Dhimma ijoo ta'etti seeni

GARGAARSA MAATIIDHAAF TAʼU | IJOOLLEE GUDDISUU

Ijoolleen Keessan Oduuwwan Nama Jeeqan Akka Dandamatan Gargaaraa

Ijoolleen Keessan Oduuwwan Nama Jeeqan Akka Dandamatan Gargaaraa

 Oduuwwan nama jeeqanii fi viidiyoodhaan qophaaʼan, televizyiniidhaan, moobaayilii, taableetii fi kompiitaraan argachuun ni dandaʼama.

 Ijoolleenis oduuwwan kana ni ilaalu.

 Ijoolleen keessan oduuwwan kanaan akka hin jeeqamne gargaaruu kan dandeessan akkamitti?

 Oduuwwan ijoollee irratti dhiibbaa kan godhan akkamitti?

  •   Ijoollee hedduun wantoota suukanneessaa oduu irratti arganiin baayʼee jeeqamu. Ijoolleen tokko tokko miira isaanii ifatti hin dubbatan taʼa, taʼus oduu suukanneessaan isaan dhagaʼan baayʼee isaan jeequu dandaʼa. a Warri isaanii garmalee kan dhiphatan yoo taʼe immoo, dhiphinni isaanii ittuma caalaa deemuu dandaʼa.

  •   Ijoolleen wanta oduudhaan argan dogoggoraan hubatu taʼa. Fakkeenyaaf, ijoolleen tokko tokko wanti isaan argan maatii isaanii irras gaʼuu akka dandaʼu yaadu. Ijoolleen viidiyoo nama jeequ irra deddeebiʼanii ilaalan, wanti sun irra deddeebiʼamee akka raawwatamu yaaduu dandaʼu.

  •   Ijoolleen oduuwwan akkasiitiif ilaalcha sirrii qabaachuun isaan rakkisa taʼa. Dhaabbileen oduu gabaasan kun, hammuma namni dabalataa gabaasa isaanii ilaale, hammasuma qarshii dabalataa akka argatan hin beekan taʼa. Kanaaf, gabaasni tokko kan dhihaatu karaa xiyyeeffannaa namootaa kakaasuun taʼuu dandaʼa.

 Ijoolleen keessan oduuwwan nama dhiphisan akka dandamatan gargaaruu kan dandeessan akkamitti?

  •   Ijoolleen keessan oduu suukanneessaa hammam ilaaluu ykn dhaggeeffachuu akka qaban daangessaa. Kana jechuun garuu, ijoolleen keessan wanta addunyaa irratti raawwatamaa jiru beekuu hin qaban jechuu miti. Oduuwwan nama jeeqan irra deddeebiʼanii dhaggeeffachuun garuu wanta isaan fayyadu hin qabu.

     “Yeroo tokko tokko ijoollee keenya warra nu dhagaʼaa jiran irratti dhiibbaa akkamii akka geessisu utuu hin hubatin waaʼee oduuwwanii balʼinaan haasofna.”—Maariyaa.

     Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Yaaddoon garaa namaa keessa jiru gad isa qaba.”—Fakkeenya 12:25.

  •   Obsaan isaan dhaggeeffadhaa, akkasumas gara laafinaan isaaniif deebisaa. Ijoolleen keessan waaʼee taʼee sanaa dubbachuun kan isaanitti ulfaatu yoo taʼe, fakkiidhaan akka ibsan isaanitti himuu dandeessu. Jechoota ijoolleen keessan hubachuu dandaʼanitti fayyadamuudhaan, wanta isaan yaaddessu irratti mariʼadhaa; haa taʼu malee taʼee sana ilaalchisee wanta beekuun isaan hin barbaachisne irratti hin mariʼatinaa.

     “Intalli keenya erga ishii wajjin teenyee irratti mariʼannee booda waan tasgabboofte fakkaatti. ‘Kun waanuma jiru dha, nutu itti baruu qaba’ jechuun wanta ishii gargaaru hin qabu.”—Saaraahii.

     Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Dhaggeeffachuuf ariifataa, dubbachuuf suuta jedhaa [taʼaa].”—Yaaqoob 1:19.

  •   Ijoolleen keessan oduuwwaniif ilaalcha sirrii akka qabaatan gargaaraa. Fakkeenyaaf, oduun waaʼee namoota ukkaamsanii fudhachuu ibsu, gochi kun yeroo baayʼee kan raawwatamu akka taʼe fakkaatee dhihaachuu dandaʼa. Eegumsa isaaniif gochuuf tarkaanfiiwwan akkamii akka fudhattan ijoollee keessaniif ibsaa. Kana malees, wantoonni suukanneessaan oduu irratti kan dhihaatan baramoo waan taʼaniif utuu hin taʼin, yeroo baayʼee kan hin raawwatamne waan taʼaniif akka taʼe yaadadhaa.

     “Ijoolleen keessan miira isaanitti dhagaʼamu akka dandamatan gargaaraa. Yeroo baayʼee miirri yaada irratti kan hundaaʼe dha; ijoolleen keenya wanta gaarii irratti akka xiyyeeffatan yoo isaan gargaarre, miirri gaariin isaanitti dhagaʼamuu dandaʼa.”—Loordas.

     Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Garaan nama ogeessa taʼee afaan isaatiif hubannaa kenna, dubbii isaatiifis dandeettii amansiisuu dabala.”—Fakkeenya 16:23.

a Ijoollee xixinnoon, halkan siree irratti fincaaʼuudhaan ykn mana barumsaa dhaquu fi warra isaanii irraa adda baʼuu sodaachuudhaan akka dhiphatan argisiisuu dandaʼu.