Dhimma ijoo ta'etti seeni

GARGAARSA MAATIIDHAAF TAʼU

Ijoolleen Gufuu Isaan Mudatu Akka Moʼan Gargaaruu

Ijoolleen Gufuu Isaan Mudatu Akka Moʼan Gargaaruu

 Ijoolleen keessan wanta godhan hundaan milkaaʼina argatu jedhanii eeguun kan hin dandaʼamne taʼuu isaa irra iyyuu, yeroon itti isaaniif hin milkoofne ni jiraata. Maarree yeroo kanatti abdii akka hin kutane isaan gargaaruu kan dandeessan akkamitti?

 Wanta beekuu qabdan

 Hundi keenya yeroon itti dogoggora raawwannu jira. Kitaabni Qulqulluun, ‘hundi keenya ni gufanna’ jedha. (Yaaqoob 3:2) Ijoolleenis gufachuu dandaʼu. Haa taʼu malee, wantoonni tokko tokko utuu isaaniif hin milkaaʼin hafuun isaanii gama tokkoon gaarii dha. Kunis, ijoolleen haala rakkisaa isaan mudatu dandamachuu akka baratan isaan gargaara. Ijoolleen dandeettii akkasii qabatanii kan hin dhalanne taʼus barachuu ni dandaʼu. Haati Loraa jedhamtu akkana jetteetti: “Anii fi abbaan manaa kiyya ijoolleen keenya yeroo dogoggora raawwatan rakkinni waan hin uumamne godhee fakkeessuu mannaa, ijoolleen haala sana akka dandamatan gochuun caalaatti gaarii akka taʼe hubanneerra. Akkas gochuun keenya wanti tokko karaa isaan yaadaniin utuu hin raawwatamin yommuu hafutti, dafanii akka abdii hin kutanne isaan gargaara.”

 Ijoolleen hedduun wanti tokko utuu isaaniif hin milkaaʼin yommuu hafu haala isaa karaa sirrii taʼeen dandamachuun isaanitti ulfaata. Kun kan taʼu, warri ijoolleen isaanii balleessaa tokko illee akka hin qabne godhanii waan isaanitti himaniifi dha. Fakkeenyaaf, mucaan tokko mana barumsaatti qabxii gad aanaa yommuu argatutti warri tokko tokko balleessaa barsiisaa akka taʼetti murteessuuf ariifatu. Yookiin mucaan tokko hiriyaa isaa wajjin yommuu wal lolu, warri isaa balleessaa hiriyaa mucaa isaanii akka taʼe dubbachuuf ariifatu.

 Haa taʼu malee, warri ijoolleen isaanii balleessaa akka hin qabne godhanii kan isaaniif falman erga taʼee, ijoolleen balleessaa akka qaban amanuudhaan wanta raawwataniif itti gaafatamummaa fudhachuu akkamitti barachuu dandaʼu ree?

 Wanta Gochuu Dandeessan

  •   Ijoolleen keessan miidhaa gochi isaanii irraan geessisu akka hubatan barsiisaa.

     Kitaabni Qulqulluun, “Namni waanuma facaase sana haammata” jedha.—Galaatiyaa 6:7.

     Gochi keenya buʼaa ykn miidhaa geessisu qaba. Tarkaanfiin dogoggora taʼe miidhaa geessisuu dandaʼa. Miidhaan yoo gaʼe immoo bakka buufamuu qaba. Ijoolleen seera sababaa fi buʼaa, akkasumas wanta raawwatame tokkoof gama isaaniitiin hamma tokko akka itti gaafataman hubachuu qabu. Kanaaf, balleessaa ijoolleen keessan raawwatan nama kan biraatti qabachuuf yaalii hin godhinaa. Kanaa mannaa, ijoolleen keessan dogoggora raawwatan irraa barumsa akka argatan godhaa. Mucaan tokko walitti dhufeenya balleessaan tokkoo fi miidhaan balleessaan sun geessisu gidduu jiru ifatti isaanitti mulʼachuu qaba.

  •   Ijoolleen keessan dandeettii furmaata barbaachuu akka gabbifatan gargaaraa.

     Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Namni qajeelaan siʼa torba utuma kufee iyyuu, deebiʼee in kaʼa.”—Fakkeenya 24:16.

     Wanti tokko utuu nuuf hin milkaaʼin yoo hafe kan nu gaddisuusu taʼus, wanta ulfaataa tasumaa gaʼee hin beekne dha jechuu miti. Ijoolleen keessan wanta darbetti aaruu mannaa, furmaata barbaaduu irratti akka isaan xiyyeeffatan isaan gargaaraa. Fakkeenyaaf, ilmi keessan qormaata mana barumsaatti qabxii gad aanaa yoo fide, haala isa mudate kana fooyyessuuf jabaatee qoʼachuudhaan yeroo itti aanutti qabxii gaarii argachuu akka dandaʼuuf isa gargaaraa. (Fakkeenya 20:4) Intalli keessan hiriyaa ishii tokkoo wajjin falmii cimaa gootee turteen balleessaan sun guutummaatti kan ishii taʼuu baatu illee, dhiifama gaafachuudhaan haalichi akka fooyyaʼu gochuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe akka hubattu ishii gargaaraa.—Roomaa 12:18; 2 Ximotewos 2:24.

  •   Ijoolleen keessan akka gad of qaban isaan barsiisaa.

     Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Namni isin gidduu jiru hundi, . . . hamma yaaduu qabu caalaa darbee waaʼee ofii isaa akka hin yaadne . . . isin nan gorsa.”—Roomaa 12:3.

     Wanta tokko raawwachuutti mucaan keessan hunda irra akka caalu gootanii itti himuun faayidaa hin qabu. Ijoollee mana barumsaatti qabxii ol aanaa argatan illee taanaan yeroo hundumaa qabxii akkasii galmeessisu jechuu miti. Ijoolleen ispoortiiwwan tokko tokkotti cimoo taʼanis yeroo hundumaa injifannoo argatu jechuu miti. Ijoolleen ofii isaaniitiif ilaalcha madaalamaa qaban, wanti tokko utuu isaaniif hin milkaaʼin yoo hafe haala isaa akka gaariitti dandamachuu dandaʼu.

     Kitaabni Qulqulluun, qorumsi nu mudatu kan nu cimsuu fi obsaan akka horannu nu leenjisuu akka dandaʼu dubbata. (Yaaqoob 1:2-4) Kanaaf, wanti tokko utuu nuuf hin milkaaʼin hafuun isaa kan nama gaddisiisu taʼus, ijoolleen keessan haala sanaaf ilaalcha madaalamaa akka horatan isaan gargaaraa.

     Akkuma ogummaa tokko barsiisuun yeroo fi carraaqqii gaafatu, ijoolleen dandeettii rakkina dandamachuu akka horatan barsiisuunis yeroo fi carraaqqii cimaa gaafata. Taʼus akkas gochuun keessan ijoolleen keessan dargaggoota gaarii akka taʼan waan isaan gargaaruuf carraaqqiin gootan isin hin gaabbisiisu. Kitaabni Letting Go With Love and Confidence jedhamu, “Dargaggoonni dandeettii rakkoowwan isaan mudatan dandamachuu horatan, haala dhiphisaa isaan mudate irraa furamuuf jecha carraa wanta sirrii hin taane gochuuf qaban muraasa dha” jedheera. Itti dabaluudhaanis, “Wanti hin yaadamne ykn haaraa taʼe tokko yommuu isaan mudatu yeroo baayʼee karaa milkaaʼina qabuun dandamatu” jedhee ibseera. Ijoolleen dandeettii rakkina dandamachuu horachuun isaanii erga nama guddaa taʼanii booda illee akka isaan gargaaru beekamaa dha.

 Gorsa gaarii: Fakkeenya gaarii taʼaa. Ijoolleen keessan wanti tokko utuu isaaniif hin milkaaʼin yoo hafe, haala sana akkamitti qabuu akka qaban kan baratan jireenya isaanii keessatti wanti gufuu taʼe yommuu isaan mudatu akkamitti akka qabdan ilaaluudhaan akka taʼe hin dagatinaa.