Dhimma ijoo ta'etti seeni

GARGAARSA MAATIIDHAAF TAʼU | GAAʼELA

Hinaaffaa Gaaʼela Keessatti Uumamurraa Fagaachuun Kan Dandaʼamu Akkamitti?

Hinaaffaa Gaaʼela Keessatti Uumamurraa Fagaachuun Kan Dandaʼamu Akkamitti?

 Hiriyoonni gaaʼelaa kan wal shakkanii fi kan wal hin amanne taanaan gammachuu qabaachuu hin dandaʼan. Maarree hinaaffaa hin barbaachifne irraa fagaachuu kan dandeessu akkamitti?

Mata duree kana keessatti

 Hinaaffaan maalidha?

 Jechi “hinaaffaa” jedhu wantoota hedduu of keessatti kan qabatedha. Mata duree kana keessatti hinaaffaan miira namni tokko hiriyaa gaaʼelaa keenya akka jaallate ykn hiriyaan gaaʼelaa keenya nama kan biraatiif xiyyeeffannaa akka kenne nutti dhagaʼamu kan argisiisudha. Yeroo kanatti gaaʼelli keenya balaadhaaf akka saaxilame nutti dhagaʼamuu dandaʼa. Haalli kun dhugumaan raawwatamnaan garuu miirri kun nutti dhagaʼamuunsaa sirriifi waanuma eegamudha. Gaaʼelli michooma cimaa namoota lama gidduutti uumamu yommuu taʼu hiriyoonni gaaʼelaas hariiroo kana eeguuf wanta isaaniif dandaʼame hunda gochuu qabu.

 Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Isaan sana booda foon tokko dha malee lama miti. Egaa, wanta Waaqayyo walitti hidhe namni kam iyyuu gargar hin baasin.”—Maatewos 19:6.

 “Wanti gaaʼela keerratti balaa geessisuuf jedhu yoo uumame, hinaaffaan akka akeekkachiisaatti tajaajiluudhaan balaa gaʼuuf jedhu si beeksisa akkasumas tarkaanfii akka fudhattu si kakaasa.”—Beenjaamiin.

 Hinaaffaan hin barbaachifne sababa tokko malee shakkii nama keessatti uumamudha. Jaalalli dhugaan hinaaffaa miidhaa qabu akkasiirraa akka fagaannu nu eega. (1 Qorontos 13:4, 7) Doktar Roobart Luwiis Liihay akkana jechuudhaan barreessaniiru: ‘Hinaaffaa hin barbaachifne qabaachuun gaaʼela kee balaadhaaf saaxila.’ a

 Hinaaffaan hin barbaachifne kan uumamu akkamitti?

 Tarii hiriyaan gaaʼelaa kee duraanii kan si gane taanaan hinaaffaan hin barbaachifne sitti dhagaʼamuu dandaʼa. Yookiin warri kee gaaʼelli isaanii amantaa dhabiinsaan kan diigame taanaan, atis kun akka si mudatu sodaan sitti dhagaʼamuu dandaʼa.

 “Ijoollee yeroon turetti abbaan koo haadha kootiif amanamaa utuu hin taʼin waan hafeef, yeroo hunda nama amanuun natti ulfaata. Kun miira koo waan miidheef yeroo tokko tokko abbaa manaa koo amanuun na rakkisa.”—Mallisaa.

 Sababa garabiraa: Yeroo baayʼee tasgabbiin sitti hin dhagaʼamu taanaan warri kaan gaaʼela kee akka diigan gootee yaaduun salphaadha. Kanarrayyuu darbee hiriyaan gaaʼelaa kee salphaadhumatti si dhiisee nama kan biraa wajjin akka deemu amanuu jalqabda.

 “Abbaan manaa koo cidha michuu isaa tokko irratti miinjee akka taʼu gaafatame; kun immoo dubartoota kaanii wajjin taʼuu gaafata. Yaanni kun natti hin tolle. Akka didun itti hime.”—Naaʼomii.

 Aadaan cidhaa biyyaa gara biyyaatti garaagara taʼus, Kiristiyaanonni qajeelfama Kitaaba Qulqulluutiin geggeeffamuu qabu. Miirri Naaʼomiitti dhagaʼame kun sirriidhaa? Amma waaʼee kanaa yeroo yaaddu hinaaffaan ishiitti dhagaʼamuuf wanta sababa taʼu hin turre. Akkana jetteetti: “Yeroo sanatti tasgabbiin natti hin dhagaʼamne ture. Abbaan manaa kiyya dubartoota kaanii wajjin kan na madaalu natti fakkaatee ture, taʼus kun dhugaa hin turre.”

 Sababnisaa maaliyyuu yoo taʼe, hinaaffaan sirrii hin taane, hiriyaa gaaʼelaa kee akka shakkitu akkasumas amanamaa akka hin taane gootee akka yaaddu si gochuu dandaʼa. Miirri akkasii gaaʼela kee akkasumas fayyaa keellee miidhuu dandaʼa.

 Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Hinaaffaan garuu lafee in bososiisa.”—Fakkeenya 14:30.

 Hinaaffaa sitti uumamu toʼachuu kan dandeessu akkamitti?

 Amanannaa waliif qabdan jabeessi. Wanta hiriyaan gaaʼelaa kee amanamaa akka hin taane argisiisu utuu hin taʼin, wanta isatti akka amanamtu godhu irratti xiyyeeffadhu.

 “Amalawwan gaarii abbaan manaa kiyya qabu irrattan xiyyeeffadha. Warra kaaniif xiyyeeffannaa kennuun isaa, namootaaf waan yaaduuf malee miira hin taane waan qabuuf miti. Gaaʼelli warra koo gaarii taʼuu dhiisuun isaa gaaʼelli kiyya gadhee taʼa jechuu miti.”—Mallisaa.

 Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Jaalalli . . . waan hundumaa amana.”—1 Qorontos 13:4, 7.

 Shakkiin kee sirrii akka taʼe gootee hin fudhatin. Doktar Liihay olitti caqasaman akkana jedhaniiru: “Yeroo tokko tokko wanti yaannu dhugaa akka taʼan goonee fudhanna. Mirkanaaʼoo goonee waan yaannuuf dhugumaan akka raawwatame nutti dhagaʼama. Wanti tokko dhuguma akka raawwatame goonee amanuun garuu dhugaa isa hin taasisu; ofiif mirkanaaʼoo taʼuun wanta tokko dhugaa hin taasisu.” b

 “Haala tokko ilaaluudhaan wanti hin taane akka raawwatame goonee kan fudhannu taanaan gaaʼela keenya keessatti rakkinni akka uumamu goona.”—Naadinee.

 Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Garraamummaan keessan nama hundumaa biratti haa beekamu!”—Filiphisiyus 4:5.

 Wanta isin yaaddessan irratti mariʼadhaa. Hinaaffaan akka sitti dhagaʼamu kan godhe maaliyyuu yoo taʼe amala sitti hin tollee fi irraa fagaachuu qabdan ilaalchisee hiriyaa gaaʼelaa kee wajjin irratti mariʼadhaa.

 “Maree akkasii yeroo gootanitti hiriyaan gaaʼelaa kee si miidhu akka barbaade ykn murtoo kan biraa gochuuf akka yaade gootee hin yaadin. Hiriyaan gaaʼelaa kee kakaʼumsa gaarii akka qabu godhii yaadi. Tarii ati miirri kee dafee waan tuqamuuf wanta hedduu isarraa eegaa jirta taʼa. Ykn hiriyaan gaaʼelaa kee xiyyeeffannaa ati barbaaddu kan siif hin kennine taʼuusaa hin hubanne taʼa.”—Seyaaraa.

 Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Namni hundi yeroo hundumaa faayidaa mataa isaa utuu hin taʼin, faayidaa nama kan biraa haa barbaadu.”—1 Qorontos10:24.

a b Kitaaba The Jealousy Cure jedhamu irraa kan fudhatame dha.