Dhimma ijoo ta'etti seeni

Waaqayyo Lubbu Qabeeyyii Garaagaraa Uumuuf Jijjiirama Tirannaatti Fayyadameeraa?

Waaqayyo Lubbu Qabeeyyii Garaagaraa Uumuuf Jijjiirama Tirannaatti Fayyadameeraa?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

 Lakki. Kitaabni Qulqulluun, Waaqayyo bineensotaa fi biqiltuuwwan akka “qomoo qomoo” isaaniitti akka uume ifatti dubbata. a (Uumama 1:12, 21, 25, 27; Mulʼata 4:11) Guutummaan maatii ilmaan namootaa warra keenya jalqabaa kan taʼan Addaamii fi Hewaan irraa akka dhufe dubbata. (Uumama 3:20; 4:1) Kitaabni Qulqulluun, Waaqayyo uumamawwan qomoo garaa garaa uumuuf jijjiirama tirannaatti fayyadameera yaada jedhu hin deggeru. Haa taʼu malee, yaadni Kitaaba Qulqulluu kam iyyuu qorannaa saayinsii qomoo lubbu qabeeyyii hunda keessatti garaa garummaan akka jiru ibsu wajjin wal hin faallessu.

 Waaqayyo jijjiirama tirannaatti fayyadameeraa?

 Namoonni Waaqayyo lubbu qabeeyyii uumuuf jijjiirama tirannaatti fayyadameera jedhanii amanan, karaa kana itti godhe ilaalchisee yaadni qaban garaa gara dha. Kitaabni Encyclopædia Britannica jedhamu akka jedhutti “namoonni tokko tokko filannoon uumamaa (natural selection) malawwan Waaqayyo addunyaa ittiin geggeessu keessaa isa tokko dha jedhanii amanu.”

 Yaadni Waaqayyo lubbu qabeeyyii uumuuf jijjiirama tirannaatti fayyadama jedhu, yaadawwan kanaa gadiis dabalachuu dandaʼa:

  •   Lubbu qabeeyyiin hundinuu abaabilii dur dur ture tokko irraa dhufan.

  •   Uumamni lubbu qabeessa taʼe tokko tirannaadhaan guutummaatti jijjiiramee lubbu qabeessa kan biraa taʼuu dandaʼa.

  •   Adeemsawwan kanaaf karaa taʼe tokkoon gumaacha kan godhe Waaqayyoo dha.

 Yaadni jijjiirama tirannaa Kitaaba Qulqulluu wajjin wal simaa?

 Yaadni Waaqayyo lubbu qabeeyyii kan uume jijjiirama tirannaatti fayyadameeti jedhu, seenaan Kitaaba Qulqulluu Seera Uumamaa irra jiru guutummaatti sirrii miti yaada jedhu dabarsa. Yesuus garuu, seenaa Seera Uumamaa irra jiru kana irra deebiʼee ibsuudhaan dhugaa akka taʼe argisiiseera. (Uumama 1:26, 27; 2:18-24; Maatewos 19:4-6) Kitaabni Qulqulluun, Yesuus gara lafaa dhufuu isaa dura Waaqayyo wajjin samii irra akka jiraatee fi ‘wanta hunda’ gara jireenyaatti fiduu irratti abbaa isaa akka gargaare dubbata. (Yohaannis 1:3) Kanaafuu, yaadni Waaqayyo bifawwan lubbu qabeeyyii adda addaa uumuuf jijjiirama tirannaatti fayyadameera jedhu wanta Kitaabni Qulqulluun barsiisu wajjin wal hin simu.

 Biqiltuuwwanii fi bineensonni, naannoo isaanii wajjin wal simanii jiraachuuf jecha of jijjiiruu dandaʼuun isaanii yaada jijjiirama tirannaa kan deggeru dhaa?

 Kitaabni Qulqulluun qomoo tokko keessatti garaa garummaan hammamii argamuu akka dandaʼu hin ibsu. Taʼu iyyuu, bineensonnii fi biqiltuuwwan qomoo adda addaa Waaqayyo uume, sababa wal hormaataatiin ykn naannoo haaraa wajjin wal simanii jiraachuuf jecha garaa garummaa uumuu akka dandaʼan yaada ibsu wajjin wal hin faallessu. Namoonni tokko tokko kun jijjiirama tirannaati yaada jedhu qabaatan illee, lubbu qabeessi haaraan hin uumamne.

a Kitaabni Qulqulluun jecha “qomoo” jedhutti kan fayyadamu siʼa taʼu, jechi kun jecha “sanyii” jedhuu fi saayintistoonni itti fayyadaman caalaa hiika balʼaa qaba. Yeroo tokko tokko saayintistoonni sanyiin lubbu qabeeyyii haaraan jijjiirama tirannaatiin argameera jedhu; haa taʼu malee kun jijjiirama tirannaa utuu hin taʼin, akka seenaa Uumama irra jiruutti garaa garummaa qomoo tokko gidduu jiru dha.