Dhimma ijoo ta'etti seeni

Dhugaa Baatonni Yihowaa Amantii Isaanii Wajjin Akka Wal Simu Gochuuf Macaafa Qulqulluu Ni Jijijjiiruu?

Dhugaa Baatonni Yihowaa Amantii Isaanii Wajjin Akka Wal Simu Gochuuf Macaafa Qulqulluu Ni Jijijjiiruu?

 Lakki. Tasumaa akkas hin goonu. Kanaa mannaa, wanti nuti itti amannu Macaafa Qulqulluu wajjin kan wal hin simne yeroo taʼetti, yeruma sana jijjiirama gooneerra.

 Macaafa Qulqulluu qoruu kan jalqabne bara 1950tti Macaafa Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa maxxansuu jalqabuu keenya duradha. Hiikkaa Macaafa Qulqulluu arganne hundatti fayyadamaa kan turre siʼa taʼu, amantiin keenya akka isaa wajjin wal simus gooneerra. Wantoota Dhugaa Baatonni Yihowaa durii kaasanii itti amanan keessaa muraasa akka fakkeenyaatti ilaaluudhaan, Macaafa Qulqulluu wajjin kan wal simaniifi hin simne taʼuusaanii ofuma keetii murteessi.

  1.   Wanta itti amannu: Waaqayyo sillaasee miti. Barruun Zaayansi Waachtaawar, Adoolessa 1882tti maxxanfame akkas jedha: “Dubbistoonni keenya Yihowaafi Yesusitti, akkasumas hafuura qulqulluutti akka amannu, haataʼu malee barumsi qaama tokko keessa Waaqa sadiitu jira ykn akka namoonni tokko tokko jedhanitti immoo qaamota sadii keessa Waaqa tokkotu jira jedhu deggersa Macaafa Qulqulluu kan hin qabne waan taʼeef akka nuti hin fudhanne beeku.

      Macaafni Qulqulluun maal jedha? “Waaqayyo gooftaan keenya Waaqayyo isa tokkicha.” (Keessa Deebii 6:4) “Nuuf garuu Waaqayyo tokkichatu jira; innis abbaa, isa waan hundumaa uume, isa nuyi maqaa isaatiif jiraannus.” (1 Qorontos 8:6) Yesusiyyuu, “Abbaan na caala’o” jedheera.​—Yohannis 14:28.

  2.   Wanta itti amannu: Ibidda qilillee keessatti barabaraaf gubachuun hin jiru. Barruun Zaayansi Waachtaawar maxxansa Waxabajjii 1882rratti, mata duree Roomaa 6:​23 irratti hundaaʼeefi “Beenyaan nama cubbuu hojjetuu duʼa” jedhu qabatee baʼee ture. Mata duree kanarratti akkas jedheera: “Himni kun salphaafi ifa dha. Namoonni Macaafni Qulqulluun Dubbii Waaqayyoo akka taʼetti dubbatan baayʼeen hima sirrii taʼe kana mormuu itti fufuunsaanii, akkasumas Macaafni Qulqulluun Beenyaan cubbuu barabaraaf ibidda qilillee keessattii gubachuudha jedhee barsiisa jedhanii akka amanan afaan guutanii dubbachuunsaanii nama dinqisiisa.

      Macaafni Qulqulluun maal jedha? “Lubbuun isa cubbuu hojjetuu haa duʼu.” (Hisqiʼel 18:​4, 20) Adabni xumuraa namoota Waaqayyoon mormanii, ibidda qililleedhaan barabaraaf gubachuu utuu hin taʼin, ‘badiisa barabaraati.’​—2 Tasaloniiqee 1:9.

  3.   Wanta itti amannu: Mootummaan Waaqayyoo bulchiinsa dhugaadha malee haala garaa nama tokkoo kan argisiisu miti. Barruun Zaayansi Waachtaawar Muddee 1881tti maxxanfame Mootummaa Waaqayyoo ilaalchisee akkas jedheera: “Wantoota mootummaan kun godhu keessaa tokko mootummoota addunyaarra jiran hunda balleessuudha.”

      Macaafni Qulqulluun maal jedha? “Bara mootota sanaatti Waaqayyo inni waaqa irraa mootummaa deebiʼee matumaa hin badne, isa mo’ichi isaas saba biraatti hin darbine dhaabuuf jira; inni mootummoota sana hundumaa caccabsee in hurreessa, badduus isaan in baasa; ofii isaatii immoo bara baraan jabaatee in dhaabata.”​—Daaniʼel 2:​44.

Dhugaa Baatonni Yihowaa amantiisaanii ittiin deggeruuf Macaafa Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraatti fayyadamuu?

 Lakki. Hojii lallabaa keenyarratti hiikkaawwan Macaafa Qulqulluu kan biroottis fayyadamaa jirra. Akkuma Macaafa Qulqulluu tola qayyabsiisnu, Macaafa Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa kaffaltii malee namootaaf kan kenninu yommuu taʼu, namoota hiikkaawwan Macaafa Qulqulluu kan biraatti fayyadamanii qayyabachuu barbaadanii wajjinis qayyabachuun nutti tola.