoonni baayʼatanitti ykn manaa gara manaatti deemanii lallabuu mannaa bilbilaa fi xalayaadhaan ergaa isaanii namootatti himaniiru. a Namoonni hedduun carraaqqii godhamu kana dinqisiifataniiru; Yihowaan akka eebbises hubachuun ni dandaʼama. (Fakkeenya 16:3, 4) Muuxannoo odola tokko irraa argame haa ilaallu.

 Weerarri dhibee uumamuu isaa dura Heelan yeroo yeroodhaan deemtee dubartii tokko Kitaaba Qulqulluu akka qoʼattu afeerti turte. Dubartiin kun yeroo hunda afeerricha ni diddi turte. Kooviid 19 ilaalchisee manaa akka hin baane dhorkaan baʼuu isaa guyyaa tokko dura Heelan Kitaaba Qulqulluu fi barreeffama Kitaabni Qulqulluun Maal Nu Barsiisa? jedhu kenniteef. Yommuu manaa akka hin baane dhorkame kanatti Heelan Kitaaba Qulqulluu akka qoʼattu dubartittii ammas kan affeerte siʼa taʼu, qoʼannichas bilbilaan akka geggeessan ibsiteef. Yeroo kanatti dubartittiin afeerricha ni fudhatte. Maree godhanitti baayʼee kan gammadde yommuu taʼu guyyaa guyyaadhaan qoʼachuu akka barbaaddu Heelanitti himte! Walgaʼii Kiristiyaanaa irrattis dhaabbataadhaan bilbilaan hirmaachuu jalqabde. Hunda caalaa immoo, wanta Kitaabni Qulqulluun barsiisu hojii irra oolchuu malees wanta baratte warra kaaniif hiruu jalqabde.

 Dhugaa Baatonni gumii tokko keessa jiran akka naannoo tajaajilaa isaaniitti ilaaluudhaan tajaajila bakka guddaa qabu waan raawwataniif akka isaan dinqisiifatan ibsuudhaan poolisoota hawaasicha keessatti argamaniif barreessan. Xalaayaawwan kunneen poolisoota baayʼee ajaaʼibsiisan Poolisiin tokko jaarsa gumii Jeefarsan jedhamuun akkana jedheera: “Dhugaa Baatonni Yihowaa poolisoota kan jibban natti fakkaata ture.” Jaafarsan kun dhugaa akka hin taane poolisichaaf akka gaariitti ibse. Poolisoonni ergaa gaarii kanatti baayʼee waan gammadaniif xalayaawwan kunneen dallaa buufata poolisii irratti maxxansan. Poolisii kan biraan tokko, “Kun warri kaanis ilaalcha gaarii akka nuuf qabaatan isaan gargaara” jedheera.

 Ednaa fi Edinaaliin qajeelchitoota yeroo hundaa ti. b Mana isaanii Intarneetiin waan hin jirreef viidiyoodhaan gumii hirmaachuu hin dandaʼan. Kanaaf ollaa isaanii Dhugaa Baatuu hin taanetti bilbiluudhaan Waayifaayii (Wi-Fi) isaanii wajjin wal qabsiisuudhaan itti fayyadamuuf, akkasumas baasii godhamuuf buusii akka godhan gaafatan. Dubartittiinis kaffaltii malee akka itti fayyadaman isaaniif heyyamte. Ednaa fi Edinaaliin walgaʼicha akka ilaaltu yommuu ishii affeeran irratti hirmaatte. Yeroo ammaatti dubartittiin, ilmi ishii fi ijoollee ijoollee ishii keessaa immoo shamarran lama Dhugaa Baatotaa wajjin Kitaaba Qulqulluu qoʼachaa kan jiran yommuu taʼu walgaʼiiwwan Kiristiyaanaa irrattis dhaabbataadhaan argamu.

 Obboloonnii fi obboleettonni gumichaa olloota, namoota wajjin hojjetanii fi warri kaan haasaa sabaa viidiyoodhaan dhihaatu akka hordofan affeeran. Elaayin hospitaala keessaa kan hojjettu yommuu taʼu jalqaba irratti namoota ishii wajjin hojjetan afeeruu mamtee turte. Doktooronni tokko tokko Dhugaa Baatotaaf ilaalcha gaarii akka hin qabne gootee yaaddee turte. Taʼus doktoorota hospitaalichaa hojjetaniif bilbilaan barreessitee affeerraa ergite. Elaayin keessumaa doktoorota hiriyoota gaaʼelaa taʼan tokko affeeruuf baayʼee mamtee turte. Haa taʼu malee, dhimmicha irratti yaaduudhaan kadhannaa erga dhiheessitee booda affeerricha bilbilaan isaaniif ergite. Haati manaa, “Dhugaa Baatuu Yihowaa akkan taʼu barbaaddemoo?” jettee isheedhaaf deebiste. Elaayin walgaʼicha irratti namni Dhugaa Baatuu Yihowaa hin taanes argamuu akka dandaʼu ishiitti himte. Guyyaa itti aanu hiriyoonni gaaʼelaa sun walgaʼicha irratti hirmaachuuf dursanii akka seenan yommuu argitu Elaayin baayʼee dinqisiifatte. Elaayin akkana jette: “Walgaʼichi xumuramuu isaa dura ergaan akkana jedhu haadha manaa isaa irraa na gaʼe: ‘Walgaʼii Dhugaa Baatota Yihowaa irratti yeroo jalqabaatiif hirmaachuu kooti. Baayʼee gaarii dha. Na gammachiiseera. Na affeeruu keetiif baayʼeen si galateeffadha.’”

Elaayin

 Elaayin doktoroota 20 kan affeerte yommuu taʼu isaan keessaa 16 hirmaachuu isaanii yommuu argitu baayʼee gammadde. Yaada Phaawulos caqasuudhaan akkana jetteetti: “‘Ija jabina argadhee’ ‘misiraachoo Waaqayyoo’ namootan wajjin hojjedhuuf hiruu kootti baayʼeen gammada.”—1 Tasalonqee 2:2.

 Weerarri dhibee namoota hundaaf baayʼee rakkisaa ture. Haa taʼu malee, obboloonnii fi obboleettonni keenya odola kana irras taʼe biyyoota biroo jiraatan wanta isaaniif dandaʼame hunda gochuudhaan namoota kaan jajjabeessaniiru; gammachuu isaanii eeguu fi ilaalcha sirrii qabaachuus dandaʼaniiru.—Hojii Ergamootaa 20:35.

a Dhugaa Baatonni Yihowaa tajaajila isaanii yommuu raawwatanitti seera odeeffannoo ilaalchisee baʼe ni eegu.

b Qajeelchitoota jechuun Kiristiyaanota yeroo isaanii guutuu tajaajilaani dha.