Dhimma ijoo ta'etti seeni

Rakkinoota Hundaaf Sababa kan Taʼe Diyaabilosii?

Rakkinoota Hundaaf Sababa kan Taʼe Diyaabilosii?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

 Kitaabni Qulqulluun Diyaabilos qaama dhugumaan jiru akka taʼee fi akkuma yakkamaa humna guddaa qabu tokkoo kaayyoo isaa raawwachuuf “mallattoowwan sobaa” fi ‘gowwoomsaatti’ akka fayyadamu ibsa. Siruma iyyuu inni ‘maleekaa ifaa fakkaachuuf akka of jijjiiru’ Kitaabni Qulqulluun ni dubbata. (2 Tasalonqee 2:9, 10; 2 Qorontos 11:14) Diyaabilos jiraachuu isaa miidhaa inni geessisu irraa hubachuun ni dandaʼama.

 Haa taʼu malee, Diyaabilos rakkinoota hundaaf itti hin gaafatamu. Maaliif akkas jenna? Waaqayyo ilmaan namootaa wanta gaarii fi wanta gadhee raawwachuuf filachuu akka dandaʼan godhee isaan uume. (Iyaasuu 24:15) Filannoo dogoggoraa yommuu goonu miidhaa isaa haammachuun keenya hin oolu.—Galaatiyaa 6:7, 8.